< Yaratiliş 34 >

1 Lea'yla Yakup'un kızı Dina bir gün yöre kadınlarını ziyarete gitti.
Diinaan intalli Liyaan Yaaqoobiif deesse sun dubartoota biyyattii ilaaluudhaaf gad baate.
2 O bölgenin beyi Hivli Hamor'un oğlu Şekem Dina'yı görünce tutup ırzına geçti.
Sheekem ilmi Hamoor namicha gosa Hiiwii kan bulchaa biyya sanaa ture ishee arge; innis qabee humnaan ishee gudeede.
3 Yakup'un kızına gönlünü kaptırdı. Dina'yı sevdi ve ona nazik davrandı.
Qalbiin isaas Diinaa intala Yaaqoobiin fudhatame; innis ishee jaallatee afaan tolaa itti dubbate.
4 Babası Hamor'a, “Bu kızı bana eş olarak al” dedi.
Sheekemis abbaa isaa Hamooriin, “Intala kana na fuusisi” jedhe.
5 Yakup kızı Dina'nın kirletildiğini duyduğunda, oğulları kırda hayvanların başındaydı. Yakup onlar gelinceye kadar konuşmadı.
Yaaqoob yommuu intalli isaa Diinaan akka gudeedamte dhagaʼetti, ilmaan isaa dirree irra horii tiksu turan; kanaafuu Yaaqoob hamma isaan galanitti ni calʼise.
6 Bu arada Şekem'in babası Hamor konuşmak için Yakup'un yanına gitti.
Hamoor abbaan Sheekemis Yaaqoob wajjin dubbachuu dhaqe.
7 Yakup'un oğulları olayı duyar duymaz kırdan döndüler. Üzüntülü ve çok öfkeliydiler. Çünkü Şekem Yakup'un kızıyla yatarak İsrail'in onurunu kırmıştı. Böyle bir şey olmamalıydı.
Ilmaan Yaaqoobis akkuma waan uumame sana dhagaʼaniin dirreedhaa dhufan. Isaanis sababii Sheekem intala Yaaqoob wajjin ciisuudhaan Israaʼel keessatti waan jibbisiisaa hojjeteef ni gaddan; akka malees aaran.
8 Hamor onlara, “Oğlum Şekem'in gönlü kızınızda” dedi, “Lütfen onu oğluma eş olarak verin.
Hamoor garuu akkana isaaniin jedhe; “Qalbiin ilma koo Sheekem intala keessan irra buʼeera. Maaloo isatti ishee heerumsiisaa.
9 Bizimle akraba olun. Birbirimize kız verip kız alalım.
Fuudhaa fi heerumaan walitti firoomnaa; intallan keessan nuu kennaa; intallan keenyas fuudhaa.
10 Bizimle birlikte yaşayın. Ülke önünüzde, nereye isterseniz yerleşin, ticaret yapın, mülk edinin.”
Nu wajjin jiraadhaa; biyyattiin fuula keessan dura jirti; keessa jiraadhaatii itti daldalaa; qabeenyas itti horadhaa.”
11 Şekem de Dina'nın babasıyla kardeşlerine, “Bana bu iyiliği yapın, ne isterseniz veririm” dedi,
Sheekemis abbaa Diinaatii fi obboloota isheetiin akkana jedhe; “Ani fuula keessan duratti fudhatama argannaan waanuma isin naan jettan isiniif nan kenna.
12 “Ne kadar başlık ve armağan isterseniz isteyin, dilediğiniz her şeyi vereceğim. Yeter ki, kızı bana eş olarak verin.”
Isinis gabbara misirrittiitii fi kennaa ani fiduu qabu hamma feetan natti muraa; anis waan isin naan jettan nan baasa. Intalattii qofa natti heerumsiisaa.”
13 Kızkardeşleri Dina'nın ırzına geçildiği için, Yakup'un oğulları Şekem'le babası Hamor'a aldatıcı bir yanıt verdiler.
Ilmaan Yaaqoob immoo waan Sheekem obboleettii isaanii Diinaa gudeedeef yeroo Sheekemii fi abbaa isaa Hamooriif deebii kennanitti haxxummaadhaan dubbatan.
14 “Olmaz, kızkardeşimizi sünnetsiz bir adama veremeyiz” dediler, “Bizim için utanç olur.
Isaanis akkana isaaniin jedhan; “Nu waan akkanaa gochuu hin dandeenyu; nu nama dhagna hin qabatiniif intala keenya kennuu hin dandeenyu. Kun nuuf salphina.
15 Ancak şu koşulla kabul ederiz: Bütün erkekleriniz bizim gibi sünnet olursa,
Nu waan tokko qofaan tole isiniin jenna; kunis yoo isin dhiira keessan hunda dhagna qabdanii akkuma keenya taatanii dha.
16 birbirimize kız verip kız alabiliriz. Sizinle birlikte yaşar, bir halk oluruz.
Ergasii nu intallan keenya isinii kennina; intallan keessan immoo ni fuuna. Gidduu keessan ni jiraanna; isin wajjinis saba tokko ni taana.
17 Eğer kabul etmez, sünnet olmazsanız, kızımızı alır gideriz.”
Garuu yoo isin dhagna qabachuu diddan nu obboleettii keenya fudhannee deemna.”
