< Psaltaren 121 >
1 En vallfartssång. Jag lyfter mina ögon upp till bergen: varifrån skall min hjälp komma?
Faarfannaa Ol baʼuu. Ani ija koo gara tulluuwwaniitti ol nan qabadha; gargaarsi koo eessaa dhufa?
2 Min hjälp kommer från HERREN, som har gjort himmel och jord.
Gargaarsi koo Waaqayyo samii fi lafa uume biraa dhufa.
3 Icke skall han låta din fot vackla, icke slumrar han som bevarar dig!
Inni akka miilli kee mucucaatu hin godhu; kan si eegu hin mugu;
4 Nej, han som bevarar Israel, han slumrar icke, han sover icke.
dhugumaan inni Israaʼelin eegu hin mugu; hin rafus.
5 HERREN är den som bevarar dig, HERREN är ditt skygd på din högra sida.
Waaqayyo si eega; Waaqayyo karaa mirga keetiitiin gaaddisa siif taʼa;
6 Solen skall icke skada dig om dagen, ej heller månen om natten.
guyyaa aduun si hin gubu; halkanis jiʼi si hin miidhu.
7 HERREN skall bevara dig för allt ont, han skall bevara din själ.
Waaqayyo miidhaa hunda irraa si eega; inni lubbuu kee ni eega;
8 HERREN skall bevara din utgång och din ingång, från nu och till evig tid.
Waaqayyo ammaa jalqabee hamma bara baraatti, baʼuu fi galuu kee ni eega.