< Luka 6 >

1 Sasa ilitokea kwenye Sabato kwamba Yesu alikuwa akipita katika ya shamba la nafaka na wanafunzi wake walikuwa wakichuma masuke, wakayasuguasugua kati ya mikono yao wakala nafaka.
Guyyaa Sanbataa tokko Yesuus lafa qotiisaa midhaanii keessa darbaa ture; barattoonni isaas asheetii midhaanii ciratanii harka isaaniitiin sukkuummatanii nyaachuu jalqaban.
2 Lakini baadhi ya Mafarisayo wakasema, “Kwa nini mnafanya kitu ambacho si halali kisheria kukifanya siku ya sabato”?
Fariisota keessaas tokko tokko, “Isin maaliif waan Sanbataan hojjechuun hin eeyyamamne hojjettu?” jedhanii gaafatan.
3 Yesu, akawajibu, akisema, “Hamkuwahi kusoma kile Daudi alifanya alipokuwa na njaa, yeye na wanaume waliokuwa pamoja naye?
Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Isin waan Daawit yeroo innii fi miiltonni isaa beelaʼanitti godhe sana takkumaa hin dubbifnee?
4 Alikwenda katika nyumba ya Mungu, na akachukuwa mikate mitakatifu na kuila baadhi, na kuitoa baadhi kwa watu aliokuwa nao kuila, hatakama ilikuwa halali kwa makuhani kuila.”
Inni mana Waaqaa seenee buddeena qulqulleeffamekan luboota qofaaf eeyyamame fudhatee nyaate. Warra isa wajjin jiraniifis kenne.”
5 Kisha akawaambia, “Mwana wa Adamu ni Bwana wa Sabato.”
Yesuusis, “Ilmi Namaa Gooftaa Sanbataa ti” isaaniin jedhe.
6 Ilitokea katika Sabato nyingine kwamba alikwenda ndani ya sinagogi na kuwafundisha watu huko. Palikuwa na mtu ambaye mkono wake wa kulia ulikuwa umepooza.
Sanbata biraas inni mana sagadaa seenee barsiisaa ture; namichi harki isaa mirgaa irratti goge tokkos achi ture.
7 Waandishi na Mafarisayo walikuwa wanamwangalia kwa makini kuona kama angemponya mtu siku ya Sabato, ili waweze kupata sababu ya kumshtaki kwa kufanya kosa.
Fariisonnii fi barsiistonni seeraa Yesuusin himachuuf jedhanii sababa barbaadaa turan; kanaafuu akka inni Sanbataan nama fayyisu ilaaluuf isa gaadan.
8 Lakini alijua nini walikuwa wanafikiri na akasema kwa mtu aliyekuwa amepooza mkono, “Amka, simama hapa katikati ya kila mmoja.” Hivyo huyo mtu akanyanyuka na kusimama pale.
Yesuus garuu waan isaan yaadan beekee namicha harki irratti goge sanaan, “Kaʼii fuula nama hundaa dura dhaabadhu” jedhe. Innis kaʼee achi dhaabate.
9 Yesu akasema kwao, “Nawauliza ninyi, ni halali siku ya Sabato kufanya mema au kufanya madhara, kuokoa maisha au kuyaharibu?” Kisha aliwaangalia wote na kumwambia yule mtu,
Yesuusis, “Anis isinan gaafadha; Sanbataan isa kamtu eeyyamamaa dha? Waan gaarii hojjechuu moo waan hamaa hojjechuu? Lubbuu oolchuu moo balleessuu?” isaaniin jedhe.
10 “Nyoosha mkono wako.” Akafanya hivyo, na mkono wake ulikuwa umeponywa.
Gara galees hunda isaanii ilaalee namichaan, “Harka kee diriirfadhu” jedhe. Innis akkasuma godhe; harki isaas guutumaan guutuutti fayye.
11 Lakini walijawa na hasira, wakaongeleshana wao kwa wao kuhusu nini wanapaswa wafanye kwa Yesu.
Fariisonnii fi barsiistonni seeraa garuu akka malee aaranii Yesuusin maal gochuu akka dandaʼan waliin mariʼachuu jalqaban.
12 Ilitokea siku hizo kwamba alikwenda mlimani kuomba. Aliendelea usiku mzima kumuomba Mungu.
Yesuusis guyyoota sana keessaa gaaf tokko kadhannaadhaaf tulluutti ol baʼe; halkan guutuus Waaqa kadhachaa bule.
13 Ilipokuwa asubuhi, aliwaita wanafunzi wake kwake, na akawachagua kumi na wawili kati yao, ambao pia aliwaita “mitume.”
