< Luka 20 >

1 Ikawa siku moja, Yesu alipokuwa akiwafundisha watu Hekaluni na kuhubiri injili, makuhani wakuu na walimu wa Sheria walimwendea pamoja na wazee.
Gaaf tokko utuu Yesuus mana qulqullummaa keessatti namoota barsiisuu, utuu wangeelas lallabuu luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa maanguddoota wajjin gara isaa dhufan.
2 Walizungumza, wakimwambia, 'Tuambie ni kwa mamlaka gani unafanya mambo haya? Au ni nani huyo ambaye amekupa mamlaka haya? “
Isaanis, “Ati akka taayitaa maaliitiin waan kana hojjettu nutti himi. Eenyutu taayitaa kana siif kenne” jedhan.
3 Naye akajibu, akawaambia, 'Nami pia nitawauliza swali. Niambieni
Innis akkana jedhee deebise; “Anis gaaffii tokkon isin gaafadha. Isin immoo natti himaa:
4 ubatizo wa Yohana. Je, ulitoka mbinguni ama kwa watu? '
Cuuphaan Yohannis samii irraa dhufe moo nama biraa dhufe?”
5 Lakini wakajadiliana wao kwa wao, wakisema, 'Tukisema, `litoka mbinguni, atatuuliza, ` Basi, mbona hamkumwamini?'
Isaanis waliin mariʼatanii akkana jedhan; “Yoo nu, ‘Samii irraa dhufe’ jenne inni immoo, ‘Isin maaliif isa hin amanin ree?’ jedhee nu gaafata.
6 Na tukisema; ilitoka kwa wanadamu; watu wote hapa watatupiga mawe, maana wote wanaamini kwamba Yohana alikuwa nabii. '
Yoo nu, ‘Nama biraa dhufe’ jenne garuu namoonni hundinuu akka Yohannis raajii taʼe waan amananiif dhagaadhaan nu tumu.”
7 Basi, wakamjibu ya kwamba hawakujua ilikotoka.
Kanaaf isaan, “Inni eessaa akka dhufe nu hin beeknu” jedhan.
8 Yesu akawaambia, '“Wala mimi siwaambii ninyi ni kwa mamlaka gani ninafanya mambo haya.”
Yesuus immoo, “Anis taayitaa maaliitiin akkan waan kana hojjedhu isinitti hin himu” jedheen.
9 Aliwaambia watu mfano huu, “Mtu mmoja alipanda shamba la mizabibu, akalikodisha kwa wakulima wa mizabibu, na akaenda nchi nyingine kwa muda mrefu.
Innis akkana jedhee fakkeenya kana namootatti himuu jalqabe; “Namichi tokko iddoo dhaabaa wayinii irra wayinii dhaabbatee, qonnaan bultootatti kiraa kennatee biyya fagoo dhaqee yeroo dheeraa ture.
10 Kwa muda uliopangwa, alimtuma mtumishi kwa wakulima mizabibu, kwamba wampe sehemu ya matunda ya shamba la mizabibu. Lakini wakulima wa mzabibu wakampiga, wakamrudisha mikono- mitupu.
Innis yeroo midhaan walitti qabamutti akka isaan ija iddoo dhaabaa wayinii irraa waa kennaniif garbicha tokko qottuuwwan sanatti ergate. Qottuuwwan sun garuu tumanii harka duwwaa of irraa isa deebisan.
11 Kisha akamtuma tena mtumishi mwingine na nao wakampiga, kumtendea vibaya, na wakamrudisha mikono- mitupu.
Innis garbicha biraa ergate; isaan garuu isas tumanii, qaanessaniis harka duwwaa of irraa isa deebisan.
12 Alimtuma tena wa tatu na nao wakamjeruhi na kumtupa nje.
Amma illee garbicha sadaffaa ergate; isaan immoo isas madeessanii gad isa darbatan.
13 Hivyo bwana wa shamba akasema, 'Nitafanya nini? Nitamtuma mwanangu mpendwa. Labda watamheshimu. '
“Ergasii abbichi iddoo dhaabaa wayinii, ‘Maal gochuu naa wayya? Kaʼeen ilma koo jaallatamaa itti erga; tarii isa ni kabaju taʼaatii’ jedhe.
14 Lakini wakulima wa mzabibu walipomwona, walijadili wao kwa wao wakisema, `Huyu ndiye mrithi. Tumuue, ili urithi wake uwe wetu. '
“Qottoonni sun garuu yommuu isa arganitti, ‘Dhaaltuun isa kana; kottaa isa ajjeefnaa; dhaalli sun kan keenya taʼaatii’ jedhanii walii wajjin dudubbatan.
15 Wakamtoa nje ya shamba la mizabibu na kumuua. Je bwana shamba atawafanya nini?
Kanaafuu isaan iddoo dhaabaa wayinii keessaa gad baasanii isa ajjeesan. “Egaa abbaan iddoo dhaabaa wayinii sanaa maal isaan godhinna laata?
