< Misir'Dan Çikiş 39 >

1 Kutsal yerde hizmet için lacivert, mor, kırmızı iplikten özenle dokunmuş giysiler yaptılar. Ayrıca RAB'bin Musa'ya buyurduğu gibi Harun'a kutsal giysiler yapıldı.
Isaanis uffata kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee fi bildiimaan dhaʼame kan iddoo qulqulluu keessa tajaajiluuf fayyadu hojjetan. Akkuma Waaqayyo Musee ajajettis uffata qulqulluu Arooniif hojjetan.
2 Efodu altın sırmayla lacivert, mor, kırmızı iplikle, özenle dokunmuş ince ketenden yaptılar.
Isaanis warqee fi kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen dirata hojjetan.
3 Altını ince tabakalar halinde dövüp lacivert, mor, kırmızı iplik ve ince keten arasına ustaca işlemek için tel tel kestiler.
Isaanis kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa qalʼaa isaa tolchuuf jedhanii warqee sana ogummaa harkaatiin tumanii akka baalaatti haphisanii foʼaa foʼaatti gargar kukkutan.
4 Efodun iki köşesine tutturulmuş omuzluklar yaparak birleştirdiler.
Isaanis akka inni walitti guduunfamuu dandaʼuuf funyoo gatiittii kan golee isaa lamaanitti hidhamee ture dirata sanaaf tolchan.
5 Efodun üzerindeki ustaca dokunmuş şerit efodun bir parçası gibi altın sırmayla lacivert, mor, kırmızı iplikle, özenle dokunmuş ince ketendendi; tıpkı RAB'bin Musa'ya buyurduğu gibiydi.
Sabbanni isaa kan ogummaadhaan dhaʼames akkuma isaa dirata wajjin tokko taʼee warqeedhaan, kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen akkuma Waaqayyo Musee ajajetti hojjetame.
6 Altın yuvalar içine kakılmış, üzerine İsrailoğulları'nın adları mühür gibi oyulmuş oniksi işleyip
Isaanis dhagaawwan sardooniksii qopheessanii marsaa faaya warqee naannoo isaatti tolchan; maqaa ilmaan Israaʼelis akka chaappaatti isaan irratti soofan.
7 İsrailliler'in anılması için efodun omuzluklarına taktılar. Tıpkı RAB'bin Musa'ya buyurduğu gibi yaptılar.
Ergasiis akka ilmaan Israaʼeliif dhagaa yaadannoo taʼuuf akkuma Waaqayyo Musee ajajetti dhagaawwan sana funyoo gatiittii dirata sanatti qabsiisan.
8 Efod gibi altın sırmayla lacivert, mor, kırmızı iplikle, özenle dokunmuş ince ketenden usta işi bir göğüslük yaptılar.
Isaanis akkuma dirata sanaatti warqeedhaan, kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen ogummaadhaan kiisii qomaa tolchan.
9 Dört köşe, eni ve boyu birer karıştı, ikiye katlanmıştı.
Kiisiin qomaa kun gama afraniinuu wal qixxee ture; innis walitti dachaa taʼee dheerina taakkuu tokkoo fi balʼina taakkuu tokkoo qaba ture.
10 Üzerine dört sıra taş yuvası kaktılar. Birinci sırada yakut, topaz, zümrüt;
Dhagaawwan gati jabeeyyiis toora afuriin irratti maxxansan. Toora jalqabaa irratti sardiyoon, tophaaziyoonii fi biiralee,
11 ikinci sırada firuze, laciverttaşı, aytaşı;
toora lammaffaa irratti baluur, sanpeerii fi almaaz,
12 üçüncü sırada gökyakut, agat, ametist;
toora sadaffaa irratti yaakinti, kelqedoonii fi yaakinti,
13 dördüncü sırada sarı yakut, oniks, yeşim vardı. Taşlar altın yuvalara kakılmıştı.
toora afuraffaa irratti biiralee, sardooniksii fi yaasphiidi maxxansan. Dhagaawwan kanneenittis marsaa faaya warqee tolchan.
14 On iki taş vardı. Üzerlerine mühür oyar gibi İsrailoğulları'nın adları bir bir oyulmuştu. Bu taşlar İsrail'in on iki oymağını simgeliyordu.
Dhagaawwan kudha lama kanneen tokkoo tokkoo isaanii irratti maqaa gosoota kudha lama keessaa maqaan tokko akkuma chaappaatti soofame ni turan; tokkoon tokkoon dhagaawwan sanaas maqaa ilmaan Israaʼel tokko tokkoof dhaabate.
