< Nehemia 11 >

1 Viongozi wa watu waliishi Yerusalemu, na watu wengine walipiga kura ili kuleta mmoja kati ya watu kumi kuishi Yerusalemu, mji mtakatifu, na wengine tisa walibakia katika miji mingine.
Yeroo sanatti hooggantoonni sabaa Yerusaalem keessa qubatan; warri kaan immoo akka inni Yerusaalem magaalaa qulqulluu sana keessa jiraatuuf nama kudhan keessaa tokko fidachuuf ixaa buufatan; warri hafan sagallan immoo magaalaadhuma ofii isaanii keessatti hafan.
2 Na watu wakawabariki wote waliojitoa kwa hiari kuishi Yerusalemu.
Sabnis namoota Yerusaalem keessa jiraachuuf fedhiin of kennan hunda eebbise.
3 Hawa ndio viongozi wa mkoa ambao waliishi Yerusalemu. Hata hivyo, katika miji ya Yuda kila mtu aliishi katika nchi yake mwenyewe, ikiwa ni pamoja na Waisraeli, makuhani, Walawi, watumishi wa hekalu, na wazao wa watumishi wa Sulemani.
Warri kunneen hooggantoota kutaa biyyaa kanneen Yerusaalem keessa qubatanii dha; magaalaawwan Yihuudaa keessa garuu tokkoon tokkoon isaanii qabeenya ofii isaaniitiin magaalaawwan ofii isaanii keessa jiraatan; isaanis: Israaʼeloota, luboota, Lewwota, tajaajiltoota mana qulqullummaa fi sanyiiwwan tajaajiltoota Solomoon;
4 Katika Yerusalemu waliishi baadhi ya wana wa Yuda na baadhi ya wana wa Benyamini. Watu wa Yuda walikuwa pamoja na Athaya, mwana wa Uzia, mwana wa Zekaria, mwana wa Amaria, mwana wa Shefatia, mwana wa Mahalaleli, mwana wa Peresi.
ilmaan Yihuudaa fi ilmaan Beniyaam tokko tokko immoo Yerusaalem keessa jiraatan. Sanyii Yihuudaa Keessaa: Ataayaa ilma Uziyaa, ilma Zakkaariyaas, ilma Amariyaa, ilma Shefaaxiyaa, ilma Mahalaleel, sanyii Faares; akkasumas
5 Na Maaseya, mwana wa Baruki, mwana wa Kolhoze, mwana wa Hazaya, mwana wa Adaya, mwana wa Yoyaribu, mwana wa Zakaria, mwana wa Mshelani, alikuwa mwana wa Baruki.
Maʼaseyaa ilma Baaruk, ilma Kol-Hoozee, ilma Hazaayaa, ilma Adaayaa, ilma Yooyaariib, ilma Zakkaariyaas, sanyii Shelaa.
6 Wana wote wa Peresi waliokaa Yerusalemu walikuwa 468. Walikuwa masujaa.
Sanyiin Faares warri Yerusaalem keessa jiraatan walumaa galatti namoota jajjaboo 468 turan.
7 Hao ndio wana wa Benyamini, Salu, mwana wa Meshulamu, mwana wa Yoedi, mwana wa Pedaya, mwana wa Kolaya, mwana wa Maaseva, mwana wa Ithieli, mwana wa Yehaya.
Sanyii Beniyaam keessaa: Saʼaaluu ilma Meshulaam, ilma Yooʼeed, ilma Phedaayaa, ilma Qolaayaa, ilma Maʼaseyaa, ilma Iitiiʼeel, ilma Yeshaayaa,
8 Na baada yake, Gabai na Salai, watu 928.
duukaa buutota isaa Gabayii fi Salaayi; isaan walumatti nama 928 turan.
9 Yoeli mwana wa Zikri alikuwa mwangalizi wao; na Yuda mwana wa Hasenua alikuwa mkuu wa pili juu ya mji.
Yooʼeel ilmi Zikrii toʼataa isaanii ture; Yihuudaan ilmi Hasenuuʼaa bulchaa itti aanaa ture.
