< Ufunuo 11 >

1 Nilipewa mwanzi wa kutumia kama fimbo ya kupimia. Niliambiwa, “Ondoka na ukapime hekalu la Mungu na madhabahu, na wale wanaoabudu ndani yake.
Shambaqqoon ulee safartuu fakkaatu tokko naa kennamee akkana jedhamee natti himame; “Dhaqiitii mana qulqullummaa Waaqaatii fi iddoo aarsaa safari; warra achitti waaqeffatanis lakkaaʼi.
2 Lakini usipime eneo la ua wa nje ya hekalu, kwa kuwa wamepewa watu wa Mataifa. Wataukanyaga mji mtakatifu kwa muda wa miezi arobaini na miwili.
Oobdii mana qulqullummaatii ala taʼe garuu hin safarin; oobdiin sun waan Namoota Ormaatiif kennameef isa itti hin dabalin. Isaanis magaalaa qulqulluu sana jiʼa 42 lafatti dhidhiitu.
3 Nitawapa mashahidi wangu wawili mamlaka ya kutabiri kwa muda wa siku 1, 260, wakiwa wamevaa magunia.”
Anis dhuga baatota koo lamaaniif humna nan kenna; isaanis uffata gaddaa uffatanii guyyaa 1,260 raajii ni dubbatu.”
4 Hawa mashahidi ni miti miwili ya mizeituni na vinara viwili ambavyo vimesimama mbele ya Bwana wa dunia.
Isaan kunneenis mukkeen ejersaa lamaanii fi baattuuwwan ibsaa lamaan fuula Gooftaa lafaa dura dhaabatanii dha.
5 Kama mtu yeyote ataamua kuwadhuru, moto hutoka vinywani mwao na kuwadhuru adui zao. Yeyote anayetaka kuwadhuru lazima auawe kwa njia hii.
Namni kam iyyuu isaan miidhuu yaallaan ibiddi afaan isaaniitii baʼee diinota isaanii ni balleessa. Kunis haala namni isaan miidhuu barbaadu kam iyyuu ittiin ajjeefamuu qabuu dha.
6 Hawa mashahidi wana uwezo wa kufunga anga ili kwamba mvua isinyeshe wakati wanatabiri. Wana nguvu ya kubadili maji kuwa damu na kuipiga nchi kwa kila aina ya pigo wakati wowote wakitaka.
Isaan yeroo raajii dubbatanitti akka bokkaan hin roobneef humna ittiin samii cufan qabu; akkasumas bishaanota dhiigatti geeddaruudhaa fi yeroo barbaadanitti dhaʼicha gosa hundaatiin lafa rukutuuf taayitaa qabu.
7 Wakati watakapokuwa wamemaliza ushuhuda wao, yule mnyama anayetoka kwenye shimo lisilo na mwisho atafanya vita dhidi yao. Atawashinda na kuwaua. (Abyssos g12)
Yommuu isaan dhuga baʼumsa isaanii xumuranittis bineensi Boolla Qilee keessaa ol baʼu sun lola isaanitti kaasa; isaan moʼata; isaan ajjeesas. (Abyssos g12)
8 Miili yao italala katika mtaa wa mji mkuu (ambao kimfano unaitwa Sodoma na Misri) ambapo Bwana wao alisulubiwa.
Reeffi isaaniis daandii magaalaa guddoo irra ni ciciisa; magaalattiin kunis ishee hiikkaa hafuuraatiin Sodoomii fi Gibxi jedhamtu kan Gooftaan isaaniis itti fannifamee turee dha.
9 Kwa siku tatu na nusu baadhi kutoka katika jamaa za watu, kabila, lugha na kila taifa watatazama miili yao na hawatatoa kibali kuwekwa katika kaburi.
Namoonni saba hunda keessaa, gosa hunda keessaa, afaanii fi sanyii hunda keessaa dhufanis guyyaa sadii fi walakkaa reeffa isaanii ilaalu; akka hin awwaalamnes ni dhowwu.
10 Wale wanaoishi katika nchi watafurahi kwa ajili yao na kushangilia, hata kutumiana zawadi kwa sababu hao manabii wawili waliwatesa wale walioishi katika nchi.
Raajonni lamaan kunneen waan warra lafa irra jiraatan dhiphisaa turaniif warri lafa irra jiraatan isaanitti gammadu; ni ililchus; kennaas walii ergu.
