< 2 Selanikliler 3 >
1 Son olarak, kardeşler, Rab'bin sözü aranızda olduğu gibi hızla yayılıp yüceltilsin diye bizim için dua edin.
Egaa yaa obboloota, akka dubbiin Gooftaa akkuma isin biratti taʼe sana dafee iddoo hunda gaʼuu fi akka ulfinas qabaatu nuuf kadhadhaa.
2 Ahlaksız, kötü insanlardan kurtulmamız için de dua edin. Çünkü herkes iman etmiş değildir.
Akka nu harka namoota hamootii fi jalʼootaa jalaa baanuufis nuuf kadhadhaa; amantii kan qabu nama hunda mitii.
3 Ama Rab güvenilirdir. O sizi pekiştirecek, kötü olandan koruyacaktır.
Gooftaan garuu amanamaa dha; inni isin cimsa; isa hamaa irraas isin eega.
4 Buyurduklarımızı yaptığınıza ve yapacağınıza dair Rab'de size güveniyoruz.
Nu akka isin waan nu isin ajajne sana hojjechaa jirtan, akka ittuma fuftaniis hojjetan Gooftaa ni amananna.
5 Rab yüreklerinizi Tanrı'nın sevgisine, Mesih'in sabrına yöneltsin.
Gooftaan garaa keessan gara jaalala Waaqaatii fi gara obsa Kiristoositti haa qajeelchu.
6 Kardeşler, bizden aldıkları öğretilere uymayıp boş gezen bütün kardeşlerden uzak durmanızı Rab İsa Mesih'in adıyla buyuruyoruz.
Yaa obboloota, isin obboleessa dhibaaʼaa fi kan akka bartee isin nurraa argattan sanaattis hin jiraanne hunda irraa akka fagaattaniif maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin isin ajajna.
7 Bizleri nasıl örnek almanız gerektiğini kendiniz biliyorsunuz. Çünkü biz aranızdayken boş gezenler değildik.
Isin mataan keessan akkamitti akka fakkeenya keenya duukaa buʼuu qabdan ni beektuutii. Nu yeroo isin bira turretti dhibaaʼota hin turre;
8 Kimsenin ekmeğini karşılıksız yemedik. Herhangi birinize yük olmamak için uğraşıp didindik, gece gündüz çalıştık.
nus akka isin keessaa nama tokkotti illee baʼaa hin taaneef jennee, dadhabbii fi tattaaffii guddaan halkanii guyyaa hojjechaa turre malee buddeena nama tokkoo illee tola hin nyaanne.
9 Yardımlarınızı hak etmediğimiz için değil, izleyebileceğiniz bir örnek bırakmak için böyle yaptık.
Nu fakkeenya isinii taʼuuf waan kana goone malee waan aangoo hin qabneef miti.
10 Hatta sizinle birlikteyken şu buyruğu vermiştik: “Çalışmak istemeyen yemek de yemesin!”
Nu yommuu isin bira turretti ajaja, “Namni hojjechuu hin barbaanne kam iyyuu hin nyaatin” jedhu isinii kenninee turreetii.
11 Çünkü aranızda bazılarının boş gezdiğini duyuyoruz. Bunlar hiçbir iş yapmıyor, başkalarının işine karışıp duruyorlarmış.
Akka isin keessaa namoonni tokko tokko dhibaaʼota taʼanii jiraatan dhageenyeerraatii. Isaan dhimma nama biraa keessa galuu malee ofii isaaniitii waan tokko illee hin hojjetan.
12 Böylelerine Rab İsa Mesih adına yalvarıyor, şunu buyuruyoruz: Sakin bir şekilde çalışıp kendi kazançlarından yesinler.
Namoonni akkanaa akka gab jedhanii hojii hojjetanii fi akka buddeena ofii isaanii nyaataniif Gooftaa Yesuus Kiristoosiin isaan ajajna; ni gorsinas.
13 Sizlerse kardeşler, iyilik yapmaktan usanmayın.
Isin garuu yaa obboloota, waan gaarii hojjechuutti hin laafinaa.
14 Eğer bu mektuptaki sözlerimize uymayan olursa onu mimleyin. Yaptıklarından utanması için onunla ilişkinizi kesin.
Yoo namni kam iyyuu dubbii keenya kan xalayaa kana keessaatiif hin ajajamne, nama kana yaadatti qabadhaa. Akka inni qaanaʼuufis isa wajjin tokkummaa hin qabaatinaa.
15 Yine de onu düşman saymayın, bir kardeş olarak uyarın.
Taʼus akka obboleessaatti isa gorsaa malee akka diinaatti isa hin ilaalinaa.
16 Esenlik kaynağı olan Rab'bin kendisi size her zaman, her durumda esenlik versin. Rab hepinizle birlikte olsun.
Gooftaan nagaa mataan isaas yeroo hunda, karaa hundaan nagaa isinii haa kennu. Gooftaan hunduma keessan wajjin haa taʼu.
17 Ben Pavlus bu selamı kendi elimle yazıyorum. Her mektubumun özel işaretidir bu; böyle yazarım.
Ani Phaawulos xalayaa kana harkuma kootiin barreessa; kunis mallattoo xalayoota koo hundaa ti. Akki ani itti barreessus kanuma.
18 Rabbimiz İsa Mesih'in lütfu hepinizle birlikte olsun.
Ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isin hunda wajjin haa taʼu.