< Mithali 30 >

1 Maneno ya Aguri mwana wa Yake - mausia: Mtu huyu alimwambia Ithieli, kwa Ithiel na Ukali:
Jecha Aguur ilma Yaaqee. Dubbiin nama kanaa akkana jedhee Iitiiʼeeliitti dubbatame: “Innis Iitiiʼeeliittii fi Ukaalitti dubbate:
2 Hakika nipo kama mnyama kuliko mwanadamu na sina ufahamu wa wanadamu.
Ani dhugumaan doofaa nama hundaa gadii ti; ani hubannaa namni qabu hin qabu.
3 Sijajifunza hekima, wala sina maarifa ya Mtakatifu.
Ani ogummaa hin baranne yookaan beekumsa Isa Qulqulluu sanaa hin qabu.
4 Je ni nani amekwenda juu mbinguni na kurudi chini? Je ni nani aliyekusanya upepo kwenye mikono yake? Je ni nani aliyekusanya maji kwenye kanzu? Je ni nani aliyeziimarisha ncha za dunia yote? Jina lake ni nani, na jina la mtoto wake ni nani? Hakika unajua!
Eenyutu samiitti ol baʼee deebiʼee dhufe? Kan harki isaa bubbee walitti qabe eenyu? Namni bishaan uffataan mare eenyu? Kan daarii lafaa hunda jabeessee dhaabe eenyu? Maqaan isaatii fi maqaan ilma isaa eenyu? Mee yoo beekte natti himi!
5 Kila neno la Mungu limejaribiwa, yeye ni ngao kwa wale wanaokimbilia kwake.
“Dubbiin Waaqaa hundinuu hirʼina hin qabu; warra isatti kooluu galaniif, inni gaachana.
6 Usiyaongezee maneno haya, au atakukemea, na utathibitishwa kuwa mwongo.
Dubbii isaatti homaa hin dabalin; yoo kanaa achii inni si ifata; atis sobduu taatee argamta.
7 Vitu viwili ninakuomba, usivikatalie kwangu kabla sijafa:
“Yaa Waaqayyo ani wantoota lama sin kadhadha; isaanis utuu hamman jirutti ana hin dhowwatin.
8 Majivuno na uongo viweke mbali nami. Usinipe umasikini wala utajiri, nipe tu chakula ninachohitaji.
Gowwoomsaa fi soba narraa fageessi; hiyyummaa yookaan sooruma naaf hin kennin; garuu buddeena koo guyyaa guyyaan naaf kenni.
9 Maana nikipata vingi zaidi, nitakukana wewe na kusema, “Yehova ni nani?” Au kama nitakuwa masikini, nitaiba na kukufuru jina la Mungu wangu.
Yoo kanaa achii ani akka malee quufee si ganee ‘Waaqayyo eenyuu dha?’ nan jedha; yookaan hiyyoomee hatee, akkasiin maqaa Waaqa koo nan salphisa.
10 Usimkashifu mtumwa mbele ya bwana wake, au atakulaani na utapata hatia.
“Garbicha tokko gooftaa isaa biratti hin hamatin, yoo kanaa achii inni si abaaraa; atis waan kanatti ni gaafatamta.
11 Kizazi ambacho kinachomlaa baba yao na hakimbariki mama yao,
“Dhaloota abbaa isaa abaaru kan haadha isaa illee hin eebbifnetu jira;
12 kizazi hicho ni safi katika macho yao wenyewe, lakini hawajaoshwa uchafu wao.
dhaloota qulqulluu of seʼu, kan xurii isaa irraa hin qulqulleeffamintu jiru;
13 Hicho ni kizazi- jinsi gani macho yao yanakiburi na kope zao zimeinuka juu! -
dhaloota iji isaa akka malee of tuulu, kan baalleen ija isaas nama tuffatutu jira;
14 kuna kizazi ambacho meno yao ni upanga, na mifupa ya taya zao ni visu, ili waweze kumrarua masikini wamtoe duniani na mhitaji atoke miongoni mwa wanadamu.
dhaloota hiyyeeyyii lafa irraa fixuuf rakkattoota illee gidduu namaatii balleessuuf ilkaan isaa goraadee, haʼoon isaa immoo billaa taʼe jira.
