< 1 Krallar 5 >

1 Sur Kralı Hiram, Süleyman'ın babası Davut'un yerine kral olarak meshedildiğini duyunca, elçilerini Süleyman'a gönderdi. Çünkü Davut'la hep dostça geçinmişti.
Hiiraam mootichi Xiiroos yommuu akka Solomoon abbaa isaa Daawitin iddoo buʼuuf dibame dhagaʼetti ergamoota isaa gara Solomoonitti erge; Hiiraam yeroo kam iyyuu michuu Daawit tureetii.
2 Süleyman Hiram'a şu haberi gönderdi:
Solomoonis akkana jedhee Hiiraamiif ergaa kana deebisee erge:
3 “Bildiğin gibi, babam Davut çevresindeki savaşlar yüzünden Tanrısı RAB'bin adına bir tapınak yapamadı. Bu savaşlarda RAB, Davut'un düşmanlarını onun ayakları altına serdi.
“Akka Abbaan koo Daawit sababii waraana karaa hundaan isa marsee ture sanaatiif hamma Waaqayyo diinota isaa miilla isaa jala galchuufitti Maqaa Waaqayyo Waaqa isaatiif mana qulqullummaa ijaaruu hin dandaʼin atuu beekta.
4 Oysa şimdi Tanrım RAB her yönden bana rahatlık verdi. Ne bir düşmanım var, ne de kötü bir olay.
Amma garuu Waaqayyo Waaqni koo karaa hundaan boqonnaa naa kenneera; diinni yookaan balaan tokko iyyuu hin jiru.
5 RAB, babam Davut'a, ‘Tahtına oturtacağım oğlun benim adıma bir tapınak yapacak’ diye söz verdi. Ben de Tanrım RAB'bin adına bir tapınak yapmaya karar verdim.
Kanaafuu ani amma akkuma Waaqayyo abbaa koo Daawitiin, ‘Ilmi kee kan ani iddoo kee teessoo kee irra teessisu Maqaa kootiif mana qulqullummaa ni ijaara’ jedhe sanatti Maqaa Waaqayyo Waaqa kootiif mana qulqullummaa ijaaruu yaadeera.
6 “Şimdi bana Lübnan'dan sedir ağaçları kesmeleri için adamlarına buyruk ver. Benim adamlarım da seninkilerle birlikte çalışsın. Adamların için istediğin ücreti vereceğim. Aramızda Saydalılar kadar ağaç kesmede usta adamlar olmadığını biliyorsun.”
“Kanaafuu akka birbirsi Libaanoon naaf muramu ajaji. Namoonni koo namoota kee wajjin hojjetu; anis mindaa ati hojjettoota keetiif murteessitu kam iyyuu siifin kaffala. Akka nu muka baqaqsuu irratti akka Siidoonotaa ogeeyyii hin taʼin atuu beekta.”
7 Hiram, Süleyman'dan bu haberi alınca çok sevindi ve, “Bugün, o büyük ulusu yönetmek üzere Davut'a bilge bir oğul veren RAB'be övgüler olsun!” dedi.
Hiiraamis yommuu dhaamsa Solomoon sana dhagaʼetti akka malee gammadee, “Harʼa Waaqayyo haa eebbifamu; inni akka Solomoon saba guddaa kana bulchuuf ilma ogeessa kana Daawitiif kenneeraatii” jedhe.
8 Sonra Hiram Süleyman'a şu haberi gönderdi: “Gönderdiğin haberi aldım. Sedir ve çam ağaçlarıyla ilgili bütün dileklerini yerine getireceğim.
Kanaafuu Hiiraam akkana jedhee Solomoonitti ergaa erge: “Ani ergaa ati naa ergite argadheera; birbirsaa fi jirma birbirsaa dhiʼeessuudhaan waan ati barbaaddu hunda siifan godha.