18 Bu öneri Hamor'la oğlu Şekem'e iyi göründü.
Dubbiin isaanii Hamoorii fi Sheekem ilma Hamoor ni gammachiise.
19 Ailesinde en saygın kişi olan genç Şekem öneriyi yerine getirmekte gecikmedi. Çünkü Yakup'un kızına aşıktı.
Sheekem namoota mana abbaa isaa jiraatan hunda caalaa kabajamaa ture; inni sababii intala Yaaqoobitti gammadeef waan kana lafa irra hin harkifne;
20 Hamor'la oğlu Şekem durumu kent halkına bildirmek için kentin kapısına gittiler.
Hamoorii fi ilmi isaa Sheekem gara karra magaalaa isaanii dhufanii namoota magaalaa isaaniitiin akkana jedhan;
21 “Bu adamlar bize dostluk gösteriyor” dediler, “Ülkemizde yaşasınlar, ticaret yapsınlar. Topraklarımız geniş, onlara da yeter, bize de. Birbirimize kız verip kız alabiliriz.
“Jarri kun nuuf warra nagaa ti; kanaafuu biyyattii keessa jiraatanii itti haa daldalatan. Biyyattiin isaaniif lafa balʼaa qabdi; nu intallan isaanii haa fuunu; isaanis intallan keenya haa fuudhan.
22 Yalnız, şu koşulla bizimle birleşmeyi, birlikte yaşamayı kabul ediyorlar: Bizim erkeklerin de kendileri gibi sünnet olmasını istiyorlar.
Garuu namoonni kunneen akka saba tokkootti nu wajjin jiraachuuf tole kan jedhan yoo dhiironni keenya akkuma isaanii dhagna qabatan qofa.
23 Böylece bütün sürüleri, malları, öbür hayvanları da bizim olur, değil mi? Gelin onlarla anlaşalım, bizimle birlikte yaşasınlar.”
Loon isaanii, qabeenyi isaaniitii fi horiin isaanii kaan hundinuu kanuma keenya hin taʼanii? Kanaafuu kottaa tole isaaniin jennaa; isaanis nu wajjin ni jiraatu.”
24 Kent kapısından geçen herkes Hamor'la oğlu Şekem'in söylediklerini kabul etti ve kentteki bütün erkekler sünnet oldu.
Namoonni karra magaalaa sanaatiin gad baʼan hundinuu Hamoorii fi ilma isaa Sheekemiin walii galan; dhiironni karra magaalaa sanaatiin gad baʼan hundinuus dhagna qabatan.
25 Üçüncü gün erkekler daha sünnetin acısını çekerken, Yakup'un oğullarından ikisi –Dina'nın kardeşleri Şimon'la Levi– kılıçlarını kuşanıp kuşku uyandırmadan kente girip bütün erkekleri kılıçtan geçirdiler.
Guyyaa sadii booddee utuma isaan dhukkubsachaa jiranuu, ilmaan Yaaqoobii keessaa namni lama Simiʼoonii fi Lewwiin, obboloonni Diinaa, goraadee isaanii fudhatanii magaalaa homaa quba hin qabne sana dhaʼanii dhiira hunda ajjeesan.
26 Hamor'la oğlu Şekem'i de öldürdüler. Dina'yı Şekem'in evinden alıp gittiler.
Isaanis goraadeedhaan Hamoorii fi ilma isaa Sheekemin ajjeesanii Diinaa immoo mana Sheekemiitii fudhatanii qajeelan.
27 Sonra Yakup'un bütün oğulları cesetleri soyup kenti yağmaladılar. Çünkü kızkardeşlerini kirletmişlerdi.
Ilmaan Yaaqoobis reeffawwan irra darbanii magaalaa obboleettiin isaanii itti gudeedamte sana saaman.
28 Kentteki ve kırdaki davarları, sığırları, eşekleri ele geçirdiler.
Isaanis bushaayee isaanii, loon isaanii, harroota isaaniitii fi waan isaan magaalaa keessaa fi alaa qaban hunda fudhatan.
29 Bütün mallarını, çocuklarını, kadınlarını aldılar, evlerindeki her şeyi yağmaladılar.
Qabeenya isaanii hunda, dubartootaa fi ijoollee isaanii hunda fudhatanii deeman; waan mana keessa jiru hundas ni boojiʼan.
30 Yakup, Şimon'la Levi'ye, “Bu ülkede yaşayan Kenanlılar'la Perizliler'i bana düşman ettiniz, başımı belaya soktunuz” dedi, “Sayıca azız. Eğer birleşir, bana saldırırlarsa, ailemle birlikte yok olurum.”
Yaaqoobis Simiʼoonii fi Lewwiidhaan akkana jedhe; “Isin akka ani Kanaʼaanotaa fi Feerzota biyya kana jiraatanitti xireeffatamu gochuudhaan rakkoo natti fiddan. Nu baayʼinaan xinnoo dha; yoo isaan humna walitti dabalatanii na lolan anii fi warri mana koo hundinuu ni dhumna.”
31 Şimon'la Levi, “Kızkardeşimize bir fahişe gibi mi davranmalıydı?” diye karşılık verdiler.
Isaan garuu, “Yoos inni akkuma sagaagaltuu tokkootti obboleettii keenyatti haa taphatuu ree?” jedhanii deebisan.

< Yaratiliş 34 >