< Nehemia 4 >
1 Sanbalati alipoposikia tulikuwa tukijenga ukuta, akaghadhabika ndani yake, naye akakasirika sana, akawacheka Wayahudi.
Sanbalaaxi akka nu dallaa kana deebifnee ijaaraa jirru dhageenyaan aariin gubatee dheekkame. Innis Yihuudootatti qoosee
2 Mbele ya ndugu zake na jeshi la Samaria, akasema, “Wayahudi dhaifu hawa wanafanya nini? Je, watajifanyia mji wenyewe? Je, watatoa dhabihu? Je, wataimaliza kazi siku moja? Je! Watawaletea mawe kutoka kwenye kifusi baada ya kuchomwa moto?
fuula obboloota isaa fi fuula loltoota Samaariyaa duratti akkana jedhe; “Yihuudoonni dadhaboonni kunneen maal hojjechaa jiru? Isaan dallaa isaanii deebisanii ijaaruu? Aarsaa illee ni dhiʼeessuu? Guyyaa tokko keessatti ni fixuu? Isaan waan akkas gubamee tuulame keessaa dhagaa fuudhanii akka duriitti deebisuu dandaʼuu?”
3 Tobia Mwamoni alikuwa pamoja naye, naye akasema, 'Ikiwa tu mbweha angepanda juu ya hichi wanachokijenga, angeubomoa ukuta huo wa mawe.”
Xoobbiyaan namichi Amoon kan isa bira dhaabate sunis, “Waan isaan ijaaraa jiran kana, dallaa isaanii kan dhagaa kana waangoon iyyuu yoo yaabde ni jigsiti!” jedhe.
4 Tusikilize, Mungu wetu, kwa maana sisi tunatukanwa. Rudisha malalamiko yao juu ya vichwa vyao wenyewe na kuwapa wapate kutekwa katika nchi ambapo wao ni wafungwa.
Yaa Waaqa keenya nu dhagaʼi; nu tuffatamneerraatii. Arraba isaan nu arrabsan matuma isaaniitti deebisi. Boojuudhaaf dabarsii biyya ormaatti isaan kenni.
5 Usiufunike uovu wao, wala usiondoe dhambi zao mbele yako; kwa sababu wamewachukiza wanaojenga.
Sababii isaan fuula ijaartotaa duratti dheekkamsaaf si kakaasaniif yakka isaanii hin dhoksiniif yookaan cubbuu isaanii fuula kee duraa hin haqiniif.
6 Kwa hiyo tulijenga ukuta na ukuta wote uliunganishwa kwa nusu ya urefu wake, kwa kuwa watu walikuwa na hamu ya kufanya kazi
Nu akkasiin dallaa sana hamma inni walakkaa dheerina isaa gaʼutti deebifnee ijaarre; namoonni garaa tokkoon hojjechaa turaniitii.
7 Lakini Sanbalati, Tobia, Waarabu, Waamoni, na Waashdodi waliposikia kwamba kazi ya ukarabati wa kuta za Yerusalemu ilikuwa ikiendelea, na kwamba sehemu zilizovunjika katika ukuta zilikuwa zimefungwa, ghadhabu kubwa ikawaka ndani yao.
Garuu Sanbalaaxi, Xoobbiyaan, Araboonni, Amoononnii fi namoonni Ashdood yommuu akka haaromfamuun dallaa Yerusaalem ittuma fufaa jiruu fi akka qaawwi isaa duuchamaa jiru dhagaʼanitti akka malee aaran.
8 Wote walifanya shauri pamoja, na walikuja kupigana dhidi ya Yerusalemu na kusababisha machafuko ndani yake.
Isaan hundinuu dhufanii Yerusaalemin loluu fi rakkina itti fiduudhaaf tokkummaadhaan malatan.
9 Lakini tuliomba kwa Mungu wetu na kuweka walinzi kama ulinzi dhidi yao mchana na usiku kwa sababu ya tishio lao.
Nu garuu Waaqa keenya kadhannee doorsisa kana of irraa ittisuuf jennee waardiyyaa halkanii fi guyyaa eegu tokko kaaʼanne.
10 Kisha watu wa Yuda wakasema, “Nguvu ya wale wanaobeba mizigo inashindwa. Kuna kifusi kikubwa, na hatuwezi kujenga ukuta.”
Sabni Yihuudaas, “Humni hojjettootaa laafeera; sababii diigamni isaa akka malee guddaa taʼeef nu dallaa kana deebifnee ijaaruu hin dandeenyu” jedhe.
11 Na adui zetu wakasema,” Wala hawatajua au kuona mpaka tutakapokuja kati yao na kuwaua, na kuisimamisha kazi.”
Diinonni keenyas, “Utuu isaan hin beekin yookaan nu hin argin isaan gidduu seennee isaan fixnee hojii sana dhaabbachiifna” jedhan.
12 Wakati huo Wayahudi waliokuwa wakiishi karibu nao walitoka pande zote na kuzungumza nasi mara kumi, wakituonya juu ya mipango waliyofanya dhidi yetu.
Yihuudoonni isaanitti dhiʼoo jiraatan dhufanii, “Yoo isin eessa illee dhaqxan isaan inuma nu lolu” jedhanii yeroo kudhan nutti himan.