15 Göğüslük için saf altından örme zincirler yaptılar.
Kiisii qomaatiifis foncaa warqee qulqulluu akka funyootti foʼanii tolchan.
16 İkişer tane altın yuva ve halka yaptılar. Göğüslüğün üst iki köşesine birer halka koydular.
Isaanis marsaa faaya warqee lamaa fi qubeelaa warqee lama tolchanii qubeelaawwan sana rogawwan kiisii qomaa keessaa lamatti guduunfan.
17 İki örme altın zinciri göğüslüğün köşelerindeki halkalara taktılar.
Foncaa warqee sana lamaanis qubeelaawwan rogawwan kiisii qomaa sanatti guduunfan.
18 Zincirlerin öteki iki ucunu iki yuvanın üzerinden geçirerek efodun ön tarafına, omuzlukların üzerine bağladılar.
Mataa lamaan foncaa lamaan sanaa kaan immoo marsaawwan faayaa lamaanitti guduunfanii karaa fuula duraatiin foncaa dirataa kan gatiittiitti qabsiisan.
19 İki altın halka yaparak göğüslüğün alt iki köşesine, efoda bitişik iç kenarına taktılar.
Qubeelaawwan warqee lama tolchanii rogawwan kiisii qomaa biraa kanneen karaa moggaa keessaatiin diratatti aananii jiran lamaanitti qabsiisan.
20 İki altın halka daha yaparak efodun önündeki omuzluklara alttan, dikişe yakın, ustaca dokunmuş şeridin yukarısına taktılar.
Ergasiis qubeelaawwan warqee lama biraa tolchanii sabbata mudhiitii olitti garjalee funyoo gatiittii lamaan, fuula dirataa duraan jiru sanaatti qabsiisan.
21 Göğüslüğün halkalarıyla efodun halkalarını lacivert kordonla birbirine bağladılar. Öyle ki, göğüslük efodun ustaca dokunmuş şeridinin yukarısında kalsın ve efoddan ayrılmasın. Tıpkı RAB'bin Musa'ya buyurduğu gibi yaptılar.
Isaanis akka kiisiin qomaa dirata irraa hin sosochooneef qubeelaawwan kiisii qomaa sana sabbata mudhiitiin walitti qabsiisanii akkuma Waaqayyo Musee ajajetti funyoo bifa cuquliisaatiin qubeelaawwan diratatti qabsiisan.
22 Efodun altına giyilen kaftanı ustaca dokunmuş salt lacivert iplikten yaptılar.
Isaanis huccuu guutumaan guutuutti bifti isaa cuquliisa taʼe irraa wandaboo dirataa tolchan;
23 Ortasında baş geçecek kadar bir boşluk bıraktılar. Yırtılmaması için boşluğun kenarlarını yaka gibi dokuyarak çevirdiler.
walakkaa gubbaa wandaboo sanaattis afaan ittiin mataa seensifatan tolchan; akka inni hin tarsaaneefis qarqara afaan isaa irra waa naannessanii hodhan.
24 Kaftanın kenarını lacivert, mor, kırmızı iplikle, özenle dokunmuş ince ketenden nar motifleriyle bezediler.
Isaanis xiyyoo wandaboo sanaatti kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen roomaanii hojjetan.
25 Saf altından çıngıraklar yaptılar ve hizmet için kullanılan kaftanın eteğinin ucundaki narların arasına, bir çıngırak bir nar, bir çıngırak bir nar olmak üzere çepeçevre koydular. Tıpkı RAB'bin Musa'ya buyurduğu gibi yaptılar.
Warqee qulqulluu irraas bilbila hojjetanii roomaanota gidduudhaan naannoo xiyyoo wandabootti qabsiisan.
Bilbillii fi roomaaniin sun akkuma Waaqayyo Musee ajajetti tokko tokkoon wal keessa makamanii naannoo xiyyoo wandaboo tajaajilaaf uffatamu sanaatti qabsiifaman.
27 Harun'la oğulları için ince ketenden ustaca dokunmuş mintanlar, sarıklar, süslü başlıklar, ince keten donlar, lacivert, mor, kırmızı iplikle, özenle dokunmuş ince ketenden nakışlı kuşak yaptılar; tıpkı RAB'bin Musa'ya buyurduğu gibi.
Aroonii fi ilmaan isaatiif immoo kittaa quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen dhoofsisanii hojjetan;
akkasumas quncee talbaa qalʼaa isaatiin marata mataa, quncee talbaatiin gonfoo, quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen immoo uffata wayyaa jalaa hojjetaniif.
Sabbannis quncee talbaa kan qalʼifamee foʼamee fi kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee fi bildiimaan faayeffame akkuma Waaqayyo Musee ajajetti hojjetame.