9 Adamlarım tomrukları Lübnan'dan denize indirecekler, ben de onları sallar halinde bağlatıp belirteceğin yere kadar yüzdüreceğim. Orada adamlarım onları çözer, sen de alıp götürürsün. Sarayımın yiyecek gereksinimini karşılamakla, sen de benim dileğimi yerine getirmiş olursun.”
Namoonni koo Libaanoon irraa gara galaanaatti gad fidu; anis walitti hidhee lafa ati filattutti galaana irra siifan erga; achittis gargari nan hiika. Atis muka sana ni fudhatta; warra mana koo jiraataniif immoo nyaata dhiʼeessuudhaan fedhii koo guutta.”
10 Hiram Süleyman'a istediği kadar sedir ve çam tomruğu sağladı.
Hiiroomis akkasiin birbirsaa fi jirma birbirsaa kan Solomooniif barbaachisu dhiʼeessaafii ture.
11 Süleyman her yıl Hiram'a sarayının yiyecek gereksinimi olarak yirmi bin kor buğday, yirmi kor saf zeytinyağı verirdi.
Solomoonis akka warra mana Hiiraam jiraataniif nyaata taʼuuf qamadii safartuu qoroosii kuma digdamaa fi zayitii ejersaa kan cuunfame koorii kuma digdama kenne. Solomoon ittuma fufee wagguma waggaan waan kana Hiiraamiif kennaa ture.
12 RAB, verdiği söz uyarınca, Süleyman'a bilgelik verdi. Süleyman'la Hiram arasında barış vardı. Aralarında bir antlaşma yaptılar.
Waaqayyos akkuma isa abdachiisetti Solomooniif ogummaa ni kenne. Hiiraamii fi Solomoon gidduu walitti dhufeenya nagaatu ture; isaan lamaanuu walii galtee godhatan.
13 Kral Süleyman angaryasına çalıştırmak üzere bütün İsrail'den otuz bin adam topladı.
Solomoon mootichis Israaʼel hunda keessaa namoota dirqiidhaan hojii humnaa hojjetan kuma soddoma walitti qabe.
14 Sırayla her ay on binini Lübnan'a gönderiyordu. Bir ay Lübnan'da, iki ay evlerinde kalıyorlardı. Angaryasına çalışan adamların başında Adoniram vardı.
Innis akka isaan jiʼa tokko Libaanoon keessa, jiʼa lamaa immoo mana isaanii turaniif jedhee, jiʼa tokko tokkoof nama kuma kudhan qoodee Libaanoonitti erge. Adooniiraam immoo itti gaafatamaa namoota dirqiidhaan hojii humnaa hojjetanii ture.
15 Süleyman'ın yük taşıyan 70 000, dağlarda taş kesen 80 000 adamı vardı.
Solomoon namoota baʼaa baatan kuma torbaatamaa fi warra dhagaa cabsan kuma saddeettama gaarran keessaa qaba ture;
16 Ayrıca, işin yürümesini sağlayan ve işçileri yöneten 3 300 görevlisi vardı.
akkasumas namoota hojii hojjechiisanii hojjettoota illee toʼatan kuma sadii fi dhibba sadii qaba ture.
17 İşçiler, kralın buyruğu uyarınca, tapınağın temelini yontma taşlarla atmak üzere ocaktan büyük ve kaliteli taşlar kesip çıkardılar.
Isaanis mootichi ajaja kenninaan dhagoota soofamaniin hundee mana qulqullummaa buusuudhaaf dhagoota gurguddaa fi dhagoota gatii guddaa fidan.
18 Süleyman'ın ve Hiram'ın yapıcılarıyla Gevallılar, tapınağın yapımı için taşlarla keresteleri kesip hazırladılar.
Ogeeyyiin hojii harkaa Solomoonii fi Hiiroom akkasumas namoonni Gebaal mana qulqullummaa ijaaruuf mukaa fi dhagaa cabsanii qopheessan.

< 1 Krallar 5 >