10 Kutoka kwa makuhani Yedaya, mwana wa Yoyaribu, Yakini,
Luboota keessaa: Yedaaʼiyaa, ilma Yooyaariib, Yaakiin;
11 Seraya mwana wa Hilikia, mwana wa Meshulamu, mwana wa Sadoki, mwana wa Merayoti, mwana wa Ahitubu, mkuu wa nyumba ya Mungu,
Seraayaa ilma Hilqiyaa, ilma Meshulaam, ilma Zaadoq, ilma Meraayoot, ilma Ahiixuub, bulchaa mana Waaqaa,
12 na wenzake waliofanya kazi ya ukoo, watu 822. na Adaya mwana wa Yerohamu, mwana wa Pelalia, mwana wa Amzi, ​​mwana wa Zekaria, mwana wa Pashuri, mwana wa Malkiya.
obboloota isaanii kanneen mana qulqullummaa keessa hojjetan; walumatti dhiira 822 turan. Adaayaa ilma Yerooham, ilma Phelaaliyaa, ilma Amzii, ilma Zakkaariyaas, ilma Phaashihuur, ilma Malkiyaatii fi
13 Nao walikuwa washirika wake waliokuwa wakuu wa jamaa, wanaume 242, na Maasai mwana wa Azareli, mwana wa Azai, mwana wa Meshilemothi, mwana wa Imeri;
obboloota isaa warra abbootii maatii turan; walumatti dhiira 242 turan. Amashisaay ilma Azariʼeel, ilma Ahazaayi, ilma Mashileemoot, ilma Imeeriitii fi
14 na ndugu zao, 128 wapiganaji wenye ujasiri, wenye ujasiri; Waziri wao aliyeongoza alikuwa Zabdieli, mwana wa Hageoli.
obboloota isaa namoota jajjaboo; walumatti dhiira 128 turan. Toʼataan isaanii Zabdiiʼel ilma Hagdoolim ture.
15 Na Walawi Shemaya mwana wa Hashubu, mwana wa Azrikamu, mwana wa Hashabia, mwana wa Buni,
Lewwota Keessaa: Shemaaʼiyaa ilma Hashuub, ilma Azriiqaam, ilma Hashabiyaa, ilma Buunii;
16 na Shabethai, na Yozabadi, ambao walikuwa ni viongozi wa Walawi, waliosimamia kazi za nje ya nyumba ya Mungu.
hangafoota Lewwotaa keessaa Shaabetaayii fi Yoozaabaad warra hojii mana Waaqaatiin alaatti itti gaafatamoo turan.
17 Alikuwepo Matania, mwana wa Mika, mwana wa Zakri, mwana wa Asafu, aliyekuwa mkurugenzi aliyeanza shukrani kwa sala, na Bakbukia, wa pili miongoni mwa ndugu zake, na Abda mwana wa Shemaya, mwana wa Galali, mwana wa Yeduthuni.
Mataaniyaa ilma Miikaa, ilma Zabdii, ilma Asaaf, namicha yeroo galataatii fi kadhannaatti sagantaa qajeelchu sana; Baqbuqiyaa isa obboloota ofii isaa keessaa lammaffaa ture sana; Abdaa ilma Shamuuʼaa, ilma Gaalaal, ilma Yeduutuun.
18 Katika mji wote mtakatifu walikuwa Walawi 284.
Lewwonni magaalaa qulqullittii walumatti 284 turan.
19 Walinzi wa malango Akubu, Talmoni, na washirika wao, ambao waliolinda milango, wanaume 172.
Eegdota karraa: Aquub, Talmoonii fi obboloota isaanii kanneen karra eegan; isaanis walumatti dhiira 172 turan.
20 Na wale waliosalia wa Israeli, na makuhani, na Walawi, walikuwa katika miji yote ya Yuda. Kila mtu aliishi katika milki yake mwenyewe.
Israaʼeloonni kaan immoo lubootaa fi Lewwota wajjin magaalaawwan Yihuudaa keessa tokkoon tokkoon isaanii dhaala ofii isaaniitiin jiraatan.
21 Wafanyakazi wa hekalu waliishi Ofeli, na Siha na Gishpa walikuwa wakiwaongoza.
Tajaajiltoonni mana qulqullummaa garuu tulluu Oofeel irra jiraatan; Ziihaa fi Gishiphaan immoo ajajjoota isaanii turan.