Innis yommuu lafti bariʼetti barattoota isaa ofitti waamee nama kudha lama isaan keessaa filate; ergamoota jedhees isaan moggaase.
14 Majina ya wale mitume yalikuwa Simoni (ambaye pia alimwita Petro) na Andrea ndugu yake, Yakobo, Yohana, Filipo, Bartolomayo,
Isaanis Simoon isa inni Phexros jedhee moggaase, obboleessa isaa Indiriiyaas, Yaaqoob, Yohannis, Fiiliphoos, Bartaloomewoos,
15 Mathayo, Tomaso na Yakobo mwana wa Alfayo, Simoni, ambaye aliitwa Zelote,
Maatewos, Toomaas, Yaaqoob ilma Alfewoos, Simoon isa Hinaafticha jedhamee waamame,
16 Yuda mwana Yakobo na Yuda Iskariote, ambaye alikuwa msaliti msaliti.
Yihuudaa ilma Yaaqoob, Yihuudaa Keeriyoticha isa Yesuusin dabarsee kenne.
17 Kisha Yesu alitelemka pamoja nao toka mlimani na kusimama mahali tambarare. Idadi kubwa ya wanafunzi wake walikuwa huko, pamoja na idadi kubwa ya watu kutoka Uyahudi na Yerusalemu, na kutoka pwani ya Tiro na Sidoni.
Innis isaan wajjin gad buʼee iddoo diriiraa tokko irra dhaabate. Tuunni barattoota isaa guddaanis achi ture; namoonni Yihuudaa hunda keessaa, Yerusaalem keessaa, biyya qarqara galaanaa kan naannoo Xiiroosii fi Siidoonaatii dhufan baayʼeen,
18 Walikuja kumsikiliza na kuponywa magonjwa yao. Watu waliokuwa wakisumbuliwa na pepo wachafu waliponywa pia.
warri isa dhagaʼuu fi dhukkuba isaanii irraa fayyuuf dhufanis achi turan. Warri hafuurota xuraaʼoon dhiphachaa turanis ni fayyan;
19 Kila mmoja kwenye hilo kusanyiko alijaribu kumgusa kwa sababu nguvu za uponyaji zilikuwa zikitokea ndani yake, na aliwaponya wote.
sababii humni isa keessaa baʼee hunduma isaanii fayyisaa tureef, namoonni hundinuu isa tuquuf carraaqaa turan.
20 Kisha akawaangalia wanafunzi wake, na kusema, “Mmebarikiwa ninyi mlio maskini, kwa maana ufalme wa Mungu ni wenu.
Innis barattoota isaa ilaalee akkana jedhe: “Isin warri hiyyeeyyiin eebbifamoo dha; mootummaan Waaqaa kan keessaniitii.
21 Mmebarikiwa ninyi mlio na njaa sasa, kwa maana mtashibishwa. Mmebarikiwa ninyi mliao sasa, kwa maana mtacheka.
Isin warri amma beeloftan eebbifamoo dha; ni quuftuutii. Isin warri amma boossan eebbifamoo dha; ni kolfituutii.
22 Mmebarikiwa ninyi ambao watu watakapowachukia na kuwatenga na kuwashutumu ninyi kwamba ni waovu, kwa ajili ya Mwana Adamu.
Yommuu namoonni sababii Ilma Namaatiif jedhanii isin jibban, yommuu isaan of keessaa isin baasanii fi isin arrabsan, yommuu isaan maqaa keessan akka waan hamaa tokkootti tuffatan, isin eebbifamoo dha.
23 Furahini katika siku hiyo na kurukaruka kwa furaha, kwa sababu hakika mtakuwa na thawabu kubwa mbinguni, kwa maana baba zao waliwatendea vivyohivyo manabii.
“Sababii gatiin keessan samii keessatti guddaa taʼeef gaafa sana ililchaatii gammachuudhaan buburraaqaa. Abbootiin isaanii iyyuu akkasuma raajota godhaniitii.
24 Lakini ole wenu mlio matajiri! Kwa maana mmekwisha pata faraja yenu.
“Garuu warri sooreyyiin isiniif wayyoo; isin jajjabina keessan argattaniirtuutii.
25 Ole wenu mlio shiba sasa! Kwa maana mtaona njaa baadaye. Ole wenu mnaocheka sasa! Kwa maana mtaomboleza na kulia baadaye.
Warri amma quuftan isiniif wayyoo, beelaʼuuf jirtuutii, warri amma kolfitan isiniif wayyoo; wawwaachuu fi booʼuuf jirtuutii.
26 Ole wenu, mtakaposifiwa na watu wote! Kwa maana baba zao waliwatendea manabii wa uongo vivyohivyo.
Yommuu namni hundinuu isin saadu isiniif wayyoo; abbootiin isaanii iyyuu akkanuma raajota sobaa saadaa turaniitii.
