< 1 Samuel 21 >

1 Davut Nov Kenti'ne, Kâhin Ahimelek'in yanına gitti. Ahimelek titreyerek Davut'u karşılamaya çıktı. “Neden yalnızsın? Neden yanında kimse yok?” diye sordu.
Daawit gara magaalaa Noob Abiimelek lubicha bira dhaqe. Ahiimelekis yeroo isa argetti hollatee, “Ati maaliif kophaa kee deemta? Maaliif namni tokko illee si wajjin hin jirru?” jedhee gaafate.
2 Davut şöyle yanıtladı: “Kral bana bir görev verdi. ‘Sana verdiğim görevden ve buyruklardan kimsenin haberi olmasın’ dedi. Adamlarıma gelince, belli bir yere gitmelerini söyledim.
Daawitis Ahiimelek lubichaan akkana jedhe; “Mootichi, ‘Namni tokko iyyuu waaʼee ergama keetiitii fi qajeelfama keetii beekuu hin qabu’ jedhee na ajajeera. Namoota koo immoo akka isaan iddoo tokkotti na eegan itti himeera.
3 Şu an elinde ne var? Bana beş somun ekmek ya da başka ne varsa ver.”
Egaa isin maal of harkaa qabdu? Buddeena shan yookaan waanuma argachuu dandeessan naa kennaa.”
4 Kâhin, “Taze ekmeğim yok” diye karşılık verdi, “Ama adamların kadından uzak kaldılarsa kutsanmış ekmek var.”
Lubichi garuu Daawitiin, “Ani buddeena namni kam iyyuu nyaachuu dandaʼu asii hin qabu; taʼus buddeenni qulqullaaʼaan namoonni dubartii bira hin gaʼin qofti nyaachuu dandaʼan as jira” jedhe.
5 Davut, “Yola çıktığımızdan her zaman olduğu gibi, kadından uzak kaldık” dedi, “Sıradan bir yolculuğa çıktığımızda bile adamlarım kendilerini temiz tutarlar; özellikle bugün ne kadar daha çok temiz olacaklar.”
Daawitis, “Dhugumaan akkuma yeroo ani baʼu hunda taʼaa ture sana dubartoonni nurraa dhowwamaniiru. Ergama qulqulluu hin taʼin irratti iyyuu miʼi dargaggootaa qulqulluu dha. Harʼa immoo hammam caalaatti haa qulqullaaʼuu ree!” jedhee deebise.
6 Bunun üzerine kâhin ona kutsanmış ekmek verdi; çünkü orada huzura konan ekmekten başka ekmek yoktu. Bu ekmek RAB'bin huzurundan alındığı gün yerine sıcak ekmek konurdu.
Kanaafuu lubichi buddeena qulqulleeffame sana isaaf kenne; buddeena ilaalchaa kan gaafas buddeena hoʼaadhaan iddoo buufamuuf fuula Waaqayyoo duraa fuudhame sana malee buddeenni biraa achi hin turreetii.
7 O gün Saul'un görevlilerinden Edomlu Doek adındaki baş çoban RAB'bin önünde dinsel görevini yerine getirmek üzere orada bulunuyordu.
Gaafasis tajaajiltoota Saaʼol keessaa tokko akka fuula Waaqayyoo dura turu dirqisiifamee ture; innis Dooʼeeg namicha Edoom, itti gaafatamaa tiksee Saaʼol ture.
8 Davut Ahimelek'e, “Yanında mızrak ya da kılıç yok mu?” diye sordu, “Kralın işi acele olduğundan, yanıma ne kılıcımı aldım, ne de başka bir silah.”
Daawitis, “Ati eeboo yookaan goraadee asii hin qabduu? Ani sababii hojiin mootichaa ariifachiisaa taʼeef goraadee yookaan miʼa lolaa tokko illee hin fidannee?” jedhee Ahiimelekin gaafate.
9 Kâhin, “Ela Vadisi'nde öldürdüğün Filistli Golyat'ın kılıcı var” diye karşılık verdi, “Efodun arkasında beze sarılı duruyor. Burada başka silah yok. İstersen onu alabilirsin.” Davut, “Onun gibisi yoktur, onu bana ver” dedi.
Lubichis deebisee akkana jedhe; “Goraadeen Gooliyaad Filisxeemichaa kan ati Sulula Eelaa keessatti ajjeefte sanaa as jira; innis huccuudhaan maramee dirataan duuba jira. Yoo barbaadde fudhadhu; isa malee goraadeen biraa as hin jiru” jedheen. Daawitis, “Kan akka isaa hin jiruutii naa kenni” jedhe.
10 Saul'dan kaçan Davut o gün Gat Kralı Akiş'e gitti.
Daawit gaafas Saaʼol duraa baqatee gara Aakiish mooticha Gaati dhaqe.
11 Akiş'in görevlileri, “Bu İsrail Kralı Davut değil mi?” dediler, “Çalıp oynarken, ‘Saul binlercesini öldürdü, Davut'sa on binlercesini’ diye hakkında ezgiler okudukları kişi bu değil mi?”
Tajaajiltoonni Aakiish garuu, “Daawit kun mooticha biyyattii mitii?” Inni kan isaan: “‘Saaʼol kumaatama ajjeese; Daawit immoo kuma kumaatama ajjeese’ jedhanii faarfatanii sirbaniif sana mitii?”
12 Bu sözler Davut'u derin derin düşündürdü. Gat Kralı Akiş'ten çok korkan Davut, onların önünde tutumunu değiştirerek deli gibi davrandı. Kentin kapılarını tırmaladı, salyasını sakalına akıttı.
Daawitis waan kana garaatti qabatee Aakiish mooticha Gaati akka malee sodaate.
Kanaafuu fuula isaanii duratti akka waan maraatee taʼe; utuma harka isaanii keessa jiruus cufaa karraa hooqee areeda isaa irra gorora yaasee akka nama maraatee of godhe.
14 Akiş görevlilerine, “Şu adama bakın!” dedi, “Delinin biri! Onu neden bana getirdiniz?
Aakiishis tajaajiltoota isaatiin akkana jedhe; “Mee namicha kana ilaalaa! Inni maraatuu dha! Maaliif gara koo isa fiddan?
15 Bizde deliler eksik mi ki, önümde delilik yapsın diye bu adamı getirdiniz? Bu adamın sarayıma girmesi şart mı?”
Akka inni fuula koo duratti akkana taʼuuf isa as fiduun keessan ani nama maraate dhabeetii? Namichi kun mana koo dhufuu qabaa?”

< 1 Samuel 21 >