< Tito 2 >

1 Lakini wewe yaseme yale yanayoendana na maelekezo ya kuaminika.
Ati garuu waan barsiisa dhugaa wajjin deemu barsiisi.
2 Wazee wawe na kiasi, heshima, busara, imani safi, katika upendo, na katika uvumilivu.
Jaarsoliin akka amala qabeeyyii, kabajamoo fi warra of qaban taʼaniif, akkasumas akka warra amantii dhugaa, jaalalaa fi obsa qabaatan barsiisi.
3 Vilevile wanawake wazee lazima daima wajioneshe wao wenyewe kama wenye kujiheshimu, na sio wasengenyaji. Lazima wasiwe watumwa wa pombe.
Akkasuma immoo jaartoliin akka jireenya isaaniitiin kabajamoo taʼan, akka waan gaariis barsiisan malee akka maqaa nama hin balleessine yookaan akka dhugaatii daadhii wayinii baayʼeetiin hin fudhatamne isaan barsiisi.
4 Wanapaswa kufundisha yaliyo mazuri ili kuwaandaa wasichana kwa busara kuwapenda waume zao na watoto wao.
Yoos isaan akka dubartoonni shamarran dhirsoota isaanii fi ijoollee isaanii jaallatan barsiisuu ni dandaʼu;
5 Wanapaswa kuwafundisha kuwa na busara, wasafi, watunzaji wazuri wa nyumba zao, na watii kwa waume zao wenyewe. Inawalazimu kufanya mambo haya ili kwamba neno la Mungu lisitukanwe.
akka dubbiin Waaqaa hin tuffatamneefis akka of qaban, akka qulqullaaʼan, akka hojii mana keessaatiin qabaman, akka arjoota taʼan, akka dhirsoota isaaniitiif ajajaman ni barsiisu.
6 katika namna iyo hiyo, watieni moyo vijana wa kiume wawe na busara.
Akkasumas dargaggoonni akka of qabaniif gorsi.
7 Katika njia zote jiwekeni wenyewe kuwa mfano katika kazi nzuri; na mfundishapo, onesheni uadilifu na heshima.
Waan hunda keessatti waan gaarii hojjechuun fakkeenya isaaniif taʼi. Barsiisa kee keessatti amanamaa, kabajamaa fi nama akka salphaatti hin ilaalamne taʼi;
8 Ongeeni ujumbe wenye afya na usio na dosari, ili kwamba yeyote apingaye aaibishwe kwa sababu hana baya la kusema juu yetu.
akka warri siin morman waaʼee keenya waan hamaa dubbatan tokko illee dhabanii qaanaʼaniifis dubbii dhugaa kan tuffatamuu hin dandeenye dubbadhu.
9 Watumwa na wawatii mabwana zao katika kila kitu. Wanapaswa kuwafurahisha na sio kubishana nao.
Garboonni waan hundaan akka gooftota isaaniitiif ajajaman, akka gooftota isaanii gammachiisuu yaalan, akka waan gooftonni isaanii dubbataniif deebii mormii hin deebifne barsiisi;
10 Hawapaswi kuiba. Badala yake, wanapaswa kuonesha imani yote nzuri ili kwamba katika njia zote wayapambe mafundisho yetu kumhusu Mungu mwokozi wetu.
akka isaan gooftota isaanii jalaa hin hanne, garuu akka barsiisni Fayyisaa keenya Waaqaa karaa hundumaan hawwataa taʼu gochuuf akka isaan amanamummaa guutuu argisiisan barsiisi.
11 Kwa kuwa neema ya Mungu imeonekana kwa watu wote.
Ayyaanni Waaqaa kan fayyina fidu nama hundatti mulʼifameeraatii.
12 Inatufundisha kukataa mambo yasiyo ya kimungu na tamaa za kidunia. Inatufundisha kuishi kwa busara, kwa haki, na katika njia za kimungu kwa wakati huu. (aiōn g165)
Ayyaanni kunis Waaqa malee jiraachuu fi hawwii addunyaa ganuun bara kana keessa jireenya of qabiisaa, jireenya qajeelummaatii fi jireenya Waaqatti buluu akka jiraannu nu barsiisa; (aiōn g165)
13 Wakati tunatarajia kupokea tumaini letu lenye baraka, mwonekano wa utukufu wa Mungu wetu mkuu na Mwokozi wetu Yesu Kristo.
kunis yommuu nu abdii keenya isa eebbifamaa jechuunis mulʼachuu ulfina Waaqa keenya guddichaatii fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoos eeggachaa jirrutti taʼa;
14 Yesu alijitoa mwenyewe kwa ajili yetu ili kutukomboa kutoka katika uasi na kutufanya wasafi, kwa ajili yake, watu maalumu walio na hamu ya kufanya kazi nzuri.
innis hammina hunda irraa nu furuu fi saba ofii isaa warra waan gaarii hojjechuuf hinaafan ofiif qulqulleeffachuuf jedhee of dabarsee nuuf kenneera.
15 Yaseme na kuyasisitiza mambo haya. Kemea kwa mamlaka yote. Usikubali mtu yeyote akupuuze.
Egaa wantoonni ati barsiisuu qabdu kanneenii dha. Taayitaa guutuun jajjabeessi; ifadhus. Namni tokko iyyuu si hin tuffatin.

< Tito 2 >