15 Ruba anamabinti wawili, “Toa na Toa” wanalia. Kuna vitu vitatu ambavyo havitosheki, vinne ambavyo havisememi, “Inatosha”:
“Dhulaandhulli intallan, ‘Kenni! Kenni!’ jedhanii iyyan lama qabdi. “Wantoota gonkumaa hin quufne sadiitu jira; kanneen gonkumaa, ‘Nu gaʼe!’ hin jenne immoo afurtu jira:
16 Kuzimu, tumbo tasa, nchi yenye kiu kwa maji, na moto usiosema, “Inatosha.” (Sheol h7585)
isaanis Siiʼool, gadameessa maseene, lafa gonkumaa bishaan hin quufnee fi ibidda gonkumaa, ‘Na gaʼe!’ hin jennee dha. (Sheol h7585)
17 Jicho ambalo linamdhihaki baba na kudharau utii kwa mama, macho yake yatadonolewa na kunguru wa bondeni, na ataliwa na tai.
“Ija abbaatti qoosu, kan ajaja haadhaa tuffatu arraagessa sululaatiin baafama; joobiraanis ni nyaatama.
18 Kuna vitu vitatu ambavyo vinanishangaza, vinne ambavyo sivifahamu:
“Wantoonni akka malee na dinqisiisan sadiitu jira; afur immoo ani hin hubadhu; kunis:
19 njia ya tai angani; njia ya nyoka juu ya mwamba; njia ya meli kwenye moyo wa bahari; na njia ya mtu pamoja mwanake kijana.
Karaan risaa samii irra, karaan bofaa kattaa irra, karaan doonii galaana guddaa irra, karaan dhiiraa immoo dubartii wajjin taʼuu isaa ti.
20 Hii ni njia ya mzinzi- anakula na kufuta kinywa chake na kusema, “sijafanya ubaya wowote.”
“Karaan ejjituu kana: Isheen waa nyaattee afaan haqatti; ergasii immoo, ‘Ani homaa hin balleessine’ jetti.
21 Chini ya vitu vitatu dunia hutetemeka na vinne haiwezi kuvivumilia:
“Lafti waan sadii jalatti hollatti; afur immoo baachuu hin dandeessu; kunis:
22 mtumwa anapokuwa mfalme; mpumbavu anaposhiba vyakula;
Garbicha mootii taʼu, gowwaa nyaatee quufu,
23 mwanamke anayechukiwa anapoolewa; kijakazi anapochukua nafasi ya mkuu wake.
dubartiin jibbamte yeroo dhirsa argattu, garbittii giiftii ishee dhaaltu.
24 Vitu vinne duniani ni vidogo na bado vinabusara:
“Wantoonni xixinnoon afur lafa irra jiru; taʼu illee isaan akka malee ogeeyyii dha; isaanis:
25 mchwa ni viumbe ambao sio imara, lakini huandaa chakula chao wakati wa hari,
Goondaawwan tuuta jabina hin qabnee dha; taʼus isaan yeroo bonaa nyaata isaanii walitti qaban;
26 Wibari siyo viumbe wenye nguvu, lakini hutengeneza makazi yake kwenye miamba.
osoleewwan uumamawwan humna hin qabnee dha; garuu kattaa keessa jiraatu;
27 Nzige hawana mfalme, lakini wote wanamwendo wa mpangilio.
hawwaannisni mootii hin qabu; garuu tarree galee yaaʼa;
28 Kama mjusi, unaweza kumkunja kwa mikono yako miwili, lakini wanapatikana katika majumba ya wafalme.
loccuun harkaan qabamuu dandeessi; garuu masaraa mootii keessatti argamti.
29 Kuna vitu vitatu ambavyo ni fahari katika mwendo na vinne ambavyo ni fahari katika namna ya kutembea:
“Wantoota deemsa tolan sadiitu jira; kanneen tarkaanfii bareedanis afurtu jira; isaanis:
30 simba, aliyeimara miongoni mwa wanyama- wala hajiepushi na kitu chochote;
Leenca bineensa hunda keessaa jabaa, kan waan tokko illee sodaatee duubatti hin deebine;
31 jogoo anayetembea kwa mikogo; mbuzi; na mfalme ambaye askari wapo kando yake.
korma indaanqoo kan kooraa deemu, korbeessa reʼeetii fi, mootii loltoota isaa dura deemu.
32 Kama umekuwa mpumbavu, jitukuze mwenyewe, au kama umekuwa ukisimamia vibaya- weka mkono wako juu ya kinywa chako.
“Ati yoo of jajuudhaan gowwoomte, yookaan yoo hammina malatte, harka kee afaan kee irra kaaʼadhu!
33 Kama kusuka maziwa hufanya siagi na pua ya mtu hutoa damu kama imepigwa, basi matendo yanayofanywa kwa hasira huzalisha mafarakano.
Akkuma aannan raasuun dhadhaa baasu, funyaan micciiruunis dhiiga baasu sana, aarii kakaasuun lola fida.”

< Mithali 30 >