13 Kwa hiyo nikaweka watu katika sehemu za chini za ukuta katika sehemu zilizo wazi. Niliweka kila familia wenye upanga, mikuki, na upinde.
Kanaafuu ani namoota sana keessaa tokko tokko dachaa dallaa duubaan jiru keessa, iddoo ol kaʼaa irratti ramadee akka isaan goraadee, eeboo fi iddaa qabatanii dhaabatan nan godhe.
14 Nikatazama, nikasimama, nikawaambia wakuu, na watawala, na watu wengine, “Msiogope. mkumbukeni Bwana, ambaye ni mkuu na wa kushangaza. Wapiganie ndugu zenu, wana zenu, binti zenu, wake zenu na nyumba zenu.
Anis ergan asii fi achi ilaalee booddee ol kaʼee namoota bebeekamoodhaan, qondaaltotaa fi uummata kaaniin akkana nan jedhe; “Isin jara hin sodaatinaa. Gooftaa guddichaa fi sodaachisaa sana yaadadhaatii obboloota keessaniif, ilmaan keessaniif, intallan keessaniif, niitota keessanii fi manneen keessaniif lolaa.”
15 Ilipokuwa wakati adui zetu waliposikia kwamba mipango yao ilikuwa inayojulikana kwetu, na Mungu alikuwa amebatilisha mipango yao, sote tulirudi ukutani, kila mmoja kwa kazi yake.
Yeroo diinonni keenya akka nu mala isaaniitti dammaqne, akka Waaqnis mala isaanii sana jalaa diige dhagaʼanitti nu hundi gara dallaatti, tokkoon tokkoon keenyas hojii keenyatti deebine.
16 Kwa hiyo tangu wakati huo nusu ya watumishi wangu walifanya kazi tu juu ya kujenga ukuta, na nusu yao wakaishika mikuki, ngao, pinde, na kuvaa silaha, wakati viongozi walisimama nyuma ya watu wote wa Yuda.
Gaafasii jalqabee namoota koo keessaa walakkaan isaanii hojii hojjetanii walakkaan kaan immoo eeboo, gaachana, iddaa fi miʼa lolaa hidhatan. Ajajjoonnis saba Yihuudaa hunda duubaan dhaabachaa turan;
17 Na hivyo wafanyakazi haohao ambao walikuwa wakijenga ukuta na kubeba mizigo walikuwa pia wakilinda nafasi zao. Kila mtu alifanya kazi kwa mkono mmoja, na kwa mkono mwingine alikuwa na silaha yake.
warri dallaa ijaaranii fi baʼaa baatanis harka tokkoon ni hojjetu, harka tokkoon immoo miʼa lolaa qabatu turan;
18 Kila mjenzi alivaa upanga wake ubavuni mwake na ndivyo alivyojenga. Yule aliyepiga tarumbeta akakaa karibu nami.
tokkoon tokkoon ijaartota sanaa goraadee ofii isaanii mudhiitti hidhatanii hojii hojjetan. Namichi malakata afuufu garuu na wajjin ture.
19 Niliwaambia wakuu na viongozi na watu wengine, “Kazi ni nzuri na ya kina, na tumejitenga kwenye ukuta, mbali na mtu mwingine.
Anis namoota bebeekamoodhaan, qondaaltotaa fi uummata kaaniin akkana nan jedhe; “Hojiin kun guddaa fi balʼaa dha; tokkoon tokkoon keenyas gargar fagaannee dallaa irra jirra.
20 Lazima mkimbilie mahali ambapo mtasikia sauti ya tarumbeta na kusanyika huko. Mungu wetu atatupigania.”
Iddoo itti sagalee malakataa dhageessan kamitti iyyuu nutti makamaa. Waaqni keenya nuuf lolaa!”
21 Kwa hiyo tulifanya kazi hiyo. Nusu yao walikuwa wakichukua mikuki kutoka kupambazuka asubuhi hadi kutokea kwa nyota.
Kanaafuu nu barii barraaqaa jalqabnee hamma urjiiwwan baʼanitti akkuma namoota keenya keessaa gariin eeboo qabatanii jiranitti hojii itti fufne.
22 Nikawaambia watu wakati huo, “Kila mtu na mtumishi wake waende usiku katikati ya Yerusalemu, ili wawe walinzi wakati wa usiku na mfanyakazi wakati huo.”
Anis yeroo sanatti namootaan akkanan jedhe; “Akka isaan halkan akka eegdotaatti, guyyaa immoo akka hojjettootaatti nu tajaajiluu dandaʼaniif nama kam iyyuu gargaaraa isaa wajjin halkan Yerusaalem keessa tursaa.”
23 Basi si mimi, wala ndugu zangu, wala watumishi wangu, wala watu wa walinzi waliokuwa wananifuata, hakuna hata mmoja wetu aliyebadili nguo zake, na kila mmoja wetu alichukua silaha yake, hata kama angeenda kwa ajili ya kuteka maji.
Anis, obboloonni koos, namoonni koos, eegdonni na wajjin turanis uffata keenya hin baafanne; tokkoon tokkoon namaa yeroo bishaan barbaacha deemu illee miʼa isaa kan waraanaa harkatti qabata ture.