< Zaburi 85 >
1 Yahwe, wewe umeonesha fadhilia kwenye nchi yako; umeurejesha ustawi wa Yakobo.
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Yaa Waaqayyo, ati lafa keetiif arjoomteerta; boojuu Yaaqoobis deebifteerta.
2 Umesamehe dhambi ya watu wako; umezisitiri dhambi zao zote. (Selah)
Ati balleessaa uummata keetii dhiifteertaaf; cubbuu isaanii hundumaas dhoksiteerta.
3 Umeondoa ghadhabu yako yote; umeiacha hasira yako kali.
Dheekkamsa kee hunda fageessiteerta; aarii kee sodaachisaa sana irraas deebiteerta.
4 Uturejeshe sisi, Ee Mungu wa wokovu wetu, na uikomeshe chuki yako juu yetu.
Yaa Waaqa Fayyisaa keenya, iddoo keenyatti nu deebisi; dheekkamsa kees nurraa qabi.
5 Je! Utaendelea kuwa na hasira juu yetu milele? utadumisha hasira kizazi chote kijacho?
Ati bara baraan nutti aartaa? Dheekkamsa kee dhaloota tokko irraa dhaloota kaanitti dabarsitaa?
6 Je, hautatuhuisha tena? Kisha watu wako watafurahia katika wewe.
Akka sabni kee sitti gammaduuf, ati lubbuu nutti hin deebiftuu?
7 Utuoneshe sisi uaminifu wa agano lako, Yahwe, utupe sisi wokovu wako.
Yaa Waaqayyo, araara kee nutti mulʼisi; fayyina kees nuu kenni.
8 Nitasikiliza yale Yahwe Mungu asemayo, maana yeye atafanya amani pamoja na watu wake, wafuasi wake waminifu. Lakini lazima wasirudi tena katika njia za kipumbavu.
Ani waan Waaqayyo Waaqni jedhu nan dhaggeeffadha; inni saba isaa qulqullootaaf nagaa abdachiisa; isaan garuu gara gowwummaatti hin deebiʼin.
9 Hakika wokovu wake u karibu na wale wanao mwabudu yeye; kisha utukufu utabaki katika nchi yetu.
Akka ulfinni isaa lafa keenya irra jiraatuuf, fayyisuun isaa dhugumaan warra isa sodaatanitti dhiʼoo jira.
10 Uaminifu wa agano na uaminifu vimekutana pamoja; haki na amani vimebusiana.
Jaalallii fi amanamummaan wal gaʼan; qajeelummaa fi nagaan wal dhungatan.
11 Uaminifu unatoa chemchem kutoka ardhini, na haki hutazama chini kutoka mawinguni.
Amanamummaan lafa keessaa burqa; qajeelummaan immoo samii irraa gad ilaala.
12 Ndiyo, Yahwe atatoa baraka zake njema, na nchi itatoa mazao yake.
Waaqayyo dhugumaan waan gaarii ni kenna; lafti keenyas midhaan ishee ni kenniti.
13 Haki itaenda mbele zake na kufanya njia kwa ajili ya nyayo zake.
Qajeelummaan fuula isaa dura deema; miilla isaatiifis karaa qopheessa.