11 Lakini baada ya siku tatu na nusu pumzi ya uhai kutoka kwa Mungu itawaingia nao watasimama kwa miguu yao. Hofu kuu itawaangukia wale wanaowaona.
Guyyaa sadii fi walakkaa booddee garuu hafuurri jireenyaa Waaqa biraa dhufee isaan seene; isaanis kaʼanii miilla isaaniitiin dhaabatan; warri isaan arganis akka malee sodaatan.
12 Kisha watasikia sauti kuu kutoka mbinguni ikiwaambia, “Njoni huku!” Nao watakwenda juu mbinguni katika wingu, wakati adui zao wakitazama.
Isaanis sagalee guddaa, “As ol kottaa!” isaaniin jedhu tokko samii irraa dhagaʼan. Utuma diinonni isaanii ilaalanuus duumessaan gara samiitti ol baʼan.
13 Katika saa hiyo kutakuwepo na tetemeko kuu la ardhi na moja ya kumi ya mji itaanguka. Watu elfu saba watauawa katika tetemeko na watakaobaki hai wataogopeshwa na kumpa utukufu Mungu wa mbinguni.
Yeroo sanattis sochii lafaa guddaa isaatu ture; magaalaan sunis kudhan keessaa tokko ni barbadaaʼe. Namoonni kumni torbas sochii lafaa sanaan dhuman; warri hafan immoo sodaatanii Waaqa samiitiif ulfina kennan.
14 Ole ya pili imepita. Angalia! Ole ya tatu inakuja upesi.
Wayyoon lammaffaan darbeera; kunoo, wayyoon sadaffaan dafee ni dhufa.
15 Kisha malaika wa saba alipiga tarumbeta yake, na sauti kubwa zilinena mbinguni na kusema, “Ufalme wa dunia umeshakuwa ufalme wa Bwana wetu na wa Kristo wake. Atatawala milele na milele.” (aiōn g165)
Ergamaan torbaffaanis malakata isaa afuufe; sagaleen guddaan, “Mootummaan addunyaa amma mootummaa Gooftaa keenyaatii fi mootummaa Kiristoos taʼeera; innis bara baraa hamma bara baraatti ni moʼa” jedhu samii keessa ture. (aiōn g165)
16 Kisha wazee ishirini na wanne waliokuwa wameketi kwenye viti vya enzi mbele ya Mungu walianguka wenyewe chini kwenye ardhi, nyuso zao zimeinama chini, nao walimwabudu Mungu.
Maanguddoonni digdamii afran fuula Waaqaa dura teessoo isaanii irra tataaʼanii turan sunis adda isaaniitiin gombifamanii Waaqaaf ni sagadan;
17 Walisema, “Twatoa shukrani zetu kwako, Bwana Mungu, mtawala juu ya vyote, ambaye upo na ambaye ulikuwepo, kwa sababu umetwaa nguvu yako kuu na kuanza kutawala.
akkanas jedhan: “Yaa Waaqayyoo Gooftaa Waan Hunda Dandeessu, Kan jirtuu fi kan turte, ati humna kee isa guddaa fudhattee waan moʼuu jalqabdeef galata siif dhiʼeessina.
18 Mataifa walikasirika, lakini gadhabu yako imekuja. Wakati umefika kwa wafu kuhukumiwa na wewe kuwazawadia watumishi wako manabii, waamini na wale walio na hofu ya jina lako, wote wawili wasiofaa kitu na wenye nguvu. Na wakati wako umefika wa kuwaharibu wale ambao wamekuwa wakiiharibu dunia.”
Saboonni ni aaran; dheekkamsi kees dhufeera. Yeroon warri duʼan itti murtii argatan gaʼeera; yeroon ati itti raajota tajaajiltoota kee taʼaniif, qulqulloota keetii fi warra maqaa kee sodaatan xinnaafis taʼu guddaaf badhaasa kennitu gaʼeera; yeroon ati itti warra lafa balleessan balleessitus gaʼeera.”
19 Kisha hekalu la Mungu mbinguni lilifunuliwa na sanduku la agano lake lilionekana ndani ya hekalu lake. Kulikuwa na miali ya mwanga, kelele, ngurumo za radi, tetemeko la ardhi na mawe ya mvua.
Manni qulqullummaa Waaqaa kan samii keessaas ni baname; taabonni kakuu isaas mana qulqullummaa isaa keessatti mulʼate. Ergasiis ifa balaqqee, sagalee, bakakkaa, sochii lafaatii fi bokkaa cabbii guddaa isaatu ture.

< Ufunuo 11 >