< Nehemia 13 >
1 Siku hiyo walisoma Kitabu cha Musa katika masikio ya watu. Ilionekana imeandikwa ndani yake kwamba hakuna Mwamoni au Mmoabu anapaswa kuja katika kusanyiko la Mungu, milele.
Guyyaa sana Kitaabni Musee fuuluma sabaa duratti dubbifame; achi keessattis akka namni Amoon yookaan namni Moʼaab tokko yoom iyyuu waldaa Waaqaatti dabalamuu hin qabne barreeffamee argame;
2 Hii ilikuwa kwa sababu hawakuja kwa watu wa Israeli na mkate na maji, bali walikuwa wamemwajiri Balaamu kulaani Israeli. Hata hivyo, Mungu wetu aligeuza laana kuwa baraka.
isaan akka inni saba Israaʼel abaaruuf Balaʼaamin qaxaratan malee midhaanii fi bishaaniin Israaʼeloota hin simanne. Taʼus Waaqni keenya abaarsa sana eebbatti geeddare.
3 Mara tu waliposikia sheria, waliwatenga Israeli toka kwa kila mgeni.
Sabnis seera kana dhageenyaan nama sanyii ormaa hunda Israaʼel keessaa kophaatti baase.
4 Sasa kabla ya hapo Eliashibu kuhani akawekwa juu ya vyumba vya nyumba ya Mungu wetu. Alikuwa na uhusiano na Tobia.
Kanaan dura Eliyaashiib lubichi itti gaafatamaa mankuusaalee mana Waaqaa ture. Innis Xoobbiyaa wajjin walitti dhufeenya cimaa qaba ture;
5 Eliashibu alimuandalia Tobia chumba kikubwa, ambako hapo awali waliweka sadaka ya nafaka, uvumba, makala, na sehemu ya kumi ya nafaka, divai, na mafuta, ambazo ziliwekwa kwa ajili ya Walawi, waimbaji, walinzi wa mlango, na michango kwa makuhani.
innis kutaa manaa balʼaa isaan duraan kennaa midhaanii, ixaana miʼa mana qulqullummaa, akkasumas kennaa midhaanii, kan daadhii wayinii haaraa fi zayitii Lewwotaaf, faarfattootaa fi eegdota karraatiif ajajame harka kudhan keessaa tokkoo fi buusii lubootaaf kennamu itti kuusan tokko Xoobbiyaadhaaf kennee ture.
6 Lakini wakati huu wote sikuwepo Yerusalemu. Kwa mwaka wa thelathini na mbili wa Artashasta mfalme wa Babeli, nilikwenda kwa mfalme. Baada ya muda nikamwomba mfalme ruhusa ya kuondoka,
Ani garuu sababii bara Arxeksis mooticha Baabilon keessa waggaa soddomii lammaffaatti gara mootichaa dhaqee tureef yeroo wanni kun hundi taʼetti Yerusaalem keessa hin turre. Anis yeroo gabaabaa booddee isa irraa eeyyama fudhadhee
7 na nikarudi Yerusalemu. Nikafahamu mabaya ambayo Eliashibu alikuwa amefanya kwa kumpa Tobia chumba cha kuhifadhi katika mahakama ya nyumba ya Mungu.
Yerusaalemitti nan deebiʼe. Akka Eliyaashiib oobdii mana Waaqaa keessatti Xoobbiyaadhaaf kutaa tokko kennuun waan hamaa hojjete nan beeke.
8 Nilikuwa na hasira sana na nikatupa vitabu vya nyumba ya Tobia nje ya chumba cha kuhifadhi.
Anis akka malee aareen miʼa manaa kan Xoobbiyaa hunda kutaa sana keessaa gad nan dadarbadhe.
9 Niliamuru kwamba watakase vituo vya kuhifadhi, nami nikarudisha ndani yao makala ya nyumba ya Mungu, sadaka ya nafaka, na uvumba.
Ani ergasii akka kutaawwan sun qulqulleeffaman nan ajaje; isaanis ni qulqulleessan; ani immoo miʼa mana Waaqaa, kennaa midhaaniitii fi ixaana wajjin deebisee itti galche.
10 Niligundua kwamba sehemu zilizotolewa kwa ajili ya kuwapa Walawi hazikutolewa kwao, ili waweze kuondoka haraka hekaluni, kila mmoja kwenda shambani kwake, kama waimbaji waliofanya walivyoondoka.
Ani akka qoodni Lewwotaaf ramadame sun isaaniif hin kennaminis nan hubadhe; akkasumas akka Lewwonnii fi faarfattoonni tajaajila sanatti itti gaafatamtoota turan hundi gara lafa qotiisaa ofii isaaniitti deebiʼan nan beeke.
11 Kwa hiyo nikawasiliana na maafisa na kusema, 'Kwa nini nyumba ya Mungu imeachwa?' Niliwakusanya pamoja na kuwaweka kwenye nafasi zao.
