< 2 Samuel 9 >
1 Davut, “Saul'un ailesinden daha sağ kalan, Yonatan'ın hatırı için iyilik edebileceğim kimse var mı?” diye sordu.
Daawitis, “Akka ani Yoonaataaniif jedhee arjummaa isaaf godhu namni maatii Saaʼol keessaa hafe amma jiraa?” jedhee gaafate.
2 Saul'un ailesinin Siva adında bir hizmetkârı vardı. Onu Davut'un yanına çağırdılar. Kral, “Siva sen misin?” diye sordu. Siva, “Evet, ben kulunum” diye yanıtladı.
Yeroo sanatti namicha Ziibaa jedhamu tajaajilaa mana Saaʼol tokkotu ture. Innis akka fuula Daawit duratti dhiʼaatuuf waamame; mootichis, “Ati Ziibaadhaa?” jedheen. Innis, “Eeyyee, ana garbicha kee ti” jedhe.
3 Kral, “Saul'un ailesinden sağ kalan kimse yok mu?” diye sordu, “Tanrı'nın iyiliğini ona göstereyim.” Siva, “Yonatan'ın iki ayağı sakat bir oğlu var” diye yanıtladı.
Mootichis, “Akka ani arjummaa Waaqaa isaaf godhuuf namni maatii Saaʼol keessaa hafe tokko iyyuu hin jiruu?” jedhee gaafate. Ziibaa, “Ilmi Yoonaataan tokko jira; miilli isaa lachuus naafa” jedhee mootichaaf deebise.
4 Kral, “Nerede o?” diye sordu. Siva, “Ammiel oğlu Makir'in Lo-Devar'daki evinde” diye karşılık verdi.
Mootichis, “Inni eessa jira?” jedhee gaafate. Ziibaan deebisee, “Inni iddoo Lodebaar jedhamu mana Maakiir ilma Amiiʼeel jira” jedhe.
5 Böylece Kral Davut, Lo-Devar'dan Ammiel oğlu Makir'in evinden onu yanına getirtti.
Kanaafuu Daawit mootichi nama ergee Lodebaar mana Maakiir ilma Amiiʼeeliitii isa fichisiise.
6 Saul oğlu Yonatan oğlu Mefiboşet, Davut'un yanına gelince, onun önünde yere kapandı. Davut, “Mefiboşet!” diye seslendi. Mefiboşet, “Evet, ben kulunum” diye yanıtladı.
Mefiibooshet ilmi Yoonaataan, ilmi Saaʼol yeroo Daawit bira dhufetti ulfina isaaf kennuuf gad jedhe sagadeef. Daawit immoo, “Mefiiboostee!” jedheen. Innis, “Garbichi kee kunoo ti” jedhee deebiseef.
7 Davut ona, “Korkma!” dedi, “Çünkü baban Yonatan'ın hatırı için, sana kesinlikle iyilik edeceğim. Atan Saul'un bütün toprağını sana geri vereceğim. Ve sen her zaman soframda yemek yiyeceksin.”
Daawitis, “Ani abbaa kee Yoonaataaniif jedhee arjummaa siifin godhaatii hin sodaatin. Ani lafa akaakayyuu keetii, lafa Saaʼol hunda siifin deebisa; atis yeroo hunda maaddii koo irraa nyaatta” jedheen.
8 Mefiboşet yere kapanıp şöyle dedi: “Kulun ne ki, benim gibi ölmüş bir köpekle ilgileniyorsun?”
Mefiibooshetis harka fuudhee, “Ana garbicha kee nama akka saree duʼeetti ilaalamuuf waan kana gochuun kee maaliif?” jedheen.
9 Kral Davut, Saul'un hizmetkârı Siva'yı çağırtıp, “Önceden efendin Saul ile ailesine ait her şeyi torunu Mefiboşet'e verdim” dedi,
Mootichis Ziibaa garbicha Saaʼol ofitti waamee akkana jedheen; “Ani ilma ilma gooftaa keetiitiif, waan kan Saaʼolii fi kan maatii isaa taʼe hunda kenneera.
10 “Sen, oğulların ve kölelerin onun için toprağı işleyip ürünü getireceksiniz. Öyle ki, efendinizin torununun yiyecek gereksinimi sağlansın. Efendinin torunu Mefiboşet her zaman benim soframda yemek yiyecektir.” Siva'nın on beş oğlu ve yirmi kölesi vardı.
Ati, Ilmaan keetii fi tajaajiltoonni kee akka ilmi ilma gooftaa keetii waan nyaatu argatuuf lafa isaaf qotuu qabdu. Mefiibooshet ilmi ilma gooftaa keetiis yeroo hunda maaddii koo irraa nyaata.” Ziibaan ilmaan kudha shanii fi tajaajiltoota digdama qaba ture.
11 Siva, “Efendim kralın buyurduğu her şeyi yapacağım” dedi. Mefiboşet kralın çocuklarından biri gibi onun sofrasında yemek yedi.
Ziibaanis mootichaan, “Ani garbichi kee waan gooftaan koo mootichi akka ani hojjedhuuf na ajaju hunda nan godha” jedhe. Kanaafuu Mefiibooshet akkuma ilmaan mootii keessaa nama tokkootti maaddii Daawit irraa nyaata ture.
12 Mefiboşet'in Mika adında küçük bir oğlu vardı. Siva'ya bağlı herkes Mefiboşet'e hizmet ediyordu.
Mefiibooshet ilma dargaggeessa Miikaa jedhamu tokko qaba ture; warri mana Ziibaa jiraatan hundi hojjettoota Mefiiboostee turan.
13 İki ayağı sakat Mefiboşet hep kralın sofrasında yemek yediğinden Yeruşalim'de oturuyordu.
Mefiibooshetis sababii yeroo hunda maaddii mootii irraa nyaachaa tureef Yerusaalem keessa jiraata ture; miilli isaa lachuu naafa ture.