< Zaburi 135 >
1 Msifuni Yahwe. Lisifuni jina la Yahwe. Msifuni yeye, enyi watumishi wa Yahwe,
Haalleluuyaa. Maqaa Waaqayyoo jajadhaa; isin garboonni Waaqayyoo isa galateeffadhaa.
2 ninyi msimamao katika nyumba ya Yahwe, katika nyua za nyumba ya Mungu wetu.
Isin warri mana Waaqayyoo keessa, oobdii mana Waaqa keenyaa keessa tajaajiltan, isa galateeffadhaa.
3 Msifuni Yahwe, kwa kuwa ni mwema; liimbieni sifa jina lake, maana ni vizuri kufanya hivyo.
Waaqayyo gaariidhaatii, Waaqayyoon galateeffadhaa; inni arjaadhaatii maqaa isaatiif faarfadhaa.
4 Kwa kuwa Yahwe amemchagua Yakobo kwa ajili yake mwenyewe, Israeli kama urithi wake.
Waaqayyo Yaaqoobin ofii isaatiif, Israaʼelin immoo dhaala dhuunfaa isaa godhee filateeraatii.
5 Najua ya kuwa Yahwe ni mkuu, na kwamba Bwana wetu yuko juu ya miungu yote.
Ani akka Waaqayyo guddaa taʼe, akka Gooftaan keenya waaqota hunda caalaa guddaa taʼe beeka.
6 Chochote Yahwe apendacho, hufanya mbinguni, duniani, katika bahari na katika vilindi vyote.
Waaqayyo samiiwwan keessattii fi lafa irratti, galaanotaa fi tuujuba isaanii hunda keessatti, waan isa gammachiisu kam iyyuu ni hojjeta.
7 Hushusha mawingu kutoka mbali, akifanya mianga ya radi kuongozana na mvua na kuleta upepo toka katika ghala yake.
Inni akka duumessoonni daarii lafaatii kaʼan ni godha; bokkaa wajjin balaqqee erga; gombisaa isaa keessaas bubbee gad baasa.
8 Aliua mzaliwa wa kwanza wa Misri, wote wanadamu na wanyama.
Inni hangafoota Gibxi, kan namaatii fi kan horii ni dhaʼe.
9 Alituma ishara na maajabu kati yako Misri, dhidi ya Farao na watumishi wake wote.
Yaa Gibxi, inni gidduu keetti, Faraʼoonii fi tajaajiltoota isaa hundatti mallattoo fi dinqii isaa ergeera.
10 Aliwashambulia mataifa mengi na aliua wafalme wenye nguvu,
Inni saboota baayʼee dhaʼee mootota jajjaboo ajjeese;
11 Sihoni mfalme wa Waamori na Ogu mfalme wa Bashani na falme zote za Kanaani.
Sihoon mootii warra Amoorotaa, Oogi mootii Baashaanii fi mootota Kanaʼaan hunda ni ajjeese;
12 Alitupatia sisi nchi yao kama urithi, urithi wa Israeli watu wake.
lafa isaanii dhaala godhee akka dhaala isaanii taʼuufis saba isaa Israaʼeliif kenne.
13 Jina lako, Yahwe, inadumu milele; Yahwe, kumbukumbu lako vizazi hata vizazi.
Yaa Waaqayyo, maqaan kee bara baraan jiraata; yaa Waaqayyo, ati dhaloota hunda keessatti ni yaadatamta.
14 Kwa kuwa Bwana huwatetea watu wake na anahuruma juu ya watumishi wake.
Waaqayyo saba isaatiif ni falma; tajaajiltoota isaatiifis garaa laafa.
15 Sanamu za mataifa ni fedha na dhahabu, kazi ya mikono ya wanadamu.
Waaqonni tolfamoon namoota ormaa meetii fi warqee harka namaatiin hojjetamanii dha.
16 Sanamu hizo zina vinywa, lakini haziongei; zina macho, lakini hazioni;
Isaan afaan qabu; garuu dubbachuu hin dandaʼan; ijas qabu; garuu arguu hin dandaʼan;
17 zina masikio, lakini hazisikii, wala vinywani mwao hamna pumzi.
gurra qabu; garuu dhagaʼuu hin dandaʼan; yookaan hafuurri tokko iyyuu afaan isaanii keessa hin jiru.
18 Wale wazitengenezao wanafanana nazo, vilevile kila anaye zitumainia.
Warri isaan tolchan kanneen isaan amanatan hundi akkuma isaanii taʼu.
19 Enyi kizazi cha Israeli, mtukuzeni Yahwe; kizazi cha Haruni, mtukuzeni Yahwe.
Yaa mana Israaʼel Waaqayyoon eebbisaa; yaa mana Aroon Waaqayyoon eebbisaa;
20 Kizazi cha Lawi, mtukuzeni Yahwe.
yaa mana Lewwii Waaqayyoon eebbisaa; isin warri isa sodaattanis, Waaqayyoon eebbisaa.
21 Atukuzwe Yahwe katika Sayuni, yeye aishiye Yerusalemu. Msifuni Yahwe.
Waaqayyo inni Yerusaalem keessa jiraatu sun, Xiyoon irraa haa eebbifamu. Haalleluuyaa!