27 Lakini nasema kwenu ninyi mnaonisikiliza, wapendeni adui zenu na kufanya mema kwa wanao wachukieni.
“Ani garuu isin warra na dhageessanitti nan hima; diinota keessan jaalladhaa; warra isin jibbaniif waan gaarii hojjedhaa;
28 Wabarikini wale wanao walaani ninyi na waombeeni wale wanaowaonea.
warra isin abaaran eebbisaa; warra isin miidhaniifis kadhadhaa.
29 Kwake yeye akupigaye shavu moja, mgeuzie na la pili. Kama mtu akikunyang'anya joho lako usimzuilie na kanzu.
Yoo namni tokko maddii tokko si kabale, maddii kaanis itti qabi. Yoo namni tokko kootii kee sirraa baafate immoo, kittaa kee illee hin dhowwatin.
30 Mpe kila akuombaye. Kama mtu akikunyang'anya kitu ambacho ni mali yako, usimuombe akurudishie.
Nama si kadhatu hundumaaf kenni; yoo namni kam iyyuu waan kan kee taʼe fudhate, akka wanni sun siif deebifamu hin gaafatin.
31 Kama mpendavyo watu wawatendee, nanyi watendeeni vivyo hivyo.
Isinis akkuma namoonni kaan akka isiniif godhan barbaaddan sana isaaniif godhaa.
32 Kama mkiwapenda watu wawapendao ninyi tu, hiyo ni thawabu gani kwenu? Kwamaana hata wenye dhambi huwapenda wale wawapendao.
“Isin warra isin jaallatan qofa yoo jaallattan, kun galata maalii isinii qaba? Cubbamoonni iyyuu warra isaan jaallatan ni jaallatuutii.
33 Kama mkiwatendea mema wale wanaowatendea ninyi mema, hiyo ni thawabu gani kwenu? Kwa maana hata wenye dhambi hufanya vivyo hivyo.
Isin yoo warra waan gaarii isinii godhaniif waan gaarii gootan, kun galata maalii isiniif qaba? Kana immoo cubbamoonni iyyuu ni godhuutii.
34 Kama mkikopesha vitu kwa watu ambao mnategemea watawarudishia, hiyo ni thawabu gani kwenu? Hata wenye dhambi huwakopesha wenye dhambi, na hutegemea kupokea kiasi hicho hicho tena.
Warruma akka isiniif deebisan abdattaniif yoo liqeessitan galata maalii argattu? ‘Cubbamoonni iyyuu’ hammuma liqeessan sana deebisanii argachuuf jedhanii cubbamootaaf ni liqeessuutii.
35 Lakini wapendeni adui zenu na watendeeni mema. Wakopesheni na msihofu kuhusu kurudishiwa, na thawabu yenu itakuwa kubwa. Mtakuwa wana wa Aliye Juu, kwasababu yeye mwenyewe ni mwema kwa watu wasio na shukurani na waovu.
Isin garuu diinota keessan jaalladhaa; waan gaariis isaaniif hojjedhaa; utuu waan isinii deebiʼu tokko illee hin abdatin isaaniif liqeessaa. Yoos gatiin keessan guddaa ni taʼa; isinis ijoollee Waaqa Waan Hundaa Olii ni taatu; inni warra hin galateeffannee fi hamootaaf illee arjaadhaatii.
36 Iweni na huruma, kama Baba yenu alivyo na huruma.
Akkuma abbaan keessan araara qabeessa taʼe sana, isinis araara qabeeyyii taʼaa.
37 Msihukumu, nanyi hamta hukumiwa. Msilaani, nanyi hamtalaaniwa. Sameheni wengine, nanyi mtasamehewa.
“Namatti hin murinaa; isinittis hin muramuutii. Nama hin yakkinaa; isinis hin yakkamtanii. Dhiifamas godhaa; dhiifamni isinii godhamaatii.
38 Wapeni wengine, nanyi mtapewa. Kiasi cha ukarimu - kilichoshindiliwa, kusukwasukwa na kumwagika - kitamwagika magotini penu. Kwa sababu kwa kipimo chochote mnachotumia kupimia, kipimo hicho hicho kitatumika kuwapimia ninyi.”
Kennaa; isiniifis ni kennamaa. Safartuun gaariin itti hudumame, kan sochoofamee fi guutamee irra dhangalaʼe bobaa keessanitti isinii naqama. Safartuu ittiin safartaniinis isiniif safaramaatii.”
39 Kisha akawaambia mfano pia. “Je mtu aliye kipofu aweza kumwongoza mtu mwingine kipofu? Kama alifanya hivyo, basi wote wangalitumbukia shimoni, je wasingetumbukia?
