< Zaburi 118 >

1 Mshukuruni Yahwe, kwa kuwa ni mwema, kwa maana uaminifu wa agano lake wadumu milele.
Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii; jaalalli isaa bara baraan jiraata.
2 Israeli na aseme, “Uaminifu wa agano lake wadumu milele.”
Sabni Israaʼel, “Jaalalli isaa bara baraan jiraata” haa jedhu.
3 Nyumba ya Haruni na iseme, “Uaminifu wa agano lake wadumu milele.”
Manni Aroonis, “Jaalalli isaa bara baraan jiraata” haa jedhu.
4 Wafuasi waaminifu wa Yahwe na waseme, “Uaminifu wa agano lake wadumu milele.”
Warri Waaqayyoon sodaatan, “Jaalalli isaa bara baraan jiraata” haa jedhan.
5 Katika dhiki yangu nilimuita Yahwe; Yahwe alinijibu na kuniweka huru.
Dhiphina koo keessatti ani Waaqayyotti nan iyyadhe; innis deebii naa kenne; iddoo balʼaas na qubachiise.
6 Yahwe yuko pamoja nami; sitaogopa; mwanadamu atanifanya nini? Yahwe yuko upande wangu kama msaidizi;
Waaqayyo na wajjin jira; ani hin sodaadhu; namni maal na gochuu dandaʼa?
7 nitawatazama kwa ushindi wale walio nichukia.
Waaqayyo na wajjin jira; inni gargaaraa koo ti. Anis diinota koo nan moʼadha.
8 Ni bora kuwa na makazi katika Yahwe kuliko kumtumainia mwanadamu.
Nama amanachuu irra, Waaqayyotti kooluu galuu wayya.
9 Ni bora kukimbilia katika Yahwe kuliko kuamini katika wakuu.
Qondaaltota amanachuu irra, Waaqayyotti kooluu galuu wayya.
10 Mataifa yote walinizunguka; kwa jina la Yahwe niliwakatilia mbali.
Saboonni hundinuu na marsan; ani garuu maqaa Waaqayyootiin isaan nan barbadeesse.
11 Walinizunguka; naam, walinizunguka; kwa jina la Yahwe niliwakatilia mbali.
Isaan karaa hundaan na marsan; ani garuu maqaa Waaqayyootiin isaan nan barbadeesse.
12 Walinizunguka kama nyuki; walitoweka haraka kama moto kati ya miiba; kwa jina la Yahwe niliwakatilia mbali.
Akkuma tuuta kanniisaa na marsan; garuu akka qoraattii gubatuutti barbadaaʼan; anis maqaa Waaqayyootiin isaan nan barbadeesse.
13 Walinishambulia ili waniangushe, lakini Yahwe alinisaidia.
Ani dhiibamee kufuu gaʼeen ture; Waaqayyo garuu na gargaare.
14 Yahwe ni nguvu yangu na furaha yangu, na ndiye anaye niokoa.
Waaqayyo jabina kootii fi faarfannaa koo ti; inni fayyina koo taʼeera.
15 Kelele za ushindi zimesikika katika maskani ya wenye haki; mkono wa kuume wa Mungu umeshinda.
Sagaleen gammachuutii fi moʼannaa dunkaanota qajeeltotaa keessaa ni dhagaʼama; “Harki Waaqayyoo kan mirgaa waan jabaa hojjeteera!
16 Mkono wa kuume wa Mungu umetukuka; mkono wa kuume wa Yahwe umeshinda.
Harki Waaqayyo mirgaa ol qabameera; harki Waaqayyoo mirgaa waan jabaa hojjeteera!”
17 Sitakufa, bali nitaishi na kuyatangaza matendo ya Yahwe.
Ani nan jiraadha malee hin duʼu; waan Waaqayyo hojjetes nan labsa.
18 Yahwe ameniadhibu vikali; lakini hajaruhusu nife.
Waaqayyo jabeessee na adabeera; garuu dabarsee duʼatti na hin kennine.
19 Unifungulie milango ya haki; nitaingia na nitamshukuru Yahwe.
Karra qajeelummaa naa banaa; anis ol galee Waaqayyoof galata nan galcha.
20 Hili ni lango la Yahwe; wenye haki hupitia kwalo.
Kun karra Waaqayyoo, kan qajeeltonni ittiin ol galanii dha.
21 Nitakushukuru wewe, kwa kuwa ulinijibu, na umekuwa wokovu wangu.
Ati deebii naa kenniteertaatii, ani sin galateeffadha; ati fayyina naa taateerta.
22 Jiwe ambalo wajenzi walilikataa wajenzi limekuwa msingi.
Dhagaan ijaartonni tuffatan, dhagaa golee taʼeera;
23 Yahwe ndiye afanyaye hili; ni la ajabu machoni petu.
Waaqayyo waan kana hojjeteera; kunis ija keenyatti dinqii dha.
24 Hii ni siku ambayo Yahwe ametenda; tutaifurahia na kuishangilia.
Guyyaan kun guyyaa Waaqayyo uumee dha; kottaa ni ililchina; itti gammannas.
25 Tafadhali, Yahwe, utupe ushindi! Tafadhali, Yahwe, utupe mafanikio!
Yaa Waaqayyo, si kadhannaa nu oolchi; Yaa Waaqayyo, si kadhannaa nu milkoomsi.
26 Amebarikiwa yule ajaye katika jina la Yahwe; tunakubariki kutoka katika nyumba ya Yahwe.
Kan maqaa Waaqayyootiin dhufu eebbifamaa dha. Nu mana Waaqayyoo keessaa isin eebbifna.
27 Yahwe ni Mungu, na ametupa sisi nuru; ifungeni dhabihu kwa kamba pembeni mwa madhabahu.
Waaqayyo Waaqa; ifa isaas nuu irratti ibseera. Dameewwan harkatti qabadhaatii warra ayyaaneffachuu dhaqanitti makamaa; gara gaanfawwan iddoo aarsaas dhaqaa.
28 Wewe ni Mungu wangu, nami nitakushukuru; wewe ni Mungu wangu; nitakutukuza wewe.
Ati Waaqa koo ti; ani sin galateeffadha; ati Waaqa koo ti; anis sin leellisa.
29 Oh, mshukuruni Yahwe; kwa kuwa ni mwema; kwa maana uaminifu wa agano lake wadumu milele.
Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii; jaalalli isaa bara baraan jiraata.

< Zaburi 118 >