< Mithali 7 >

1 Mwanangu, yatunze maneno yangu na ndani yako udhihifadhi amri zangu.
Yaa ilma ko, dubbii koo eegiitii ajaja koos of keessatti kuufadhu.
2 Uzilinde amri zangu ili uishi na uyatunzetu mafundisho yangu kama mboni ya jicho.
Ajaja koo eegi, ati ni jiraataatii; barsiisa koos akkuma qaroo ija keetiitti eegi.
3 Uyafunge katika vidole vyako; uyaandike katika kibao cha moyo wako.
Quba keetti isaan hidhadhu; gabatee garaa keetii irrattis barreeffadhu.
4 Mwambie hekima, “wewe ni dada yangu,” na ufahamu mwite jamaa yako,
Ogummaan, “Ati obboleettii koo ti” jedhi; hubannaa immoo, fira koo jedhii waami;
5 ili ujitunze mwenyewe dhidi ya mwanake haramu, dhidi ya mwanamke mgeni mwenye maneno laini.
isaan sagaagaltuu irraa, niitii kashlabbee dubbii isheetiin nama harkiftu irraa si eegu.
6 Nilikuwa naangalia kwenye wavu wa dirisha la nyumba yangu.
Ani foddaa mana koo biraa keessaan, karaa qaawwaatiin ala ilaale.
7 Nikawatazama watu mwenye ukosefu wa uzoefu, na miongoni mwa watu vijana nikamwona kijana asiye na akili.
Ani warra homaa hin dandeenye keessatti, dargaggoota keessatti hubadhee dargaggeessa qalbii hin qabne tokko arge.
8 Kijana huyo alishuka mtaani kwenye kona karibu na yule mwanamke, akaenda kwenye nyumba yake.
Innis karaa mana ishee dhaqu qabatee daandii golee mana ishee bira jiruutiin gad buʼaa ture.
9 Ilikuwa katika utusiutusi wa siku muda wa jioni, wakati wa usiku na giza.
Kunis yeroo aduun dhiitee lafti dimimmisaaʼaa turetti, yeroo halkan dukkanaaʼuu jalqabetti ture.
10 Akakutana na yule mwanake, amevaa kama kahaba, katika moyo wa udanyanyifu.
Dubartiin tokko akka sagaagaltuutti uffattee yaada haxxummaatiin isa simachuuf gad baate.
11 Alikuwa na kelele na upotovu; miguu yake haikutulia kwenye masikani.
Isheen iyyituu fi kashlabbee dha; miilli ishee mana hin dhaabatu;
12 Alielekea mitaani, kisha sehemu ya sokoni, na katika kila upande alisubiri kwa kuviza.
takka daandii irratti, takka oobdii irratti, golee hundatti riphxee nama eeggatti.
13 Basi akamshika na kumbusu, kwa uso wa nguvu akamwambia,
Isheen qabdee isa dhungatti; fuula qaanii hin qabneen akkana jettiin:
14 leo nimetoa sadaka yangu ya amani, nimelipa nadhili yangu,
“Ani aarsaa nagaa dhiʼeessuun qaba; harʼa wareega koo guuttadheera.
15 hivyo nilikuja kukutana nawe, kuutafuta uso wako kwa hamu, na sasa nimekupata.
Kanaafuu ani si simachuufin gad baʼe; ani barbaadee si argadheera!
16 Nimeweka matandiko juu ya kitanda changu, kitani za rangi kutoka Misri.
Ani wayyaa bareedduu quncee talbaa irraa hojjetame kan Gibxii dhufeen, siree koo afee miidhagseera.
17 Kitanda changu nimenyunyizia manemane, udi na mdalasini.
Ani qumbiin, argeessaa fi qarafaan siree koo urgeesseera.
18 Njoo, tunywe tujishibishe kwa upendo wetu hata asubuhi; tupate furaha kuu kwa matendo ya mahaba.
Kottu mee hamma bariitti gad fageenya jaalalaa walii wajjin dhugnaa; kottu jaalalaan of gammachiifnaa!
19 Maana mume wangu hayupo nyumbani kwake; amekwenda safari ya mbali.
Dhirsi koo mana hin jiru; inni karaa dheeraa deemeera.
20 Alichukua mkoba wa fedha; atarudi siku ya mwezi mpevu.
Inni boorsaa isaa maallaqaan guuttatee deeme; hamma jiʼi goobanutti manatti hin deebiʼu.”
21 katika maneno yake mengi akamshinda; na kwa midomo yake laini anampotosha.
Isheen dubbii miʼooftuudhaan karaa irraa isa jalʼifte; haasaa nama sossobuunis isa dirqisiifte.
22 Ghafula alimfuata kama maksai anayekwenda kwa mchinjaji, kama ayala aliyekamatwa kwa nguvu,
Innis akkuma sangaa qalamuuf deemuutti, akkuma gadamsa kiyyoo keessa seenuuttis yommusuma kaʼee ishee duukaa buʼe;
23 mpaka mshale upasue ini lake. Alikuwa kama ndege anayekimbili kwenye mtego. Hakujua kuwa itamgharimu maisha yake.
akkuma simbira kiyyootti ariifattuutti, inni hamma xiyyi tiruu isaa waraanutti akka wanni kun lubbuu isaa galaafatu hin beeku.
24 Na sasa, wanangu, nisikilizeni; zingatieni maneno ya kinywa changu.
Egaa yaa ilmaan ko, na dhaggeeffadhaa; waan ani jedhus qalbeeffadhaa.
25 Moyo wako usiyageukie mapito yake; usipotoshwe katika mapito yake.
Akka garaan kee karaa isheetti garagalu hin godhin; karaa kee irraas baddee daandii ishee irra hin buʼin.
26 Amesababisha watu wengi kuanguka kwa kuwajeruhi; ameua watu wengi.
Namoonni hedduun warra isheen lafaan dhooftee dha; namoonni jajjaboon baayʼeenis harka isheetti dhumaniiru.
27 Nyumba yake ipo juu ya barabara ya kwenda kuzimu; huelekea chini kwenye vyumba vya mauti. (Sheol h7585)
Manni ishee karaa qileetti nama geessu, kan gola duʼaatti gad nama buusuu dha. (Sheol h7585)

< Mithali 7 >