< Hezekiel 31 >

1 Sürgünlüğümüzün on birinci yılı, üçüncü ayın birinci günü RAB bana şöyle seslendi:
Waggaa kudha tokkoffaatti, jiʼa sadaffaa keessa, guyyaa tokkoffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
2 “İnsanoğlu, firavuna ve halkına de ki, “‘Görkemde kim seninle boy ölçüşebilir?
“Yaa ilma namaa, Faraʼoon mooticha Gibxii fi tuuta namoota isaatiin akkana jedhi: “‘Surraadhaan eenyutu siin qixxaata?
3 Asur'a bak! Lübnan'da bir sedir ağacıydı, Ormana gölge salan güzel dalları vardı. Çok yüksekti, tepesi bulutlara erişiyordu.
Kunoo Asoor akka birbirsa Libaanoon kan dameewwan mimmiidhagoo qabuu fi bosonaaf gaaddisa taʼee akka malee ol dheeraa fi kan fiixeen isaa duumessa tuqe ture.
4 Sular ağacı besledi, Derin su kaynakları büyüttü. Akarsular dikili olduğu yerin çevresine akıyor, Kanalları kırdaki bütün ağaçlara erişiyordu.
Bishaan isa biqilche; burqaawwan gad fagoon immoo isa guddise; lageen isaanii hidda isaa hunda marsanii yaaʼanii bishaan isaanii gara mukkeen bosonaa hundaatti ergu.
5 Kırdaki bütün ağaçlardan daha çok büyüdü. Bol su verildiği için Dal budak saldı, dalları uzadı.
Kanaafuu inni mukkeen bosonaa hundaan olitti akka malee ol dheerate; lataan isaa ni baayʼate; dameen isaas ni guddate; inni bishaan baayʼee argatee babalʼateeraatii.
6 Kuşlar dallarına yuva yaptı, Yabanıl hayvanlar dalları altında yavruladı, Büyük uluslar gölgesinde yaşadı.
Simbirroonni samii hundi damee isaa irratti manʼee ijaarratan; bineensonni dirree hundi damee isaa jalatti dhalan; saboonni gurguddaan hundinuus, gaaddisa isaa jala jiraatan.
7 Güzellikte eşsizdi. Dalları giderek uzadı, Çünkü kökleri bol su alıyordu.
Inni sababii hidda isaa gara bishaan baayʼeetti gad fageeffateef, dameewwan isaa kanneen babalʼatan wajjin akka malee miidhagaa ture.
8 Tanrı'nın bahçesindeki sedir ağaçlarından hiçbiri Onunla boy ölçüşemezdi, Çam ağaçları dalları kadar bile değildi. Çınarlar onun dallarıyla boy ölçüşemezdi. Tanrı'nın bahçesindeki ağaçların hiçbiri Onun kadar güzel değildi.
Gaattiraawwan iddoo biqiltuu Waaqaa keessa jiran isa gituu hin dandeenye; yookaan mukkeen birbirsaa dameewwan isaatiin hin qixxaatan; mukni waddeessaas dameewwan isaatiin hin qixxaatu; mukni iddoo biqiltuu Waaqaa keessa jiru tokko iyyuu miidhagina isaatiin wal bira hin qabamu.
9 Sık dallarla o sedir ağacını güzelleştirdim. Tanrı'nın bahçesi Aden'deki bütün ağaçlar onu kıskandı.
Ani dameewwan baayʼeedhaan isa nan miidhagse; mukkeen Eeden kanneen iddoo biqiltuu Waaqaa keessa jiran hundi isatti hinaafan.
10 “‘Bu yüzden Egemen RAB şöyle diyor: Ağaç büyüyüp boy attığı, tepesi bulutlara eriştiği, büyüklüğünden ötürü gurura kapıldığı için
“‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Sababii inni ol dheeratee fiixeen isaa duumessa tuqee inni dheerina isaatiin of tuuleef,
11 ben de onu kovdum, ulusların önderinin eline teslim ettim. Ona kötülüğü uyarınca davranacak.
akka inni waan hammina isaatiif malu isaaf kennuuf, ani dabarseen bulchaa sabootaatti isa kenne. Darbadhees isa nan gate;
12 Yabancı ulusların en acımasızı onu kesip yalnız bıraktı. Dalları dağlara, derelere düştü; ülkenin vadilerinde kesilmiş duruyor. Yeryüzündeki bütün uluslar gölgesinden çekilip onu bıraktılar.
alagoonni akka malee hamoonis cicciranii isa gatan. Lataawwan isaa gaarran irraa fi sululawwan keessatti harcaʼa; dameewwan isaa immoo cicciramanii boʼoowwan bishaanii hunda keessa buʼan. Saboonni lafaa hundi gaaddisa isaa jalaa baʼanii isa dhiisanii deeman.