22 Mtawala mkuu juu ya Walawi waliokuwa wakitumikia Yerusalemu alikuwa Uzi mwana wa Bani, mwana wa Hashabia, mwana wa Matania, mwana wa Mika, wa wana wa Asafu, ambao walikuwa waimbaji wa kazi katika nyumba ya Mungu.
Uuziin ilmi Baanii, ilmi Hashabiyaa, ilmi Mataaniyaa, ilmi Miikaa sun Lewwota Yerusaalem keessa jiraatan irratti qondaala hangafa ture. Uuziin kun sanyiiwwan Asaaf warra faarfattoota itti gaafatamtoota hojii mana Waaqaa turan keessaa tokko ture.
23 Walikuwa chini ya maagizo kutoka kwa mfalme na maagizo imara yalitolewa kwa waimbaji kila siku inavyohitajika.
Faarfattoonni sun ajaja mootichaa kan guyyaa guyyaan hojii isaanii qajeelchu jala turan.
24 Pethahia mwana wa Meshezabeli, mwana wa Zera, mwana wa Yuda, alikuwa upande wa mfalme kwa habari zote za watu.
Phetaayaan ilmi Mesheezabeel inni sanyiiwwan Zaaraa ilma Yihuudaa keessaa tokko taʼe sun dhimma saba ilaalu hunda keessatti iddoo buʼaa mootichaa ture.
25 Kuhusu vijiji na mashamba yao, baadhi ya watu wa Yuda wakakaa Kiriath-arba, na vijiji vyake, na Diboni, na vijiji vyake, na Yekabzeeli na vijiji vyake.
Gama gandoota lafa qotiisaa qabaniitiin immoo sabni Yihuudaa tokko tokko Kiriyaati Arbaaqii fi gandoota ishee keessa, Diiboonii fi gandoota ishee keessa, Yeqabziʼeelii fi gandoota ishee keessa,
26 Wakaishi katika Yeshua, Molada, Beth-Peleti,
Yeeshuʼaa keessa, Molaadaa keessa, Beet Phelexi keessa,
27 Hazar-Shuali, Beersheba na vijiji vyake.
Hazar Shuuʼaal keessa, Bersheebaa fi gandoota ishee keessa,
28 Nao wakakaa Siklagi, na Mekona, na vijiji vyake,
Siiqlaagi keessa, Mekoonaa fi gandoota ishee keessa,
29 Enrimoni, Sora, Yarmuthi,
Een Rimoon keessa, Zoraa keessa, Yarmuut keessa,
30 Zanoa, Adulamu, na vijiji vyake, na Lakishi, na mashamba yake, na Azeka, na vijiji vyake. Basi wakakaa kutoka Beer-sheba mpaka bonde la Hinomu.
Zaanoʼaa keessa, Adulaamii fi gandoota ishee keessa, Laakkiishii fi lafa qotiisaawwan ishee keessa, Azeeqaa fi gandoota ishee keessa qubatan. Kanaafuu isaan Bersheebaa jalqabanii hamma Sulula Hinoomitti jiraatan.
31 Watu wa Benyamini pia walikuwa wakiishi kutoka Geba, kwenda Mikmashi na Aiya, na Beth-eli na vijiji vyake.
Sanyiiwwan Beniyaam Gebaadhaa jalqabanii Mikmaas keessa, Ayyaa keessa, Beetʼeelii fi gandoota ishee keessa,
32 Waliishi Anathothi, Nobu, Anania,
Anaatoot keessa, Noobii fi Hanaaniyaa keessa,
33 Hazori, Rama, Gitaimu,
Haazoor keessa, Raamaa fi Gitayim keessa,
34 Hadidi, Seboimu, Nebalati,
Haadiid keessa, Zebooʼiimii fi Nebalaax keessa,
35 Lodi, na Ono, bonde la wafundi.
Lood, Oonoo fi Gehaaraashim keessa jiraatan.
36 Walawi wengine waliishi Yuda wengine Benyamini.
Garee Lewwota Yihuudaa keessaa tokko tokko immoo gosoota Beniyaam gidduu qubatan.

< Nehemia 11 >