< Zaburi 73 >
1 Hakika Mungu ni mwema kwa Israeli, kwa wale walio na moyo safi.
Faarfannaa Asaaf. Dhugumaan Waaqni Israaʼeliif, warra garaan isaanii qulqulluu taʼeef gaarii dha.
2 Lakini kwangu mimi, kidogo tu miguu yangu iteleze; miguu yangu karibu iteleze kutoka kwangu
Ani garuu miilli koo gufachuu gaʼee, faanni koos mucucaachuu gaʼee ture.
3 kwa sababu niliwaonea wivu wenye kiburi nilipoona mafanikio ya waovu.
Ani yommuun badhaadhummaa hamootaa argetti, of tuultotatti hinaafeen tureetii.
4 Kwa maana hawana maumivu hadi kufa kwao, lakini wana nguvu na wameshiba.
Isaan hin dhiphatan; dhagni isaaniis fayyaa dha; cimaa dhas.
5 Wako huru dhidi ya mizigo ya watu wengine; nao hawateswi kama watu wengine.
Rakkinni nama biraatti dhufu isaanitti hin dhufu; isaan akka namoota kaanii dhukkubaan hin dhaʼaman.
6 Kiburi kinawapamba kama mkufu kwenye shingo zao; jeuri huwavika kama vazi.
Kanaafuu of tuulummaan faaya morma isaanii ti; fincilas akka wayyaatti uffatu.
7 Katika upofu wa jinsi hii dhambi huja; mawazo maovu hupita mioyoni mwao.
Iji isaanii coomee alatti dhiibama; hamminni isaan garaatti yaadan dhuma hin qabu.
8 Wao hudhihaki na kuongea kwa namna ya uovu; kwa kiburi chao hutishia mateso.
Isaan ni qoosu; hamminas ni dubbatu; of tuulaa cunqursaadhaan nama doorsisu.
9 Wameweka vinywa vyao dhidi ya mbingu, na ndimi zao hutanga tanga duniani.
Afaan isaanii samii falmata; arrabni isaaniis lafa dhaala.
10 Kwa hiyo watu wake huwageukia na maji yaliyojaa hukaushwa.
Kanaafuu sabni gara isaaniitti dachaʼee bishaan baayʼee dhuga.
11 Nao husema, “Mungu anajuaje? Yako maarifa kwake yeye aliye juu?”
Isaanis, “Waaqni akkamitti beekuu dandaʼaa? Waaqni Waan Hundaa Olii beekumsa qabaa?” jedhu.
12 Fahamu: watu hawa ni waovu; mara zote hawajali, wakifanyika matajiri na matajiri.
Egaa namoonni hamoon akkana; isaan yeroo hunda yaaddoo malee jiraatu; badhaadhummaanis guddachaa deemu.
13 Hakika nimeutunza moyo wangu bure na nimenawa mikono yangu pasipo kukosa.
Yoos ani akkasumaan garaa koo qulqullinaan eeggadhee harka koos akkasumaan dhiqadhe kaa!
14 Maana mchana kutwa nimeteswa na kuadhibiwa kila asubuhi.
Ani guyyaa guutuu dhaʼameera; ganama ganamas adabameera.
15 Kama ningesema, “Ningesema mambo haya,” kumbe nigewasaliti kizazi hiki cha watoto wenu.
Ani utuu, “Akkana nan dubbadha” jedhee jiraadhee silaa ijoollee kee nan yakkan ture.
16 Ingawa nilijaribu kuyaelewa mambo haya, yalikuwa ni magumu sana kwangu.
Garuu yommuu ani waan kana hunda hubachuu yaaletti, wanni kun hojii dadhabsiisaa natti taʼe.
17 Ndipo nilipoingia patakatifu pa Mungu na kuelewa hatma yao.
Kunis hamma ani iddoo qulqullummaa Waaqaa seenutti ture; ergasiis ani galgala isaanii nan hubadhe.
18 Hakika wewe huwaweka penye utelezi; huwaangusha mpaka palipoharibika.
Dhugumaan ati iddoo mucucaataa irra isaan dhaabde; akka isaan kufanii caccabaniifis gad isaan darbatte.
19 Jinsi gani wamekuwa ukiwa kwa muda mfupi! Wamefika mwisho nao wamemaliza kwa utisho.
Isaan akkamiin guutumaan guutuutti sodaadhaan fudhatamanii akkuma tasaa barbadaaʼan!
20 Wao ni kama ndoto wakati wa mtu kuamka; Bwana, utakapo inuka, utazidharau ndoto zao.
Akkuma abjuun yeroo namni hirribaa dammaqutti taʼu sana, atis yaa Gooftaa, akkasuma yommuu ol kaatu, hawwii garaa isaanii ni busheessita.
21 Maana moyo wangu ulipata uchungu, nami nilijeruhiwa sana.
Yommuu lubbuun koo gadditee onneen koos waraanamtetti,
22 Nilikuwa mjinga na sijui neno; nilikuwa kama mnyama tu mbele yako.
ani gowwaa fi wallaalaan ture; fuula kee durattis akka horii nan taʼe.
23 Lakini mimi nipo pamoja nawe daima; umenishika mkono wa kuume.
Taʼus ani yeroo hunda si wajjinan jira; atis harka koo mirgaa ni qabda.
24 Utaniongoza kwa shauri lako na baadaye utanipokea katika utukufu.
Ati gorsa keetiin na qajeelchita; ergasii immoo ulfinatti na galchita.
25 Ni nani niliye naye mbinguni isipokuwa wewe? Hakuna nimtamaniye duniani isipokuwa wewe.
Ani samii keessaa eenyunan qaba? Lafa irraas si malee homaa hin fedhu.
26 Mwili wangu na moyo wangu huwa dhaifu, bali Mungu ndiye nguvu ya moyo wangu daima.
Foon koo fi onneen koo dadhabuu dandaʼu; Waaqni garuu jabina garaa koo ti; bara baraanis inni qooda koo.
27 Wale walio mbali nawe wataangamia; utawaangamiza wote wasio waaminifu kwako.
Warri sirraa fagoo jiran ni badu; atis warra siif hin amanamne hunda ni balleessita.
28 Lakini mimi, linipasalo kufanya ni kumkaribia Mungu. Nimemfanya Bwana Yahwe kimbilio langu. Nami nitayatangaza matendo yako yote.
Akka ani yaadutti garuu Waaqatti dhiʼaachuun gaarii dha; Waaqayyo Gooftaa daʼoo koo godhadheera; ani hojii kee hunda nan labsa.