13 Bütün kuşlar devrik ağaca kondu, yabanıl hayvanlar dalları arasına yerleşti.
Simbirroonni samii hundi muka jige sana irra qubatan; bineensonni dirree hundinuus dameewwan isaa gidduu turan.
14 Öyle ki, suların yakınında yetişen hiçbir ağaç böylesi büyüyüp boy atmasın, tepesini bulutlara eriştirmesin; bol suyla sulanan hiçbir ağaç bu denli yükselmesin. Çünkü hepsi ölüm çukuruna inen insanlarla birlikte ölüme, yerin derinliklerine gidecek.
Kanaafuu mukni bishaan bira jiru kam iyyuu akka malee hin guddatu yookaan fiixeen isaa duumessa hin tuqu. Mukni akkasitti bishaan quufe kam iyyuu akkas ol dheeratee hin beeku. Isaan hundi warra duʼanii boolla qileetti gad buʼan wajjin akka duʼan itti murteeffameera.
15 “‘Egemen RAB şöyle diyor: Sedir ağacı ölüler diyarına indiği gün, ona yas tutsunlar diye derin su kaynaklarını kapattım. Irmaklarını durdurdum, gür sularının önünü kestim. O ağaç yüzünden Lübnan'ı karanlığa boğdum, bütün orman ağaçlarını kuruttum. (Sheol h7585)
“‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedhe: Guyyaa inni awwaalametti ani isaaf jedhee burqaawwan gad fagoo gaddaan nan guute; lageen isaa nan ittise; bishaan isaa guddichis yaaʼuu dhiise. Sababii isaatiif ani Libaanoonitti dukkana nan uffise; mukkeen dirree hundis ni gogan. (Sheol h7585)
16 Ölüm çukuruna inenlerle birlikte onu ölüler diyarına indirdiğimde, yıkılışının gürültüsünden ulusları titrettim. O zaman Aden Bahçesi'ndeki bütün ağaçlar, Lübnan'ın en seçkin, en iyi, bol sulanan ağaçları yerin derinliklerinde avunç buldu. (Sheol h7585)
Yommuu ani warra boolla buʼan sanatti dabalee awwaala keessa isa buusutti sagalee kufaatii isaatiin ani saboota nan hollachiisa. Ergasiis mukkeen Eeden kanneen Libaanoon keessaa filatamoo fi kan addaa taʼan hundi, mukkeen akka gaarii bishaan obaafaman hundi boolla keessatti jajjabeeffaman. (Sheol h7585)
17 Gölgesinde yaşayanlar, uluslar arasında onu destekleyenler de onunla birlikte ölüler diyarına, kılıçla öldürülmüşlerin yanına indiler. (Sheol h7585)
Warri gaaddisa isaa jala jiraatan kanneen saboota gidduudhaa isaaf tumsan, warra goraadeedhaan ajjeefamanitti makamuuf isa wajjin awwaala keessa buʼan. (Sheol h7585)
18 “‘Aden ağaçlarından hangisi görkem ve yücelikte seninle boy ölçüşebilir? Ama sen de Aden ağaçlarıyla birlikte yerin derinliklerine indirilecek, sünnetsizlere, kılıçla öldürülmüşlere katılacaksın. “‘İşte firavunla halkının sonu böyle olacaktır.’ Egemen RAB böyle diyor.”
“‘Mukkeen Eeden keessaa kan ulfinaa fi surraadhaan siin qixxaatu kami? Taʼu iyyuu mukkeen Eeden wajjin boolla buuta; ati warra goraadeedhaan ajjeefaman wajjin, namoota dhagna hin qabatin gidduu ciifta. “‘Kun Faraʼoonii fi waldaa uummata isaa hunda, jedha Waaqayyo Gooftaan.’”

< Hezekiel 31 >