< Zaburi 43 >

1 Mungu, uniletee haki, na unitetee dhidi ya taifa lisilo la kimungu.
Yaa Waaqi, naa murteessi; saba hin amanametti dubbii koo naa falmi; gowwoomsitootaa fi jalʼoota jalaas na baasi.
2 Kwa kuwa wewe ni Mungu wa nguvu zangu. Kwa nini umenikataa? Kwa nini ninaenenda katika maombolezo kwa sababu ya ukandamizaji wa adui yangu?
Ati Waaqa jabina kootii ti. Maaliif na gatte? Ani maaliifin diinaan cunqurfamee gaddaan jiraadha?
3 Oh, tuma nuru yako na kweli yako ziniongoze. Ziniletee mlima wako mtakatifu na makao yako.
Ifa keetii fi dhugaa kee ergi; isaan na haa qajeelchan; gara tulluu kee qulqulluutti, gara iddoo ati jiraattu sanaatti ana haa fiddan.
4 Kisha nitakwenda madhabahuni mwa Mungu, kwa Mungu wangu aliye furaha yangu kuu. Nami nitakusifu wewe kwa kinubi, Ee Mungu, Mungu wangu.
Yoos ani gara iddoo aarsaa Waaqaa, gara Waaqa gammachuu fi ilillee koo nan dhaqa. Yaa Waaqayyo, Waaqa ko, ani baganaadhaan sin galateeffadha.
5 Roho yangu, kwa nini umeinama? Kwa nini unahuzuni ndani yangu? Kwa kuwa nitamsifu tena yeye ambaye ni wokovu wangu na Mungu wangu.
Yaa lubbuu ko, ati maaliif gaddita? Na keessattis maaliif raafamta? Abdii kee Waaqa irra kaaʼadhu; ani amma iyyuu isa nan galateeffadha; Fayyisaa koo fi Waaqa koo nan jajadha.

< Zaburi 43 >