< Hezekiel 6 >

1 RAB bana şöyle seslendi:
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
2 “Ey insanoğlu, yüzünü İsrail dağlarına doğru çevir ve onlara karşı peygamberlik et.
“Yaa ilma namaa, fuula kee gara tulluuwwan Israaʼelitti deebifadhuutii isaaniin mormuudhaan raajii dubbadhu;
3 De ki, ‘Ey İsrail dağları, Egemen RAB'bin sözünü dinleyin. Egemen RAB dağlara, tepelere, vadilere, derelere şöyle diyor: Üzerinize kılıç göndereceğim, tapınma yerlerinizi yıkacağım.
akkanas jedhi; ‘Yaa tulluuwwan Israaʼel, dubbii Waaqayyo Gooftaa dhagaʼaa. Waaqayyo Gooftaan tulluuwwanii fi gaarraniin, hallayyaawwanii fi sululawwaniin akkana jedha: Ani goraadee isinitti fiduufan jira; iddoowwan sagadaa keessan kanneen iddoo ol kaʼaa irraa illee nan balleessa.
4 Sunaklarınızı devirecek, buhur sunaklarınızı paramparça edeceğim. Kılıçtan geçirilmiş halkınızı putlarınızın önüne düşüreceğim.
Iddoowwan aarsaa keessan ni diigamu; iddoowwan aarsaa keessanii kan ixaanaa ni caccabu; anis namoota keessan fuula waaqota keessan tolfamoo duratti nan gorraʼa.
5 İsrailliler'in cesetlerini putlarının önüne atacak, kemiklerini sunaklarının çevresine dağıtacağım.
Reeffa Israaʼelootaa fuula waaqota isaanii tolfamoo dura nan ciciibsa; lafee keessanis naannoo iddoo aarsaa keessaniitti nan bittinneessa.
6 Yaşadığınız her yerde kentleriniz yakılıp yıkılacak, tapınma yerleriniz yerle bir edilecek. Öyle ki, sunaklarınız devrilip yıkılsın, putlarınız ezilip paramparça olsun, buhur sunaklarınız yok edilsin, el emeğiniz boşa çıksın.
Akka iddoowwan aarsaa keessanii diigamanii barbadeeffamaniif, akka waaqonni keessan tolfamoon caccabanii hunkutaaʼaniif, akka iddoowwan aarsaa keessanii kan ixaanaa burkuteeffamanii fi akka hojiin harka keessanii balleeffamuuf iddoo isin jiraattan hunda keessatti magaalaawwan keessan ni onu; iddoowwan sagadaa keessan kanneen iddoowwan ol kaʼoo irraas ni barbadeeffamu.
7 Halkınız her yerde öldürülecek. O zaman benim RAB olduğumu anlayacaksınız.
Namoonni keessan qalamanii gidduu keessanitti harcaʼu; isinis akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.
8 “‘Birkaç kişiyi ölümden kurtaracağım. Ülkelere, uluslar arasına dağılan bazılarınız kılıçtan kurtulacak.
“‘Ani garuu yommuu isin biyyootaa fi saboota gidduutti bittinnooftanitti sababii isin keessaa gariin goraadee jalaa miliqxaniif, namoota muraasa nan hambisa.
9 Kurtulanlar tutsak alındıkları uluslarda beni anımsayacaklar. Benden dönen sadakatsiz yüreklerinden, putları ardınca şehvete sürükleyen gözlerinden derin acı duydum. Yaptıkları kötülükler ve iğrenç uygulamalar yüzünden kendilerinden tiksinecekler.
Warri miliqan sun saboota itti boojiʼaman sana keessa taaʼanii yaada isaanii ejjaa isa narraa garagalee fi ija isaanii isa waaqota isaanii tolfamoo dharraʼe sanaan hammam akka na gaddisiisan ni yaadatu. Isaanis hammina hojjetanii fi gochawwan isaanii jibbisiisoo hundaaf of jibbu.
10 Benim RAB olduğumu, başlarına bu felaketi getireceğimi boşuna söylemediğimi anlayacaklar.
Isaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku; ani waan hamaa kana isaanittin fida jedhee akkasumaan hin dubbanne.
11 “‘Egemen RAB şöyle diyor: Ellerini çırp, ayaklarını yere vur, İsrail halkının bütün kötü ve iğrenç uygulamalarından ötürü ah çek! Çünkü kılıçla, kıtlıkla, salgın hastalıkla yok olacaklar.
“‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Sababii hamminaatii fi gochaawwan jibbisiisoo mana Israaʼel hundaatiif isaan goraadeedhaan, beelaa fi dhaʼichaan ni dhumuutii harka kee walitti rukutii, miilla keetiinis lafa dhiitii, “Ani bade!” jedhii booʼi.
12 Uzaktakiler salgın hastalıktan ölecek, yakındakiler kılıçtan geçirilecek, kuşatma sırasında sağ kalanlar kıtlıktan ölecek. Böylece onlara duyduğum öfkeye son vereceğim.
Inni fagoo jiru dhaʼichaan ni duʼa; kan dhiʼoo jirus goraadeedhaan ni galaafatama; kan hafee fi kan miliqe immoo beelaan duʼa. Anis haala kanaan dheekkamsa koo isaanitti nan roobsa.
13 Putlarının arasına, sunaklarının çevresine, her yüksek tepeye, dağ doruğuna, her yeşeren bol yapraklı ağacın altına cesetleri serilince, benim RAB olduğumu anlayacaklar. Oralarda putlarına güzel kokulu buhur sundular.
Isaan yeroo namoonni isaanii naannoo iddoowwan aarsaa isaaniitti, waaqota isaanii tolfamoo gidduutti, gaarran ol dhedheeroo hunda irratti, fiixee tulluuwwanii hunda irratti, mukkeen lalisoo hunda jalattii fi qilxuu baala baayʼatu hunda jalatti jechuunis iddoowwan isaan itti waaqota isaanii tolfamoo sanaaf ixaana urgaaʼaa aarsan hundatti gorraʼamanii ciciisanitti, akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.
14 Elimi onlara karşı uzatacak, çölden Rivla'ya kadar yaşadıkları ülkeyi yerle bir edip ıssız bırakacağım. O zaman benim RAB olduğumu anlayacaklar.’”
Anis harka koo isaanitti nan kaasa; iddoo isaan jiraatan hundatti jechuunis gammoojjiidhaa jalqabee hamma Diblaatiitti biyyattii nan onsa. Isaanis akka ani Waaqa taʼe ni beeku.’”

< Hezekiel 6 >