< Zaburi 44 >
1 Mungu, tumesikia kwa masikio yetu, baba zetu wametuambia kazi uliyofanya katika siku zao, siku za kale.
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Maskiilii Ilmaan Qooraahi. Yaa Waaqi, waan ati bara durii, jabana isaanii keessa hojjette sana, abbootiin keenya nutti himaniiru; nuus gurra keenyaan dhageenyeerra.
2 Uliwafukuza mataifa kwa mkono wako, lakini ukawafanya watu wetu kuishi humo; wewe uliwataabisha mataifa, lakini ukawaeneza watu wetu katika nchi.
Ati harka keetiin saboota ariitee baafte; abbootii keenya immoo ni dhaabde; namoota ni balleessite; abbootii keenya garuu bilisa baafte.
3 Kwa maana hawakupata umiliki wa nchi kwa upanga wao, wala mkono wao wenyewe haukuwaokoa; bali mkono wako wakuume, mkono wako, na nuru ya uso wako, na kwa sababu uliwaridhia.
Harka kee mirgaatiin, irree keetii fi ifa fuula keetiitiin dhaalan malee isaan goraadee isaaniitiin lafa sana hin dhaalle; yookaan irreen isaanii moʼannoo isaaniif hin fidne; ati isaan jaallatteertaatii.
4 Mungu, wewe ni Mfalme wangu, amuru ushindi kwa ajili ya Yakobo.
Ati Mootii koo fi Waaqa koo kan Yaaqoobiif moʼicha ajajjuu dha.
5 Kwa uweza wako tutawaangusha chini maadui zetu; kwa jina lako tutatembea juu yao, wale wanao inuka dhidi yetu.
Nu siin diinota keenya duubatti deebifna; maqaa keetiinis amajaajota keenya gad dhidhiinna.
6 Kwa maana sitauamini upinde wangu, wala upanga wangu hautaniokoa.
Ani iddaa koo hin amanadhu; goraadeen koos moʼannaa naa hin fidu;
7 Bali wewe ndeye uliyetuokoa na adui zetu, na umewaaibisha wale watuchukiao.
ati garuu diinota keenya jalaa nu oolchita; warra nu jibban immoo ni qaanessita.
8 Katika Mungu tumefanywa kujivuna siku zote, nasi tutalishukuru jina lako milele. (Selah)
Nu yeroo hundumaa Waaqaan dhaadanna; maqaa kees bara baraan ni galateeffanna.
9 Lakini sasa umetutupa na kutufedhehesha, na hauendi na majeshi yetu.
Amma garuu ati nu gatteerta; gadis nu deebifteerta; ati loltoota keenya wajjin hin baane.
10 Umetufanya kuwakimbia maadui zetu; na wale watuchukiao huchukua vitu vyetu vya thamani kwa ajili yao wenyewe.
Akka nu diinota keenya baqannu nu gooteerta; warri nu jibbanis nu saamaniiru.
11 Umetufanya kama kondoo aliyeandaliwa kwa ajili ya chakula na umetutawanya kati ya mataifa.
Ati akka hoolota qalamuuf qopheeffamanii nu gooteerta; ormoota keessas nu bittinneessiteerta.
12 Wewe unawauza watu wako bure; kwa kufanya hivyo haukupata faida.
Saba kee gatii xinnaatti gurgurteerta; gurgurtaa isaanii irraas buʼaa hin arganne.
13 Wewe umetufanya kukemewa na majirani zetu, kuchekwa, na kudhihakiwa na wale wanao tuzunguka.
Ollaa keenya duratti nama kolfaa, warra naannoo keenyaa birattis waan qoosaatii fi nama tuffii nu gooteerta.
14 Umetufaya kituko kati ya mataifa, .......................................................
Ormoota keessatti waan mammaaksaa nu goote; namoonnis mataa nutti raasan.
15 Siku zote fedheha yangu iko mbele yangu, na aibu ya uso wangu imenifunika
Salphinni koo guyyaa guutuu fuula koo dura jira; fuulli koos qaaniidhaan haguugameera.
16 kwa sababu ya sauti yake iliyo kemea na kutukana, kwa sababu ya adui na kisasi.
Kunis sababii dubbii warra na tuffataniitii fi warra na arrabsaniitiif, sababii diinaatii fi sababii nama haaloo baafatuutiif taʼe.
17 Yote haya yametupata sisi; bado hatukukusahau wewe wala kulikosea agano lako.
Kun hundi nutti dhufeera; taʼus nu si hin daganne; yookaan kakuu kee keessatti amanamummaa hin dhabne.
18 Mioyo yetu haikukengeuka; hatua zetu hazikuiacha njia yako.
Garaan keenya dugda duubatti hin deebine; tarkaanfiin keenyas karaa kee irraa hin jalʼanne.
19 Bali wewe umetuadhibu vikali katika mahali pa mbweha na kutufunika na uvuli wa mauti.
Ati garuu iddoo waangoonni jiraatanitti nu caccabsite; dukkana hamaadhaan nu haguugde.
20 Ikiwa tumelisahau jina la Mungu wetu au kueneza mikono yetu kwa Mungu mgeni,
Utuu nu maqaa Waaqa keenyaa irraanfannee, yookaan utuu harka keenya gara waaqa ormaatti balʼifannee jiraannee,
21 Mungu asingeligundua hili? Kwa maana yeye anazijua siri za moyo.
silaa Waaqni waan kana bira hin gaʼu turee? Inni icciitii garaa namaa beekaatii.
22 Hakika, kwa ajili ya jina lako tutauawa siku zote; tunahesabiwa kuwa kondoo kwa ajili ya kuchinjwa.
Nu siif jennee guyyaa guutuu ni ajjeefamna; akka hoolota qalamuuf jiraniittis lakkaaʼamneerra.
23 Bwana, amka, kwa nini unalala? Inuka, usitutupe moja kwa moja.
Yaa Gooftaa dammaqi! Ati maaliif rafta? Kaʼi! Bara baraanis nu hin gatin.
24 Kwa nini unaficha uso wako na kusahau mateso yetu na kukandamizwa kwetu?
Ati maaliif fuula kee dhokfatta? Maaliifis dhiphinaa fi hacuucamuu keenya irraanfatta?
25 Kwa maana tumeyeyushwa kwenye mavumbi; miili yetu imeshikamana na ardhi.
Lubbuun keenya biyyootti dabalamteertii; garaan keenyas lafatti maxxaneera.
26 Inuka utusaidie na utuokoe kwa ajili ya uaminifu wa agano lako.
Kaʼiitii nu gargaar; sababii jaalala kee kan hin geeddaramneetiifis nu furi.