Kanaafuu ani qondaaltota ifadheen, “Manni Waaqaa maaliif dagatama?” jedheen isaan gaafadhe. Ergasiis ani walitti isaan qabee iddoo isaaniitti isaan nan deebise.
12 Kisha Yuda wote wakaleta zaka ya nafaka, divai mpya, na mafuta kwenye vituo vya kuhifadhi.
Yihuudaan hundi midhaan, daadhii wayinii haaraa fi zayitii harka kudhan keessaa tokko fidanii mankuusaaleetti galchan.
13 Nikawaweka kama watunza hazina juu ya hazina, Shelemia kuhani, na Sadoki mwandishi, na Walawi, Pedaya. Hanani, mwana wa Zakuri, mwana wa Matania, alikuwa na wafuasi wao, kwa sababu walihesabiwa kuwa waaminifu. Kazi yao ilikuwa kusambaza vifaa kwa washirika wao.
Anis Shelemiyaa lubicha, Zaadoq barreessichaa fi Lewwicha Phedaayaa jedhamu tokko itti gaafatamtoota mankuusaalee godheen muude; akkasumas sababii isaan amanamoo taʼaniif Haanaan ilma Zakuur, ilma Mataaniyaa sana gargaaraa isaanii nan godhe. Hojiin isaaniis obboloota isaaniitiif nyaata hiruu ture.
14 Nikumbuke, Ee Mungu wangu, juu ya hili, wala usiondoe matendo mema niliyoyatenda kwa ajili ya nyumba ya Mungu wangu na huduma zake.
Yaa Waaqa ko, waan kanaaf jedhii na yaadadhu; hojii gaarii ani mana Waaqa kootii fi tajaajila isaatiif hojjedhes na duraa hin balleessin.
15 Siku hizo nikaona watu wa Yuda waliokanyaga mvinyo siku ya Sabato, na kuleta makundi ya nafaka, na kuwapakia punda, na divai, na zabibu, na tini, na kila aina ya mizigo nzito, waliyoleta Yerusalemu siku ya Sabato. Nikashuhudia kuwa walikuwa wakiuza chakula siku hiyo.
Ani bara sana Yihuudaa keessatti namoota guyyaa Sanbataatiin iddoo wayiniin itti cuunfamutti wayinii dhidhiitanii midhaan fidanii, daadhii wayinii, ija wayinii, ija harbuutii fi feʼiisa gosa biraa hunda wajjin harrootatti feʼan nan arge. Isaanis waan kana hunda guyyaa Sanbataatiin Yerusaalemitti fidan. Kanaafuu ani akka isaan guyyaa sana nyaata hin gurgurre isaan nan seere.
16 Watu kutoka Tiro waliokaa Yerusalemu walileta samaki na kila aina ya bidhaa, na wakawauza siku ya Sabato kwa watu wa Yuda na katika mji!
Namoonni Xiiroos warri Yerusaalem keessa jiraatan qurxummii fi miʼa daldalaa kanneen gosa hundaa itti fidanii guyyaa Sanbataatiin Yerusaalem keessatti warra Yihuudaatti gurguraa turan.
17 Kisha nikawaambia viongozi wa Yuda, “Je! ni ubaya gani huu mnafanya, kuinajisi siku ya Sabato?
Ani immoo akkana jedheen namoota Yihuudaa bebeekamoo nan ifadhe; “Wanni hamaan isin guyyaa Sanbataa xureessuudhaan hojjettan kun maal?
18 Je! Baba zenu hawakufanya hivyo? Je, Mungu wetu hakuleta mabaya haya juu yetu na juu ya mji huu? Sasa unaleta ghadhabu zaidi juu ya Israeli kwa kudharau Sabato.”
Abbootiin keessan iyyuu waanuma kana hojjetanii akkasiin Waaqni badiisa kana hunda nuttii fi magaalaa kanatti fide mitii? Isin amma kunoo Sanbata xureessuudhaan dheekkamsa hammas iyyuu caalu Israaʼelitti fidaa jirtu.”
19 Mara ilipokuwa giza kwenye milango ya Yerusalemu kabla ya Sabato, niliamuru milango ifungwe na kwamba haifai kufunguliwa hadi baada ya Sabato. Niliwaweka baadhi ya watumishi wangu kwenye malango ili mzigo wowote usiweze kuletwa siku ya Sabato.
Anis yeroo gaaddisni galgalaa Sanbataan dura karrawwan Yerusaalem irra buʼetti akka balbalawwan cufamanii hamma Sanbanni darbutti hin banamne nan ajaje. Akka feʼiisni tokko illee guyyaa Sanbataatiin ol hin galfamneefis namoota koo tokko tokko karrawwan irra nan dhaabe.
20 Wafanyabiashara na wauzaji wa kila aina ya bidhaa walikimbia nje ya Yerusalemu mara moja au mbili.
Daldaltoonnii fi gurgurtoonni miʼoota gosa hundaa yeroo tokko yookaan yeroo lama Yerusaalemiin ala bulaniiru.
21 Lakini niliwaonya, “Mbona mnakaa nje ya ukuta? Ikiwa mtafanya hivyo tena, nitakuweka mikononi!” Kutoka wakati huo hawakuja siku ya sabato.