30 Kutsal tacın levhasını saf altından yaparak üzerine mühür oyar gibi ‘RAB'be adanmıştır’ sözünü yazdılar.
Isaanis warqee qulqulluu irraa faaya gonfoo qulqulluu tolchanii akkuma waan chaappaa irratti qirixamuutti: Kan Waaqayyoof Qulqulleeffame, jedhanii irratti barreessan.
31 Üstüne bağlanmak üzere sarığa lacivert bir kordon taktılar; tıpkı RAB'bin Musa'ya buyurduğu gibi.
Ergasiis faaya sana marata mataatiin wal qabsiisuuf jedhanii akkuma Waaqayyo Musee ajajetti funyoo bifa cuquliisaa itti hidhan.
32 Böylece konutun, yani Buluşma Çadırı'nın bütün işleri tamamlandı. İsrailliler her şeyi tıpkı RAB'bin Musa'ya buyurduğu gibi yaptılar.
Akkasiin hojiin dunkaana qulqulluu kan dunkaana wal gaʼii hundi xumurame. Israaʼeloonnis akkuma Waaqayyo Musee ajajetti waan hunda hojjetan.
33 Konutu, çadırla bütün takımlarını, kopçalarını, çerçevelerini, kirişlerini, direklerini, tabanlarını; kırmızı boyalı koç derisinden örtüyü, deri örtüyü, bölme perdesini; Levha Sandığı'yla sırıklarını, Bağışlanma Kapağı'nı; masayla takımlarını, Tanrı'nın huzuruna konan ekmekleri; saf altın kandilliği, üstüne dizilecek kandillerle takımlarını, kandil için zeytinyağını; altın sunağı, mesh yağını, güzel kokulu buhuru, çadırın giriş bölümünün perdesini; tunç sunakla ızgarasını, sırıklarını, bütün takımlarını, kazanı, kazan ayaklığını; avlunun perdelerini, direklerini, direk tabanlarını, avlu girişinin perdesini, iplerini, kazıklarını, konutta, yani Buluşma Çadırı'ndaki hizmet için gerekli bütün aletleri; kutsal yerdeki hizmet için dokunmuş giysileri, Kâhin Harun'un kutsal giysilerini, oğullarının kâhin giysilerini Musa'ya gösterdiler.
Isaanis dunkaana qulqulluu sana Museetti fidan: dunkaanaa fi miʼa isaa hunda, hokkoowwan isaa, tuggeewwan isaa, dagaleewwan isaa, utuboota isaatii fi miillawwan isaa;
irra buusa kalʼee korbeessa hoolaa kan halluu diimaa cuuphame, irra buusa gogaa duugameetii fi golgaa daʼeessu;
taabota kakuu seeraa, danqaraa isaatii fi teessoo araaraa wajjin;
minjaala miʼa isaa hundaa fi buddeena ilaalchaa wajjin;
baattuu ibsaa kan warqee qulqulluu irraa hojjetame, ibsaawwan tarree galanii fi miʼa isaa hunda wajjin, zayitii ibsaa;
iddoo aarsaa kan warqee irraa hojjetame, zayitii ittiin diban, ixaana urgaaʼu, golgaa balbala dunkaanaa;
iddoo aarsaa kan naasii irraa hojjetame, gingilchaa isaa kan naasii irraa hojjetame wajjin, danqaraawwan isaatii fi miʼa isaa hunda, caabii miilla isaa wajjin;
golgaawwan oobdii utubaawwanii fi miillawwan isaanii wajjin, golgaa karra oobdii sanaa, funyoowwanii fi qofoowwan oobdii, miʼa dunkaana qulqulluu kan dunkaana wal gaʼii hunda;
wayyaawwan foʼamanii dhaʼaman kanneen yeroo iddoo qulqulluu keessa tajaajilan uffataman, jechuunis wayyaawwan Aroon lubichaaf qulqulleeffamanii fi wayyaawwan ilmaan isaa yeroo lubummaadhaan tajaajilanitti uffatan feʼa.
42 Her şeyi tıpkı RAB'bin Musa'ya buyurduğu gibi yaptılar.
Israaʼeloonnis akkuma Waaqayyo Musee ajajetti hojii hunda hojjetan.
43 Musa baktı, bütün işlerin RAB'bin buyurduğu gibi yapılmış olduğunu görünce onları kutsadı.
Museenis hojii sana toʼatee akkuma Waaqayyo ajajetti hojjechuu isaanii arge. Museenis isaan eebbise.

< Misir'Dan Çikiş 39 >