< Mithali 2 >

1 Mwanangu, kama ukiyapokea maneno yangu na kuzitunza amri zangu,
Yaa ilma ko, yoo ati dubbii koo fudhattee ajaja koos of keessatti kuufatte,
2 usikilize hekima na utaelekeza moyo wako katika ufahamu.
yoo ati gurra kee ogummaatti garagalfattee yaada kee hubannaatti deebifatte,
3 kama utalilia ufahamu na kupaza sauti yako kwa ajili ya ufahamu,
yoo ati jabaattee qalbeeffannaa barbaaddee hubannaa argachuuf jettee iyyitee kadhatte,
4 kama utautafuta kama fedha na kupekua ufahamu kama unatafuta hazina iliyojificha,
yoo ati akkuma meetiitti isa barbaaddattee akkuma qabeenya dhokfameetti isa barbaadde,
5 ndipo utakapofahamu hofu ya Yehova na utapata maarifa ya Mungu.
ati Waaqayyoon sodaachuu ni hubatta; Waaqa beekuus ni argatta.
6 Kwa kuwa Yohova hutoa hekima, katika kinywa chake hutoka maarifa na ufahamu.
Waaqayyo ogummaa namaa kennaatii; afaan isaa keessaa illee beekumsaa fi hubannaatu baʼa.
7 Yeye huhifadhi sauti ya hekima kwa wale wampendezao, yeye ni ngao kwa wale waendao katika uadilifu,
Inni qajeeltotaaf ogummaa dhugaa kuusa; warra adeemsi isaanii mudaa hin qabneef gaachana;
8 huongoza katika njia za haki na atalinda njia ya waaminifu kwake.
inni daandii tolootaa ni eega; karaa qulqulloota isaa illee ni tiksa.
9 Ndipo utakapoelewa wema, haki, usawa na kila njia njema.
Ergasii ati qajeelummaa fi murtii qajeelaa, nama wal qixxeessuu, karaa qajeelaa hundas ni hubatta.
10 Maana hekima itaingia moyoni mwako na maarifa yataipendeza nafsi yako.
Ogummaan garaa kee seena; beekumsis lubbuu kee gammachiisa.
11 Busara itakulinda, ufahamu utakuongoza.
Qalbeeffannaan si eega; hubannaanis si tiksa.
12 Vitakuokoa kutoka katika njia ya uovu, kutoka kwa wale waongeao mambo potovu.
Ogummaan karaa hamootaa irraa, namoota daba dubbatan jalaas si baraara;
13 Ambao huziacha njia za wema na kutembea katika njia za giza.
warra karaa dukkanaa irra deemuudhaaf jedhanii daandii qajeelaa dhiisan,
14 Hufurahia wanapotenda maovu na hupendezwa katika upotovu.
warra waan hamaa hojjechuutti gammadan, warra jalʼina hojjechuun itti tolu,
15 Hufuata njia za udanganyifu na kwa kutumia ghilba huficha mapito yao.
warra daandiin isaanii jalʼate, warra karaan isaanii dabe jalaa si baraara.
16 Busara na hekima zitakuokoa kutoka kwa mwanamke malaya, kutoka kwa mwanamke anayetafuta visa na mwenye maneno ya kubembeleza.
Ogummaatu dubartii ganda labee, niitii dubbiidhaan sossobdee ofitti nama harkiftu jalaa si baraara;
17 Yeye humwacha mwenzi wa ujana wake na kusahau agano la Mungu wake.
niitii dhirsa ishee kan jalqabaa dhiiftee kakuu fuula Waaqaa duratti galte sana dagatte jalaa si baraara.
18 Maana nyumba yake huinama na kufa na mapito yake yatakupeleka kwa wale walioko kaburini.
Manni ishee gara duʼaatti, karaan ishee immoo gara hafuurota warra duʼaniitti nama geessaatii.
19 Wote waiendeao njia yake hawatarudi tena na wala hawataziona njia za uzima.
Namni gara ishee dhaqu tokko iyyuu hin deebiʼu yookaan karaa jireenyaa hin argatu.
20 kwa hiyo utatembea katika njia ya watu wema na kufuata njia za wale watendao mema.
Kanaafuu ati karaa namoota gaggaarii irra ni deemta; daandii qajeeltotaa irraas hin jalʼattu.
21 Kwa wale watendao mema watafanya makazi yao katika nchi, na wale wenye uadilifu watadumu katika nchi.
Toloonni biyyattii keessa ni jiraatuutii; warri mudaa hin qabnes achi keessa jiraatu;
22 Lakini waovu wataondolewa katika nchi na wale wasioamini wataondolewa katika nchi.
hamoonni garuu biyyattii keessaa ni balleeffamu; warri hin amanamnes ishee keessaa buqqifamu.

< Mithali 2 >