< Zaburi 145 >

1 Nitakutukuza wewe, Mungu wangu, Mfalme; nitalihimidi jina lako milele na milele.
Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqa koo Mooticha, ani sin leellisa; bara baraa hamma bara baraattis maqaa kee nan galateeffadha.
2 Kila siku nitakuhimidi; nitalisifu jina lako milele na milele.
Ani guyyuma guyyaan sin galateeffadha; bara baraa hamma bara baraattis maqaa kee nan leellisa.
3 Yahwe ndiye mkuu na wakusifiwa sana; ukuu wake hauchunguziki.
Waaqayyo guddaa dha; galateeffamuunis baayʼee malaaf; guddina isaa qoratanii itti baʼuun hin dandaʼamu.
4 Kizazi kimoja kitayasifu matendo yako kwa kizazi kijacho na kitatangaza matendo yako makuu.
Dhaloonni tokko dhaloota biraatti hojii kee ni hima; hojiiwwan kee jajjaboos ni labsa.
5 Nitaitafakari fahari ya utukufu wa adhama yako na matendo yako ajabu.
Isaanis waaʼee miidhagina ulfina qabeessa surraa kee sanaa ni dubbatu; anis waaʼee hojii kee dinqisiisaa sanaa irra deddeebiʼee itti nan yaada.
6 Watanena juu ya nguvu ya kazi zako za kutisha, nami nitatangaza ukuu wako.
Isaan waaʼee hojii kee sodaachisaa sanaa ni odeessu; anis guddina kee nan labsa.
7 Nao watatangaza wingi wa wema wako, na wataimba kuhusu haki yako.
Isaan yaadannoo gaarummaa keetii baayʼisanii odeessu; waaʼee qajeelummaa keetiis ililchanii faarfatu.
8 Yahwe ni wa neema na huruma, si mwepesi wa hasira na mwingi katika uaminifu wa agano lake.
Waaqayyo arjaa fi gara laafessa; inni aaruuf hin ariifatu; jaalalli isaas baayʼee dha.
9 Yahwe ni mwema kwa wote; huruma zake zi juu ya kazi zake zote.
Waaqayyo, nama hundaaf gaarii dha; inni waan uume hundaaf garaa ni laafa.
10 Vyote ulivyo viumba vitakushukuru wewe, Yahwe; waaminifu wako watakutukuza wewe.
Yaa Waaqayyo, hojiin kee hundinuu si galateeffata; qulqulloonni kees si leellisu.
11 Waaminifu wako watanena juu ya utukufu wa ufalme wako, na watahubiri juu ya nguvu zako.
Isaan waaʼee ulfina mootummaa keetii ni odeessu; waaʼee humna keetiis ni dubbatu;
12 Watayafanya matendo makuu ya Mungu ya julikane na wanadamu na utukufu wa fahari ya ufalme wake.
kunis akka namoonni hundi hojii kee humna qabeessa, surraa ulfina qabeessa mootummaa kee sanaas beekaniif.
13 Ufalme wako ni wa milele, na mamlaka yako ya dumu kizazi hata kizazi.
Mootummaan kee mootummaa bara baraa ti; bulchiinsi kees dhalootaa gara dhalootaatti darba. Waaqayyo dubbii isaa hundaan amanamaa dha; hojii isaa hundaanis arjaa dha.
14 Yahwe huwategemeza wote waangukao na huwainua wote walioinama chini.
Waaqayyo warra kufan hunda ol qaba; warra gad qabaman hundas ni kaasa.
15 Macho ya wote yanakungoja wewe; nawe huwapa chakula chao kwa wakati sahihi.
Iji nama hundaa si eeggata; atis yeroo barbaachisutti nyaata isaaniif ni kennita.
16 Huufungua mkono wako na hukidhi haja ya kila kiumbe hai.
Ati harka kee balʼiftee fedhii warra lubbuu qaban hundaa ni guutta.
17 Yahwe ni mwenye haki katika njia zake zote na neema katika yote afanyayo.
Waaqayyo karaa isaa hundaan qajeelaa dha; hojii isaa hundaanis arjaa dha.
18 Yahwe yu karibu na wote wamwitao, wale wamwitao yeye katika uaminifu.
Waaqayyo warra isa waammatan hundatti, warra dhugaadhaan isa waammatan hundatti dhiʼoo dha.
19 Hutimiza haja za wale wanao mheshimu yeye; husikia kilio chao na kuwaokoa.
Inni fedhii warra isa sodaatanii ni guuta; kadhannaa isaanis dhagaʼee isaan oolcha.
20 Yahwe huwalinda wale wampendao, lakini atawaangamiza waovu wote.
Waaqayyo warra isa jaallatan hunda ni eega; jalʼoota hunda garuu ni balleessa.
21 Kinywa changu kitazinena sifa za Yahwe; wanadamu wote na walitukuze jina lake takatifu milele na milele.
Afaan koo Waaqayyoon galateeffachuudhaan ni dubbata. Uumamni hundinuu maqaa isaa qulqulluu sana bara baraa hamma bara baraatti haa eebbisu.

< Zaburi 145 >