Innis akkana jedhee fakkeenya kana isaanitti hime; “Jaamaan tokko jaamaa qajeelchuu ni dandaʼaa? Isaan lachuu boolla keessa hin buʼanii?
40 Mwanafunzi hawi mkubwa kuliko mwalimu wake, lakini kila mtu akiisha kufundishwa kwa ukamilifu atakuwa kama mwalimu wake.
Barataan barsiisaa isaatii ol miti; namni guutumaan guutuutti leenjifame hundinuu garuu akka barsiisaa isaa ni taʼa.
41 Na kwa nini basi wakitazama kibanzi kilicho ndani ya jicho la ndugu yako, na boriti lililo ndani ya jicho lako huliangalii?
“Ati maaliif jirma ija kee keessa jiru arguu dhiiftee huuba ija obboleessa keetii keessa jiru ilaalta?
42 Utawezaje kumwambia ndugu yako, 'Ndugu, naomba nikitoe kibanzi kilicho ndani ya jicho lako,' nawe huangalii boriti iliyo katika jicho lako mwenyewe? Mnafiki wewe! Kwanza itoe boriti katika jicho lako mwenyewe, ndipo utaona vizuri kutoa kibanzi katika jicho la ndugu yako.
Ati utuu ofii keetii jirma ija kee keessa jiru arguu hin dandaʼin, akkamitti obboleessa keetiin, ‘Obboleessaa, kottu mee ani huuba ija kee keessa jiru siif nan baasa’ jechuu dandeessa? Fakkeessituu nana, duraan dursiitii jirma ija kee keessa jiru baafadhu; ergasiis huuba ija obboleessa keetii keessa jiru baasuudhaaf sirriitti argita.
43 Kwa sababu hakuna mti mzuri uzaao matunda mabaya, wala hakuna mti mbaya uzaao matunda mazuri.
“Mukni gaariin ija gadhee naqatu tokko iyyuu hin jiru; mukni gadheenis ija gaarii hin naqatu.
44 Kwa sababu kila mti hutambulika kwa matunda yake. Kwa sababu watu hawachumi tini kutoka kwenye miba, wala hawachumi zabibu kutoka kwenye michongoma.
Tokkoon tokkoon mukaa ija isaatiin beekama. Namoonni muka qoraattii irraa harbuu, yookaan sokorruu irraa wayinii hin ciran.
45 Mtu mwema katika hazina njema ya moyo wake hutoa yaliyo mema, na mtu mwovu katika hazina mbovu ya moyo wake hutoa yaliyo maovu. Kwa sababu kinywa chake husema yale yaujazayo moyo wake.
Namni gaariin waan gaarii garaa isaa keessatti kuufate keessaa waan gaarii baasa; namni hamaan immoo waan hamaa garaa isaa keessatti kuufate keessaa waan hamaa baasa. Waan garaa guute afaan dubbataatii.
46 Kwanini mnaniita, 'Bwana, Bwana', na bado hamyatendi yale nisemayo?
“Isin waan ani jedhu hin hojjettan; yoos maaliif, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa’ naan jettu?
47 Kila mtu ajaye kwangu na kuyasikia maneno yangu na kuyatendea kazi, nitawaonyesha jinsi alivyo.
Namni gara koo dhufu, kan dubbii koo dhagaʼee hojiidhaan argisiisu hundi maal akka fakkaatu ani isinitti nan argisiisa.
48 Anafanana na mtu ajengae nyumba yake, ambaye huchimba chini sana, na kujenga msingi wa nyumba juu ya mwamba imara. Mafuriko yalipokuja, maporomoko ya maji yaliipiga nyumba, lakini hayakuweza kuitikisa, kwa sababu ilikuwa imejengwa vizuri.
Isaan nama mana ijaaru, kan boolla gad fageessee qotee hundee mana sanaa kattaa irra dhaabe tokko fakkaatu. Sababii manichi sirriitti ijaarameef, lolaan yeroo lolaʼee humnaan itti buʼetti mana sana sochoosuu hin dandeenye.
49 Lakini yeyote asikiaye neno langu na hakulitii; mfano wake ni mtu aliyejenga nyumba juu ya ardhi pasipokuwa na msingi, mto ulipoishukia kwa nguvu, nyumba ile ilitopata maangamizi makubwa.
Namni dubbii koo dhagaʼee hojiidhaan hin argisiifne garuu nama lafa irratti mana hundee hin qabne ijaarratu tokko fakkaata. Yeroo lolaan humnaan itti buʼetti manni sun ni jige; guutumaan guutuuttis diigame.”

< Luka 6 >