< Vaiz 5 >

1 Tanrı'nın evine gittiğinde davranışına dikkat et. Yaptıkları kötülüğün farkında olmayan akılsızlar gibi kurban sunmak için değil, dinlemek için yaklaş.
Ati yeroo gara mana Waaqaa dhaqxu tarkaanfii kee eeggadhu. Dhaggeeffachuuf dhiʼaachuun aarsaa gowwootaa dhiʼeessuu caala; isaan akka hammina hojjechaa jiran hin beekaniitii.
2 Ağzını çabuk açma, Tanrı'nın önünde hemen konuya girme, Çünkü Tanrı gökte, sen yerdesin, Bu yüzden, az konuş.
Fuula Waaqaa duratti waan tokko dubbachuuf afaan keetiin hin jarjarin; garaan kees hin ariifatin. Waaqni samii keessa jira; ati immoo lafa irra jirta; kanaafuu dubbiin kee haa gabaabbatu.
3 Çok tasa kötü düş, Çok söz akılsızlık doğurur.
Abjuun baayʼina hojiitiin dhufa; haasaan gowwaas baayʼina dubbiitiin beekama.
4 Tanrı'ya adak adayınca, yerine getirmekte gecikme. Çünkü O akılsızlardan hoşlanmaz. Adağını yerine getir!
Ati yeroo wareega tokko Waaqaaf wareegdutti wareega sana of irraa baasuuf lafa irra hin harkifatin. Inni gowwootatti hin gammadu; ati wareega kee of irraa baasi.
5 Adamamak, adayıp da yerine getirmemekten iyidir.
Wareeganii of irraa baasuu dhiisuu mannaa wareeguu dhiisuu wayya.
6 Ağzının seni günaha sürüklemesine izin verme. Ulağın önünde: “Adağım yanlıştı” deme. Tanrı niçin senin sözlerine öfkelensin, yaptığın işi yok etsin?
Afaan kee cubbuu keessa si hin buusin. Ergamaa mana qulqullummaatiinis, “Wareegni koo dogoggora ture” hin jedhin. Waaqni maaliif waan ati jettetti aaree hojii harka keetii balleessa?
7 Çünkü çok düş kurmak hayalciliğe ve laf kalabalığına yol açar; Tanrı'ya saygı göster.
Abjuun baayʼeenii fi dubbiin baayʼeen faayidaa hin qaban. Kanaafuu Waaqa sodaadhu.
8 Bir yerde yoksullara baskı yapıldığını, adaletin ve doğruluğun çiğnendiğini görürsen şaşma; çünkü üstü gözeten daha üst biri var, onların da üstleri var.
Ati yoo hiyyeessa aanaa tokko keessatti hacuucamee murtii qajeelaa fi mirgi dhowwatame argite, waan akkanaa hin dinqisiifatin; qondaalli tokko qondaala isaa oliitiin ilaalaamaatii; isaaniin olittis qondaaltonni biraa jiru.
9 Tarlaların sürülmesini isteyen bir kral ülke için her bakımdan yararlıdır.
Faayidaan lafa irraa argamu kan nama hundaa ti; mootichi mataan isaa iyyuu qonna lafaa irraa fayyadama.
10 Parayı seven paraya doymaz, Zenginliği seven kazancıyla yetinmez. Bu da boştur.
Nama maallaqa jaalatu kam iyyuu maallaqni isa hin gaʼu; nama qabeenya jaalatu illee galiin isaa isa hin quubsu. Kunis faayidaa hin qabu.
11 Mal çoğaldıkça yiyeni de çoğalır. Sahibine ne yararı var, seyretmekten başka?
Akkuma qabeenyi baayʼatuun, warri nyaatanis ni baayʼatu. Yoos abbootiin qabeenyaa ijumaan ilaaluu malee faayidaa maalii argatu ree?
12 Az yesin, çok yesin işçi rahat uyur, Ama zenginin malı zengini uyutmaz.
Xinnaas nyaatu, guddaas nyaatu, hirribni hojjetaa tokkoo miʼaawaa dha; baayʼinni qabeenyaa garuu sooressa tokko hirriba dhowwa.
13 Güneşin altında acı bir kötülük gördüm: Sahibinin zararına biriktirilen Ve bir talihsizlikle yok olup giden servet. Böyle bir servet sahibi baba olsa bile, Oğluna bir şey bırakamaz.
Ani aduudhaa gaditti hammina nama gaddisiisu nan arge; kunis: qabeenya abbuma isaa miidhuuf kuufame,
yookaan qabeenya milkii dhabuudhaan badee yeroo namichi sun ilma dhalchetti ilma isaatiif homaa hin hafinii dha.
15 Annesinin rahminden çıplak çıkar insan. Dünyaya nasıl geldiyse öyle gider, Emeğinden hiçbir şey götürmez elinde.
Namni qullaadhuma isaa gadameessa haadha isaatii baʼa; inni akkuma dhufetti deebiʼee deema. Inni waan itti dadhabe keessaa waan tokko illee harkatti qabatee hin deemu.
16 Dünyaya nasıl geldiyse öyle gider insan. Bu da acı bir kötülüktür. Ne kazancı var yel için zahmet çekmekten?
Kunis hammina nama gaddisiisuu dha: Namni akkuma dhufetti deema; inni waan bubbeedhaaf dadhabuuf faayidaa maalii argata?
17 Ömrü boyunca büyük üzüntü, hastalık, öfke içinde Karanlıkta yiyor.
Inni bara jireenya isaa hunda yaaddoo, dhukkubbii fi aarii guddaadhaan dukkana keessatti nyaata.
18 Gördüm ki, iyi ve güzel olan şu: Tanrı'nın insana verdiği birkaç günlük ömür boyunca yemek, içmek, güneşin altında harcadığı emekten zevk almak. Çünkü insanın payına düşen budur.
Anis akka namni bara jireenya isaa kan Waaqni isaaf kenne gabaabaa kana keessa nyaatee dhugee hojii isaa kan aduudhaa gaditti itti dadhabe sanatti illee gammaduun isaaf gaarii fi barbaachisaa taʼe nan hubadhe; qoodni isaa kanumaatii.
19 Üstelik Tanrı bir insana mal mülk veriyor, onu yemesi, ödülünü alması, yaptığı işten mutluluk duyması için ona güç veriyorsa, bu bir Tanrı armağanıdır.
Akkasumas Waaqni nama kamiifuu badhaadhummaa fi qabeenya kennee akka inni itti gammadu, akka inni qooda ofii isaa fudhatee hojii ofii isaatti gammadu isa godhuun isaa, kennaa Waaqaa ti.
20 Bu yüzden insan, geçen ömrünü pek düşünmez. Çünkü Tanrı onun yüreğini mutlulukla meşgul eder.
Sababii Waaqni garaa isaa gammachuudhaan guuteef inni bara jireenya isaa baayʼee hin yaadatu.

< Vaiz 5 >