< Uppenbarelseboken 20 >
1 Och jag såg en Ängel nederkomma af himmelen; han hade nyckelen till af grunden, och ena stora kedjo i sine hand. (Abyssos )
Utuu ergamaan tokko furtuu Boolla Qileetii fi foncaa guddaa tokko harkatti qabatee samii irraa gad buʼuu nan arge. (Abyssos )
2 Och han grep drakan, den gamla ormen, som är djefvulen och Satan, och band honom i tusende år;
Ergamaan sunis bineensicha jawwee fakkaatu, bofa durii sana jechuunis diiyaabiloos yookaan Seexana qabee waggaa kuma tokko hidhe.
3 Och kastade honom uti afgrunden, och lät åter om honom, och beseglade der ofvan uppå, att han icke mer bedraga skulle Hedningarna, till dess fullkomnad vordo tusende år; och sedan måste han lös varda till någon liten tid. (Abyssos )
Hamma waggaan kumaa sun dhumuttis akka inni deebiʼee saboota hin gowwoomsineef Boolla Qileetti gad isa darbatee itti cufe. Chaappaas irratti chaappesse; ergasii immoo yeroo gabaabaadhaaf hiikamuu qaba. (Abyssos )
4 Och jag såg stolar, och de såto på dem, och dem vardt gifven dom; och deras själar, som halshuggne voro för Jesu vittnesbörd, och för Guds ords skull; och de der icke tillbådo vilddjuret eller dess beläte; ej heller togo dess vedertecken på sin anlete, eller i sina händer; och de lefde, och regnerade med Christo i tusende år.
Anis teessoowwan nan arge; warri akka murtii kennaniif taayitaan kennameef teessoowwan sana irra taaʼanii turan. Lubbuuwwan namoota sababii Yesuusiif dhugaa baʼanii fi sababii dubbii Waaqaatiif jedhanii gorraʼamaniis nan arge. Isaanis bineensichaaf yookaan fakkii bineensichaatiif hin sagadne; mallattoo isaas adda isaanii irratti yookaan harka isaanii irratti hin fudhanne. Isaanis duʼaa kaʼanii Kiristoos wajjin waggaa kuma tokko moʼan.
5 Men de andre döde fingo icke lif igen, till dess tusende år fullkomnad vordo; denna är den första uppståndelsen.
Warri duʼan kaan garuu hamma waggaan kumni sun dhumutti deebiʼanii lubbuudhaan hin jiraanne. Kunis duʼaa kaʼuu jalqabaa ti.
6 Salig och helig är den som del hafver uti första uppståndelsen; öfver dem hafver den andre döden ingen magt; utan de varda Guds och Christi Prester, och skola regnera med honom i tusende år.
Warri duʼaa kaʼuu jalqabaa keessatti qooda qaban eebbifamoo fi qulqulloota. Warri akkasii luboota Waaqaatii fi luboota Kiristoos taʼanii waggaa kuma tokko isa wajjin moʼu malee duuti lammaffaan isaan irratti taayitaa hin qabu.
7 Och då tusende år fullkomnad äro, varder Satanas lös utu sitt fängelse.
Yommuu waggaan kumni sun dhumutti Seexanni iddoo itti hidhamee ture keessaa gad dhiifama;
8 Och han skall utgå, till att bedraga Hedningarna, som äro på fyra jordenes parter, Gog och Magog, på det han skall församla dem i strid; hvilkas tal är såsom sanden i hafvet.
innis saboota golee lafaa afran jiran jechuunis Googii fi Maagoogin gowwoomsuuf ni baʼa; hunduma isaaniis waraanaaf walitti ni qaba. Baayʼinni isaaniis akka cirracha qarqara galaanaa ti.
9 Och de gåfvo sig upp på jordenes bred het, och kringhvärfde helgonens lägre, och den älskeliga staden; och neder af himmelen for eld af Gudi, och förtärde dem.
Isaanis lafa hunda irratti faffacaʼanii qubata qulqullootaatii fi magaalattii jaallatamtuu marsan. Garuu ibiddi samii irraa gad buʼee isaan fixe.
10 Och djefvulen, som dem bedragit hade, vardt kastad uti den brinnande sjön, och svallet, der både vilddjuret och den falske Propheten skola plågas, dag och natt, ifrån evighet till evighet. (aiōn , Limnē Pyr )
Diiyaabiloos inni isaan gowwoomse sunis gara haroo dinyii bobaʼuutti iddoo bineensichii fi raajichi sobaa itti darbataman sanatti gad darbatame. Isaanis bara baraa hamma bara baraatti halkanii guyyaa ni dhiphifamu. (aiōn , Limnē Pyr )
11 Och jag såg en stor hvit stol, och en sitta på honom, för hvilkens ansigte flydde jord och himmel, och dem vardt intet rum funnet.
Anis teessoo adii guddaa tokkoo fi isa teessicha irra taaʼe nan arge. Laftii fi samiin fuula isaa duraa ni baqatan; iddoonis isaaniif hin argamne.
12 Och jag såg de döda, stora och små, stå i Guds åsyn, och böckerna vordo upplåtna; och en annar bok vardt upplåten, som är lifsens; och de döde vordo dömde, efter som skrifvet var i böckerna, efter deras gerningar.
Warri duʼanis xinnaa guddaan fuula teessichaa dura dhaabatanii nan arge; kitaabonnis ni banaman; akkasumas kitaabni biraa jechuunis kitaabni jireenyaa ni baname. Warra duʼanis akkuma kitaabota keessatti galmeeffametti, akkuma hojii isaan duraan hojjetaniitti murtiin ni kennameef.
13 Och hafvet gaf igen de döda, som deruti voro; och döden och helvetet gåfvo igen de döda, som uti dem voro; och det blef dömdt om hvar och en, efter deras gerningar. (Hadēs )
Galaannis warra duʼan kanneen isa keessa turan of keessaa baasee kenne; duutii fi Siiʼoolis warra duʼan kanneen isaan keessa turan of keessaa baasanii kennan; namni hundis akkuma hojii isaatti murtii argate. (Hadēs )
14 Och döden och helvetet vordo kastade, uti den brinnande sjön; denne är den andre döden. (Hadēs , Limnē Pyr )
Ergasiis duutii fi Siiʼool haroo ibiddaatti gad darbataman. Haroon ibiddaa kunis duʼa lammaffaa ti. (Hadēs , Limnē Pyr )
15 Och den der icke vardt funnen skrifven i lifsens bok, han vardt kastad i den brinnande sjön. (Limnē Pyr )
Namni maqaan isaa kitaaba jireenyaa keessatti hin galmeeffamin kam iyyuu haroo ibiddaatti gad darbatame. (Limnē Pyr )