< Warumi 7 >
1 Au hamjui, ndugu zangu (kwa kuwa naongea na watu wanaoijua sheria), kwamba sheria humtawala mtu anapokuwa hai?
Yaa obboloota, ani warra seera beekanitti nan dubbadhaatii; seerri nama tokko irratti taayitaa kan qabaatu hamma namichi sun lubbuun jiru qofa akka taʼe isin hin beektanii ree?
2 Kwa maana mwanamke aliyeolewa amefungwa na sheria kwa yule mme wake anapokuwa hai, lakini ikiwa mme wake atakufa, atakuwa amewekwa huru kutoka sheria ya ndoa.
Dubartiin heerumte tokko hamma inni lubbuudhaan jirutti seeraan dhirsa isheetti hidhamteerti; yoo dhirsi ishee duʼe garuu seera fuudhaa fi heerumaa sana irraa hiikamteerti.
3 Hivyo basi, wakati mme wake angali akiishi, ikiwa anaishi na mwanamme mwingine, ataitwa mzinzi. Lakini ikiwa mme wake akifa, yuko huru dhidi ya sheria, hivyo hatakuwa mzinzi ikiwa anaishi na mwanamme mwingine.
Kanaafuu utuu dhirsi ishee lubbuudhaan jiruu yoo nama biraatti heerumte isheen ejjituu jedhamti. Yoo dhirsi ishee duʼe garuu waan seera sana irraa hiikamteef yoo nama biraatti heerumte illee ejjitu miti.
4 Kwa hiyo, ndugu zangu, ninyi pia mlifanywa wafu kwa sheria kwa njia ya mwili wa Kristo. Imekuwa hivi ili mpate kuunganishwa na mwingine, kwake yeye ambaye alifufuliwa kutoka wafu ili tuweze kumzalia Mungu matunda.
Kanaafuu yaa obboloota ko, isinis akkasuma karaa dhagna Kiristoosiin seeraaf duutaniirtu; kunis akka isin kan biraa, kan isa warra duʼan keessaa kaafame sanaa taataniif; kun immoo akka nu Waaqaaf ija naqannuuf.
5 Kwa maana tulipokuwa katika hali ya mwili, tamaa za dhambi ziliamshwa katika viungo vyetu kwa njia ya sheria na kuizalia mauti matunda.
Yeroo nu akka namummaa cubbamaatti jiraachaa turretti, hawwiin cubbuu kan seeraan kakaafame sun akka nu duʼaaf ija naqannuuf dhagna keenya keessatti hojjechaa ture.
6 Lakini sasa tumefunguliwa kutoka katika sheria. Tumeifia ile hali iliyotupinga. Ili sisi tupate kutumika katika hali mpya ya Roho, na si katika hali ya zamani ya andiko.
Amma garuu waan duraan nu hidhee ture sanaaf duʼuudhaan seera irraa hiikamneerra; kunis akka seera moofaa barreeffame sana jalatti tajaajilluuf utuu hin taʼin akka jireenya Hafuuraa haaraa sanaan tajaajilluuf.
7 Tusemeje basi? Sheria ni dhambi? La hasha. Hata hivyo, nisingelitambua dhambi, isingelikuwa kwa njia ya sheria. Kwa kuwa nisingelijua kutamani kama sheria isingelisema, “Usitamani.”
Egaa maal jenna ree? Seerri cubbuudhaa? Gonkumaa akkas miti! Garuu ani utuu seeraan taʼuu baatee cubbuun maal akka taʼe hin beeku ture. Utuu seerri “Hin hawwin” jechuu baatee ani silaa hawwiin maal akka taʼe dhugumaan hin beeku ture.
8 Lakini dhambi ilipata nafasi kwa ile amri na ikaleta ndani yangu kila aina ya kutamani. Kwa maana dhambi pasipo sheria imekufa.
Cubbuun garuu carraa ajajni argamsiiseen hawwii hamaa gosa hundaa na keessatti uume. Lafa seerri hin jirretti cubbuun duʼaadhaatii.
9 Nami nilikuwa hai hapo kwanza bila sheria, lakini ilipokuja ile amri, dhambi ilipata uhai, nami nikafa.
Ani dur seera malee jiraachaan ture; yommuu ajajni dhufetti garuu cubbuun ni bayyanatte; anis nan duʼe.
10 Ile amri na ambayo ingelileta uzima iligeuka kuwa mauti kwangu.
Ajajni jireenya fida jedhamee eegame sunis akka duʼa natti fide nan hubadhe.
11 Kwa maana dhambi ilipata nafasi kwa ile amri na ikanidanganya. Kupitia ile amri, iliniua.
Cubbuun carraa ajajni argamsiiseen na gowwoomse; ajajuma sanaanis na ajjeese.