16 Atakuja kuwaangamiza wakulima wa mzabibu, na atawapa shamba hilo wengine”. 'Nao waliposikia hayo, wakasema, 'Mungu amekataa'
Inni dhufee qottuuwwan sana ni ajjeesa; iddoo dhaabaa wayinii sanas namoota biraatti kennata.” Namoonnis yommuu waan kana dhagaʼanitti, “Waaqni waan kana hin fidin!” jedhan.
17 Lakini Yesu akawatazama, akasema, “Je andiko hili lina maana gani? 'Jiwe walilolikataa wajenzi, limekuwa jiwe la pembeni'?
Yesuusis isaan ilaalee, akkana jedhe; “Egaa inni, “‘Dhagaan ijaartonni tuffatan dhagaa golee taʼeera jedhamee barreeffame maal jechuu isaati ree’?
18 Kila mtu aangukaye juu ya jiwe hilo, atavunjika vipande vipande. Lakini yule ambaye litamwangukia, litamponda. '
Namni dhagaa sana irratti kufu hundinuu caccabee bututa; namni dhagichi irratti kufu kam iyyuu ni daakama.”
19 Hivyo waandishi na wakuu wa makuhani walitafuta njia ya kumkamata wakati huohuo, walijua kwamba alikuwa amesema mfano huu dhidi yao. Lakini waliwaogopa watu.
Barsiistonni seeraatii fi luboonni hangafoonni akka inni fakkeenya kana isaaniin mormuun dubbate waan beekaniif yeruma sana isa qabuu barbaadan. Garuu namoota sana sodaatan.
20 Walimuangalia kwa makini, wakatuma wapelelezi waliojifanya kuwa watu wa haki, ili wapate kupata kosa kwa hotuba yake, ili kumpelekakwa watawala na wenye mamlaka.
Jarris isa gaadaa, akka isaan waan inni dubbatuun isa qabanii dabarsanii humnaa fi taayitaa bulchaatti isa kennaniif jedhanii basaastota nama nagaa of fakkeessan ergan.
21 Nao wakamwuliza, wakisema, “Mwalimu, tunajua kwamba unasema na kufundisha mambo ya kweli na si kushawishiwa na mtu yeyote, lakini wewe hufundisha ukweli kuhusu njia ya Mungu.
Basaastonni sunis akkana jedhanii isa gaafatan; “Yaa Barsiisaa, nu akka ati waan qajeelaa dubbatuu fi waanuma qajeelaa barsiiftu, akkasumas akka ati dhugaadhaan karaa Waaqaa barsiisuu malee nama wal hin caalchifne beekna.
22 Je, ni halali kwetu kulipa kodi kwa Kaisari, au la?”
Qeesaariif gibira kaffaluun eeyyamameera moo hin eeyyamamne?”
23 Lakini Yesu alitambua mtego wao, akawaambia,
Inni garuu haxxummaa isaanii argee akkana isaaniin jedhe;
24 “Nionyesheni dinari. Sura na chapa ya nani ipo juu yake?” Walisema, '“Ya Kaisari.”
“Mee diinaarii tokko natti argisiisaa. Fakkii fi katabbii eenyuutu isa irra jira?” Isaanis, “Kan Qeesaar” jedhanii deebisan.
25 Naye akawaambia, 'Basi, mpeni Kaisari yaliyo yake Kaisari, na Mungu yaliyo yake Mungu.'
Kana irratti inni, “Yoos kan Qeesaar Qeesaariif, kan Waaqaa immoo Waaqaaf kennaa” jedheen.
26 Waandishi na wakuu wa makuhani hawakuwa na uwezo wa kukosoa kile alichosema mbele ya watu. Wakastaajabia majibu yake na hawakusema chochote.
Isaanis waan inni dubbateen fuula namootaa duratti isa qabuu hin dandeenye. Deebii isaas dinqisiifatanii calʼisan.
27 Baadhi ya Masadukayo wakamwendea, wale ambao wanasema kwamba hakuna ufufuo,
Saduuqota duʼaa kaʼuun hin jiru jedhan keessaa tokko tokko waa gaafachuuf jedhanii gara Yesuus dhufan;
28 wakamwuliza, wakisema, “Mwalimu, Musa alituandikia kwamba kama mtu akifiwa na ndugu mwenye mke ambaye hana mtoto basi anapaswa kumchukuna mke wa ndugu yake na kuzaa nae kwa ajili ya kaka yake.
akkanas jedhan; “Yaa Barsiisaa yoo obboleessi nama tokkoo niitii fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin duʼe, akka namichi sun niitii sana dhaalee ijoollee dhalchee obboleessa isaatiif sanyii dabarsu Museen nuu barreesseera.
