< Zaburi 55 >
1 Uyategee sikio maombi yangu, Mungu; nawe usijifiche mbali na kusihi kwangu.
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Miʼa ribuutiin. Maskiilii Daawit. Yaa Waaqi, kadhannaa koo dhagaʼi; waammata koo jalaas hin didin.
2 Unitazame kwa makini na unijibu; Sina pumziko katika shida zangu
Na dhagaʼiitii deebii naa kenni; komiin koo na dhiphisa; anis nagaa dhabeera.
3 kwa sababu ya sauti ya adui zangu, kwa sababu ya ukandamizaji wa waovu; maana wananiletea matatizo na kunitesa wakiwa na hasira.
Sagalee diinaatiin, cunqursa namoota hamoos dhufe; isaan dhiphina natti fiduutii; aariidhaanis na jibbu.
4 Moyo wangu wasumbuka ndani yangu, na hofu ya kifo imeniangukia.
Lapheen koo na keessatti dhiphatte; sodaan duʼaas na qabate.
5 Uwoga na kutetemeka kumenijia, nayo hofu imenielemea.
Sodaa fi hollannaan natti dhufeera; naasuunis na fudhateera.
6 Nikasema, “Oh, kama tu ningekuwa na mabawa kama njiwa! Ningelipaa mbali na kupata pumziko.
Anis akkana nan jedhe; “Utuu ani akkuma gugee qoochoo qabaadhee! Silaa asii barrisee nan boqodhan ture.
7 Tazama, ningeenda mbali; ningekaa jangwani. (Selah)
Silaa fagootti baqadhee gammoojjii keessa nan bubbula ture;
8 Ningefanya haraka kuja mafichoni mwako kuzikimbia dhoruba na tufani.”
silaa bubbee hamaa fi qilleensa jabaa irraa fagaadhee gara iddoo boqonnaa kootti nan ariifadhan ture.”
9 Uwaangamize, Bwana, vuruga lugha zao! Kwa maana nimeona vurugu na ugomvi katika mji.
Yaa Gooftaa, namoota hamoo burjaajessi; dubbii isaaniis waliin dhaʼi; ani magaalaa keessatti goolii fi lola argeeraatii.
10 Mchana na usiku wao huenda kwenye kuta zake; uchafu na ufisadi uko katikati yake.
Isaan halkanii guyyaa ol baʼanii dallaa ishee irra naannaʼu; jalʼinnii fi rakkinni ishee keessa jira.
11 Uovu uko katikati yake; ukandamizaji na uongo hauiachi mitaa yake.
Ishee keessa badiisatu jira; nama cunqursuu fi gowwoomsuun daandii ishee irraa hin dhabamu.
12 Kwa maana hakuwa adui aliye nikemea, hivyo ningevumilia; wala ingekuwa ni yule aliye nichukia aliyejiinua mwenyewe dhidi yagu, hivyo ningejificha asinione.
Utuu diinni na arrabsee, silaa obsuu nan dandaʼa ture; utuu amajaajiin natti kaʼee, silaa jalaa dhokachuu nan dandaʼa ture.
13 Lakini ulikuwa wewe, mtu sawa na mimi, mwenzangu na rafiki yangu.
Garuu siʼi namuma akka kootii, hiriyaa koo, michuu koo kan natti dhiʼaatutu waan kana godhe.
14 Tulikuwa na ushirika mtamu pamoja; tuliingia katika nyumba ya Mungu tukiwa na umati mkubwa.
Tokkummaadhaan mana Waaqaa walii wajjin deemne; haasaa miʼaawaas walii wajjin haasofne.
15 Kifo na kiwapate ghafla; na washuke wakiwa hai kuzimuni, maana ndiko waishiko waovu, hapo hapo kati yao. (Sheol )
Duuti tasa isaanitti haa dhufu; utuma lubbuudhaan jiranuu siiʼool keessa haa buʼan; hamminni mana isaaniitii fi garaa isaanii keessa jiraattii. (Sheol )
16 Lakini kwangu mimi, nitamwita Mungu, na Yahwe ataniokoa.
Ani garuu Waaqa nan waammadha; Waaqayyos jalaa na baasa.
17 Wakati wa jioni, asubuhi na mchana ninalalamika na kuomboleza; yeye atasikia sauti yangu.
Ani galgala, ganamaa fi waareetti dhiphinaan nan iyya; innis sagalee koo ni dhagaʼa.
18 Kwa usalama kabisa atayaokoa maisha yangu na vita dhidi yangu, kwa maana wale waliopigana nami walikuwa ni wengi.
Yoo namni baayʼeen anaan morme illee, inni waraana natti kaʼe jalaa miidhaa malee na baasa.
19 Mungu, yule unayetawala milele, atawasikia na kuwaaibisha wao. (Selah) Hawabadiliki, na hawamhofu Mungu.
Waaqni inni durumaa jalqabee teessoo irra jiru sun, Namoota karaa isaanii hin geeddaranne, kanneen Waaqa hin sodaanne ni dhagaʼa; isaan qaanessas.
20 Rafiki yangu ameinua mikono yake dhidi ya wale waliokuwa na amani naye; Hakuheshimu agano alilokuwa nalo.
Hiriyaan koo michoota isaatti harka isaa ol fudhate; kakuu isaa illee ni cabse.
21 Mdomo wake ulikuwa laini kama siagi, lakini moyo wake ulikuwa adui; maneno yake yalikuwa laini kuliko mafuta, lakini yalikuwa ni panga zilizochomolewa.
Dubbiin isaa akkuma dhadhaa ti; nama hin quuqu; garaa isaa keessa garuu lolatu jira; dubbiin isaa zayitii caalaa lallaafa; garuu goraadee luqqifamee dha.
22 Umtwike mizigo yako Yahwe, naye atakusaidia; yeye hataruhusu mtu mwenye haki kuyumbayumba.
Yaaddoo kee Waaqayyotti kennadhu; inni si jiraachisa; namni qajeelaan akka jeqamus hin godhu.
23 Bali wewe, Mungu, utawaleta waovu chini kwenye shimo la uharibifu; watu wenye kiu ya kumwaga damu na waongo hawataishi hata nusu ya maisha kama wengine, lakini mimi nitakuamini wewe.
Yaa Waaqayyo, ati garuu namoota hamoo boolla badiisaa keessa ni buufta; warri dhiiga dhangalaasanii fi gowwoomsitoonni, walakkaa bara jireenya isaanii iyyuu hin jiraatan. Ani garuu sin amanadha.