< Zaburi 57 >

1 Unihurumie, Mungu, unihurumie mimi, kwa maana ninakukimbilia wewe mpaka matatizo haya yaishe. Ninakaa chini ya mbawa za zako kwa ajili ya ulinzi mpaka huu uharibifu utakapoisha.
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo “Hin balleessin” jedhuun faarfatame. Faarfannaa Daawit. Miiktaamii. Innis yeroo Saaʼol jalaa baqatee holqatti galee faarfate. Na maari; yaa Waaqa na maari; lubbuun koo sitti kooluu galtiitii. Anis hamma balaan darbutti, gaaddisa qoochoo keetii jalatti kooluu nan gala.
2 Nitakulilia Mungu uliye hai, kwa Mungu, afanyaye mambo yote kwa ajili yangu.
Ani gara Waaqa Waan Hundaa Oliitti, gara Waaqa haaloo naa baasuutti nan iyya.
3 Yeye atatuma msaada kutoka mbinguni na kuniokoa, ana hasira na wale wanaonishambulia. (Selah) Mungu atanitumia upendo wake mwema na uaminifu wake.
Inni samii irraa ergee na oolcha; warra akka malee na ariʼan ni ifata; Waaqni jaalala isaatii fi amanamummaa isaa ni erga.
4 Uhai wangu uko katikati ya simba; niko katikati ya wale walio tayari kunila. Niko katikati ya watu ambao meno yao ni mikuki na mishale, na ambao ndimi zao ni kali kama upanga.
Ani leencota gidduun jira; ani bineensota nama nyaatan, namoota ilkaan isaanii eeboo fi xiyyaa kanneen arrabni isaanii akka goraadee qaramaa gidduu ciiseera.
5 Uinuliwe, Mungu, juu ya mbingu, utukufu wako uwe juu ya nchi yote.
Yaa Waaqi, ati samiiwwaniin olitti ol ol jedhi; ulfinni kees lafa hunda irra haa jiraatu.
6 Wao walisambaza nje wavu kwa ajili ya miguu yangu; nilikuwa na shida sana. Walichimba shimo mbele yangu. Wao wenyewe wameangukia katikati ya shimo! (Selah)
Isaanis kiyyoo miilla kootiif kaaʼan; lubbuun koos dhiphinaan gad gogdeerti. Isaan karaa koo irratti boolla qotan; garuu isaanumattu keessatti kufe.
7 Moyo wangu umeponywa, Mungu, moyo wangu umeponywa, nitaimba, ndiyo, nitaimba sifa.
Yaa Waaqi, garaan koo hin raafamu; garaan koo hin raafamu; ani nan faarfadha; nan weeddisas.
8 Inuka, moyo wa thamani; inuka, kinanda na kinubi; nitaamka alfajiri.
Yaa lubbuu ko, dammaqi! Yaa kiraaraa fi baganaa dammaqaa! Anis ganamaan nan dammaqa.
9 Nitakushukuru wewe, Bwana, kati ya watu; Kati ya mataifa nitakuimbia sifa.
Yaa Gooftaa, ani saboota gidduutti galata siif nan galcha; namoota gidduuttis waaʼee kee nan faarfadha.
10 Maana upendo wako usiokwisha, huzifikia mbingu; na uaminifu wako mawinguni.
Jaalalli kee guddaa dha; samiiwwanis gaʼaatii; amanamummaan kees samiiwwan qaqqaba.
11 Uinuliwe, Mungu, juu ya mbingu; na utukufu wako uinuliwe juu ya nchi yote.
Yaa Waaqi, ati samiiwwaniin olitti ol ol jedhi; ulfinni kees lafa hunda irra haa jiraatu.

< Zaburi 57 >