29 Kulikuwa na ndugu saba Wa kwanza alioa, akafa bila kuacha mtoto,
Kunoo obboloota torbatu ture. Inni hangafni niitii fuudhee ijoollee malee duʼe.
30 na wa pili pia.
Inni lammaffaan,
31 Wa tatu akamchukua vilevile, vivyo hivyo wa saba hakuacha watoto na akafa.
inni sadaffaanis ishee fuudhan; haaluma wal fakkaatuun isaan torbanuu utuu ijoollee hin dhalchin duʼan.
32 Baadaye yule mwanamke pia akafa.
Dhuma irratti dubartittiinis ni duute.
33 Katika ufufuo atakuwa mke wa nani? Maana wote saba walikuwa wamemwoa. '
Egaa guyyaa duʼaa kaʼuutti isheen niitii isa kamii taati? Torban isaanii iyyuu ishee fuudhaniiruutii.”
34 Yesu akawaambia, “Wana wa ulimwengu huu huoa na kuolewa. (aiōn g165)
Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Namoonni addunyaa kanaa ni fuudhu; ni heerumus. (aiōn g165)
35 Lakini wale wanastaohili kupokea ufufuo wa wafu na kuingia uzima wa milele hawaoi wala hawaolewi. (aiōn g165)
Warri addunyaa dhufuuf jiruu fi duʼaa kaʼuu keessatti hirmaachuun isaanii malu garuu hin fuudhan; hin heerumanis. (aiōn g165)
36 Wala hawawezi kufa tena, kwa sababu huwa sawasawa na malaika na ni watoto wa Mungu, wana wa ufufuo.
Isaan waan akka ergamootaa taʼaniif deebiʼanii hin duʼan; waan ijoollee duʼaa kaʼuu taʼaniifis isaan ijoollee Waaqaa ti.
37 Lakini hiyo wafu wanafufuliwa, hata Musa alionyesha mahali katika habari za kichaka, pale alimwita Bwana kama Mungu wa Ibrahimu na Mungu wa Isaka na Mungu wa Yakobo.
Garuu Museen iyyuu seenaa waaʼee daggalaa keessatti akka warri duʼan duʼaa kaʼan argisiiseera; inni Gooftaadhaan, ‘Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob’jedhee waamaatii.
38 Sasa, yeye si Mungu wa wafu, bali wa walio hai, kwa sababu wote huishi kwake. “
Inni Waaqa warra jiraataniiti malee Waaqa warra duʼanii miti; hundinuu isaaf jiraatoodhaatii.”
39 Baadhi ya walimu wa Sheria wakamjibu, 'Mwalimu, umejibu vema. '
Barsiistota seeraa keessaa tokko tokko, “Yaa Barsiisaa, dhugaa jette!” jedhanii deebisan.
40 Hawakuthubutu kumwuliza maswali mengine zaidi.
Namni tokko iyyuu deebiʼee gaaffii isa gaafachuuf ija hin jabaanne.
41 Yesu akawaambia, “Ki vipi watu wanasema kwamba Kristo ni mwana wa Daudi?
Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Isaan akkamitti Kiristoosilma Daawit jechuu dandaʼu?
42 Maana Daudi mwenyewe anasema katika Zaburi: Bwana alimwambia Bwana wangu: Keti mkono wa kulia,
Daawit mataan isaa iyyuu kitaaba faarfannaa keessatti akkana jedha; “‘Gooftichi Gooftaa kootiin akkana jedhe; “Karaa mirga koo taaʼi;
43 mpaka niwaweke adui zako chini ya miguu yako. '
hamma ani diinota kee, ejjeta miilla keetii siif godhutti.”’
44 Daudi anamwita Kristo 'Bwana', basi atakuwaje mwana wa Daudi?”
Daawit ‘Gooftaa’ jedhee isa waama. Yoos inni akkamitti ilma isaa taʼuu dandaʼa ree?”
45 Watu wote walipokuwa wakimsikiliza akawaambia wanafunzi wake,
Utuu namoonni hundinuu isa dhagaʼaa jiranuu, Yesuus barattoota isaatiin akkana jedhe;
46 'Jihadharini na waandishi, wapendao kutembea wamevaa mavazi marefu, na wapenda salamu maalum sokoni na viti vya heshima katika masinagogi, na maeneo ya heshima karamuni.
“Barsiistota seeraa irraa of eeggadhaa. Isaan uffata dhedheeraa uffatanii nanaannaʼuu fi gabaa keessattis nagaa gaafatamuu, manneen sagadaa keessatti taaʼumsa ulfinaa, lafa cidhaatti immoo iddoo ulfinaa jaallatu.
47 Wao pia hula nyumba za wajane, na wanajifanya wanasali sala ndefu. Hawa watapokea hukumu kubwa zaidi. '
Isaanis mana haadha hiyyeessaa saamanii onsu; of argisiisuuf jedhaniis kadhannaa dheeressu. Namoonni kunneen adaba guddaa adabamu.”

< Luka 20 >