12 Hivyo sheria ni takatifu, na ile amri ni takatifu, ya yaki, na njema.
Kanaafuu seerri qulqulluu dha; ajajni sunis qulqulluu dha; qajeelaa dha; gaarii dhas.
13 Hivyo basi ile iliyo njema ilikuwa mauti kwangu mimi? Isiwe hivyo kamwe. Lakini dhambi, ili ionekane kuwa ni dhambi hasa kupitia ile njema, ilileta mauti ndani yangu. Hii ilikuwa ili kwamba kupitia ile amri, dhambi izidi kuwa mbaya mno.
Egaa waan gaarii sanatu duʼa natti taʼee ree? Gonkumaa akkas miti! Cubbuunis akka cubbuutti akka ilaalamuuf, akka karaa ajajaatiin ittuma caalee cubbuu taʼuufis cubbuun karaa waan gaarii sanaatiin duʼa natti fide.
14 Kwa maana twajua ya kuwa sheria asili yake ni ya rohoni, lakini mimi ni mtu wa mwilini. Nimeuzwa chini ya utumwa wa dhambi.
Nus akka seerri sun seera hafuuraa taʼe ni beekna; ani garuu nama foonii kan akkuma garbaatti cubbuutti gurguramee dha.
15 Maana nifanyalo, silielewi dhahiri. Kwa kuwa lile nilipendalo kutenda, silitendi, na lile nilichukialo, ndilo ninalolitenda.
Ani waanan hojjedhu hin beeku. Ani waanan jibbun hojjedha malee waanan hojjechuu barbaadu hin hojjedhuutii.
16 Lakini kama nikilitenda lile nisilolipenda, nakubaliana na sheria ya kuwa sheria ni njema.
Ani erga waanan hojjechuu hin barbaanne hojjedhee, akka seerri sun gaarii taʼe walii nan gala.
17 Lakini sasa si mimi nafsi yangu ninayetenda hilo, bali ni ile dhambi ikaayo ndani yangu.
Yoos, siʼachi cubbuu na keessa jiraatutu waan kana hojjeta malee ana miti.
18 Kwa maana najua ya kuwa ndani yangu, yaani ndani ya mwili wangu, halikai jambo jema. Kwa kuwa tamaa ya lililo jema imo ndani yangu, lakini silitendi.
Na keessa jechuunis namummaa koo cubbamaa keessa akka wanni gaariin tokko iyyuu hin jirre nan beeka. Ani waan gaarii hojjechuu nan hawwa; garuu hojjechuu hin dandaʼu.
19 Kwa maana lile jema nilipendalo silitendi, bali lile ovu nisilolipenda ndilo nilitendalo.
Wanti ani hojjedhu waan hamaa ani hojjechuu hin barbaanne malee waan gaarii ani hojjechuu barbaadu mitiitii.
20 Sasa kama natenda lile nisilolipenda, si mimi binafsi nilitendaye, bali ni ile dhambi ikaayo ndani yangu.
Egaa ani waanan hojjechuu hin barbaanne yoon hojjedhe, siʼachi cubbuu na keessa jiraatu sanatu waan kana hojjeta malee ana miti.
21 Nimefahama, tena, imo kanuni ndani yangu ya kutaka kutenda lililo jema, lakini uovu hakika umo ndani yangu.
Kanaafuu akka seerri sun hojjechaa jiru nan hubadha; yommuu ani waan gaarii hojjechuu barbaadu hamminni na biratti argama.
22 Kwa maana naifurahia sheria ya Mungu kwa utu wa ndani.
Ani keessa namummaa kootti seera Waaqaattin nan gammadaatii;
23 Lakini naona kanuni iliyo tofauti katika viungo vya mwili wangu. Inapiga vita dhidi ya kanuni mpya katika akili zangu. Inanifanya mimi mateka kwa kanuni ya dhambi iliyo katika viungo vya mwili wangu.
ani garuu utuu seerri biraa seera qalbii koo wajjin kutaa dhagna koo keessatti wal lolee seera cubbuu kan kutaa dhagna koo keessa jiruuf na boojiʼuu nan arga.
24 Mimi ni mtu wa huzuni! Ni nani atakayeniokoa na mwili huu wa mauti?
Ani nama gadadamaa akkamii ti! Dhagna duʼu kana jalaa eenyutu na baasa?
25 Lakini shukrani kwa Mungu kwa Yesu Kristo Bwana wetu! Hivyo basi. Mimi mwenyewe kwa akili zangu naitumikia sheria ya Mungu. Bali, kwa mwili naitumikia kanuni ya dhambi.
Karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin galanni Waaqaaf haa taʼu! Kanaafuu ani mataan koo qalbii kootiin garbicha seera Waaqaa ti; namummaa koo cubbamaadhaan garuu ani garbicha seera cubbuu ti.