Ani garuu, “Isin maaliif dallaa jala bultu? Yoo isin itti deebitanii akkas gootan ani humnaan isinitti nan dhufa” jedheen isaan nan seere. Gaafasii jalqabanii isaan lammata guyyaa Sanbataatiin hin dhufne.
22 Nikawaamuru Walawi kujitakasa, na kuja kulinda milango, ili kutakasa siku ya Sabato. Nikumbuke kwa hili pia, Mungu wangu, na kunipatia huruma kwa sababu ya uaminifu wa agano ulilonalo kwangu.
Ani akka Lewwonni of qulqulleessanii qulqullummaa guyyaa Sanbataa eeguuf dhaqanii karrawwan eegan nan ajaje. Yaa Waaqa koo waan kanaaf jedhii na yaadadhu; akkuma jaalala kee guddaa sanaattis naa araarami.
23 Katika siku hizo niliona Wayahudi waliokuwa wameoa wanawake wa Ashdodi, Amoni na Moabu.
Kana caalaa iyyuu ani bara sana keessa namoota Yihuudaa kanneen dubartoonni Ashdood, kan Amooniitii fi kan Moʼaab fuudhan nan arge.
24 Nusu ya watoto wao walizungumza lugha ya Ashdodi, lakini hawakuweza kuzungumza lugha ya Yuda, lakini lugha ya mmoja wa watu wengine.
Ilmaan isaanii keessaa walakkaan afaan Ashdood yookaan afaan saboota biraa dubbatan malee afaan Yihuudaa dubbachuu hin dandeenye.
25 Nami nikawasiliana nao, na mimi niliwaadhibu, na nikawapiga baadhi yao na kuvuta nywele zao. Naliwaapisha kwa Mungu, nikisema, Msiwape wana wao binti zenu, wala msiwachukue binti zao kwa ajili ya wana wenu, wala ninyi wenyewe.
Ani isaan ifadheen isaan nan abaare. Ani namoota tokko tokko rukutee rifeensa isaanii irraa nan bubuqqise. Ani akkana jedheen maqaa Waaqaatiin isaan nan kakachiise: “Isin intallan keessan ilmaan isaaniitti heerumsiisuu yookaan intallan isaanii ilmaan keessan fuusisuu yookaan ofii keessaniis fuudhuu hin qabdan.
26 Je, Sulemani mfalme wa Israeli hakufanya dhambi kwa sababu ya wanawake hawa? Miongoni mwa mataifa mengi hapakuwa na mfalme kama yeye, na alipendwa na Mungu wake. Mungu akamfanya awe mfalme juu ya Israeli wote. Hata hivyo, wake zake wa kigeni walimfanya atende dhambi.
Solomoon mootichi Israaʼel fuudha akkasiitiin cubbuu hojjete mitii? Saboota baayʼee keessa mootiin akka isaa tokko iyyuu hin turre. Waaqni isa jaallatee Israaʼel hunda irratti mootii isa godhe; taʼus dubartoonni ormaa cubbuu isa hojjechiisan.
27 Je, tunapaswa kukusikiliza na kufanya uovu huu hata kumhalifu Mungu wetu na kuwaoa wanawake wageni?
Nu amma akka isinis dubartoota ormaa fuudhuudhaan waan akka malee hamaa kana hunda hojjettanii Waaqa keenyaaf amanamuu diddan dhagaʼuu qabnaa?”
28 Mmoja wa wana wa Yoyada, mwana wa Eliashibu, kuhani mkuu, alikuwa mkwewe na Sanbalati Mhoroni. Kwa hiyo nilimondoa kutoka mbele yangu.
Ilmaan Yooyaadaa ilma Eliyaashiib lubicha ol aanaa sanaa keessaa tokko dhirsa intala Sanbalaax namicha Hooroon ture. Anis of biraa isa nan ariʼe.
29 Wakukumbushe, Mungu wangu, kwa sababu wameunajisi ukuhani, na agano la ukuhani na Walawi.
Yaa Waaqa koo ati isaan yaadadhu; isaan lubummaa, kakuu lubummaatii fi Lewwotaa xureessaniiruutii.
30 Kwa hiyo nimewatakasa kutoka kila kitu kigeni, na kuimarisha kazi za makuhani na Walawi, kila mmoja kwa kazi yake mwenyewe.
Kanaafuu ani waan alaa dhufe hunda irraa lubootaa fi Lewwota qulqulleessee akka tokkoon tokkoon namaa hojii ofii isaa hojjetuuf hojiitti isaan nan ramade.
31 Nilitoa sadaka za kuni wakati uliowekwa na matunda ya kwanza. Nikumbuke, Mungu wangu, kwa mema.
Akkasumas kennaa qoraaniitii fi kennaa mataa midhaanii kan yeroo murtaaʼetti dhiʼeeffamuuf haala nan mijeesse. Yaa Waaqa koo ati arjummaadhaan na yaadadhu.