< Zaburi 138 >
1 Nitakushukuru kwa moyo wangu wote; mbele ya miungu nitakuimbia sifa.
Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha; fuula “waaqotaa” durattis galata kee nan faarfadha.
2 Nitasujundu mbele ya hekalu lako takatifu na kulishukuru jina lako kwa ajili ya uaminifu wa agano lako na kwa uaminifu wako. Umelifanya muhimu zaidi neno lako na jina lako kuliko kitu chochote.
Sababii ati maqaa keetii fi dubbii kee waan hundaa olitti guddifteef, ani sababii jaalalaa fi amanamummaa keetiitiif gara mana qulqullummaa kee qulqullichaatti gad jedhee, maqaa kee nan leellisa.
3 Siku ile niliyo kuita, ulinijibu; ulinitia moyo na kuitia nguvu nafsi yangu.
Yeroo ani si waammadhetti ati deebii naa kennite; irree keetiinis na jabeessite.
4 Wafalme wote wa nchi watakushukuru wewe, Yahwe, maana watasikia maneno kutoka kinywani mwako.
Yaa Waaqayyo, mootonni lafaa hundinuu, yeroo dubbii afaan keetii dhagaʼanitti si haa leellisan.
5 Hakika, wataimba kuhusu matendo ya Yahwe, kwa kuwa utukufu wa Yahwe ni mkuu.
Ulfinni Waaqayyoo, guddaadhaatii, isaan waaʼee karaa Waaqayyoo haa faarfatan.
6 Maana ingawa Yahwe yuko juu, lakini anawajali wanyenyekevu, lakini hawatambui wenye majivuno.
Waaqayyo yoo ol fagoo jiraate iyyuu, nama gad qabame ni ilaala; nama of tuulu immoo fagootti beeka.
7 Nijapopita katikati ya hatari, wewe utauhifadhi uhai wangu; utanyoosha mkono wako dhidi ya hasira ya adui zangu, na mkono wako wa kuume utaniokoa.
Ani rakkina keessa jiraadhu iyyuu, ati lubbuu koo ni eegda; aarii diina kootti harka kee ni diriirsita; harka kee mirgaatiinis na oolchita.
8 Yahwe yuko pamoja nami hadi mwisho; uaminifu wa agano lako, Yahwe, wadumu milele. Usiwaache wale ambao mikono yako imewaumba.
Waaqayyo kaayyoo isaa fiixaan naa baasa; yaa Waaqayyo, jaalalli kee bara baraan jiraata; hojii harka keetii hin gatin.