< Zaburi 144 >

1 Atukuzwe Yahwe, mwamba wangu, anifundishaye mikono yangu vita na vidole vyangu kupigana.
Faarfannaa Daawit. Waaqayyo kattaa koo, isa harka koo waraanaaf, quba koos lolaaf leenjisu sanaaf galanni haa gaʼu.
2 Wewe ni uaminifu wa agano langu na ngome yangu, mnara wangu mrefu na uniokoaye, ngao yangu na yule ambaye katika yeye napata kimbilio, uyatiishaye mataifa chini yangu.
Inni Waaqa na jaallatuu fi daʼoo koo ti; iddoo ani itti daʼadhuu fi fayyisaa koo ti. Gaachana koo, iddoo ani itti kooluu galu, kan na jalatti saba naaf bulchuu dha.
3 Ee Yahwe, mtu ni kitu gani hata umtazame au mwana wa mtu hata umfikirie?
Yaa Waaqayyo, akka ati waaʼee isaa yaadduuf, namni maali? Akka ati isaaf yaadduuf ilmi namaa maali?
4 Mtu ni kama pumzi, siku zake ni kama uvuli upitao.
Namni akkuma qilleensa shuf jedhee darbuuti, barri isaas akkuma gaaddisa darbuu ti.
5 Ee Yahwe uziinamishe mbingu na ushuke chini, uiguse milima na uifanye kutoa moshi.
Yaa Waaqayyo, samiiwwan kee tarsaasii gad buʼi; akka aarri isaan keessaa yaaʼuufis tulluuwwan tuqi.
6 Utume umeme uwatawanye adui zangu; upige mishale yako na uwavuruge.
Bakakkaa ergiitii diina bittinneessi; xiyya kee darbadhuutii isaan balleessi.
7 Nyosha mkono wako toka juu; uniokoe kutoka katika maji mengi, na kutoka katika mkono wa wageni.
Ol gubbaadhaa harka kee gad hiixadhuutii bishaan jabaa jalaa, harka alagaa duraas, na baasi; na oolchis;
8 vinywa vyao hunena uongo, na mkono wao wa kuume ni mkono wa uongo.
warra afaan isaanii sobaan guutame, warra harki isaanii mirgaa nama dogoggorsu duraa na baasi.
9 Nitakuimbia wimbo mpya, Mungu; kwa kinanda cha nyuzi kumi nitakuimbia sifa wewe,
Yaa Waaqi, ani faarfannaa haaraa siif nan faarfadha; kiraara ribuu kudhaniitiinis siifin weeddisa;
10 uwapaye wafalme wokovu, uliye muokoa Daudi mtumishi wako dhidi ya upanga wa uovu.
isa moototaaf moʼannoo kennuuf, isa garbicha isaa Daawitin goraadee nama ajjeesu jalaa baasuuf nan faarfadha.
11 Uniokoe na unitoe mkononi mwa wageni. Midomo yao huongea uongo, na mkono wao wa kuume ni mkono wa uongo.
Harka Ormootaa duraa, warra afaan isaanii sobaan guutame, warra harki isaanii mirgaa nama dogoggorsu jalaa na baasi; na oolchis.
12 Wana wetu na wawe kama mimea ikuayo kwa ukumbwa timilifu katika ujana wao na binti zetu kama nguzo za pembeni, zilizonakishiwa kwa kupamba jumba la kifahari.
Ilmaan keenya dargaggummaa isaanii keessatti, akka biqiltuu tolee guddatee haa taʼan; intallan keenyas akka utubaa golee, kan masaraa mootummaa miidhagsuuf soofamee haa taʼan.
13 Ghala zetu na zijae akiba ya kila aina ya mazao, na kondoo wetu wazae elfu na makumi elfu mashambani mwetu.
Gombisaawwan keenya, midhaan gosa garaa garaatiin haa guutaman. Hoolonni keenya kumaatama haa dhalan; dirree keenya irrattis kumaatama kudhaniin haa baayʼatan;
14 Kisha ng'ombe wetu watakuwa na nddama wengi. Hakuna atakayevunja kuta zetu; hakutakuwa na uhamisho wala kilio mitaani mwetu.
loon keenya haa dorroban hin gatatin yookaan yeroo malee hin dhalin; boojiʼamuunis hin jiraatin; wawwaachuunis karaa keenya irratti hin dhagaʼamin.
15 Wamebarikiwa watu wenye baraka hizo; furaha ina watu ambao Mungu wao ni Yahwe.
Warri eebbi kun taʼeef haa gammadan; warri Waaqayyo Waaqa isaanii taʼeef eebbifamoo dha.

< Zaburi 144 >