< Mambo ya Walawi 3 >

1 Kama mtu atoa dhabihu ambayo ni matoleo ya amani ya mnyama kutoka katika kundi, dume au jike, lazima atatoa mnyama asiyena kasoro mbele ya Bwana.
“‘Kennaan nama tokkoo yoo aarsaa nagaa taʼe, namichi sunis karra loonii keessaa horii tokko, korma yookaan dhalaa yoo dhiʼeesse, inni horii hirʼina hin qabne fuula Waaqayyoo duratti haa dhiʼeessu.
2 Ataweka mikono yake juu ya sadaka yake na atamchinja mbele ya mlango wa hema ya kukutania. Kisha wana wa Haruni makuhani watanyunyizia damu yake katika pande za madhabahu.
Namichi sun mataa kennaa isaa irra harka isaa haa kaaʼu; balbala dunkaana wal gaʼii durattis haa qalu. Ergasii immoo ilmaan Aroon luboonni sun dhiiga horii sana iddoo aarsaa sanatti gama hundaan haa facaasan.
3 Mtu akitoa dhabihu ya amani itolewayo kwa moto kwa ajili ya Bwana. Mafuta yanayofunika au yanayoungana na hizo sehemu za ndani,
Innis aarsaa nagaa irraa aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu haa fidu; kunis moora miʼa garaa haguuguu fi kan itti maxxanu hunda,
4 figo mbili na mafuta yaliyofunika kiunoni na yanayozunguka ini, pamoja na figo atayatoa pamoja.
kalee lamaanii fi moora isaan irra jiru kan mudhiitti dhiʼaatu, haguuggii tiruu kan namichi kaleedhaan walitti qabee baasu faʼa.
5 Wana wa Haruni watayachoma hayo katika madhabahu pamoja na sadaka ya kutekezwa, juu ya kuni zilizo kwenye moto. Zitaleta harufu nzuri mbele ya Bwana; itakuwa sadaka ya itolewayo kwake kwa moto.
Ergasiis ilmaan Aroon waan kana aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Waaqayyotti tolu godhanii iddoo aarsaa irratti aarsaa gubamu kan qoraan bobaʼu irra jiru irratti haa guban.
6 Kama dhabihu ya amani ya mtu itolewayo kwa Bwana ni kutoka katika mifugo ni mbuzi au kondoo ni dume au jike, atatoa dhabihu isiyo na kasoro.
“‘Inni yoo bushaayee keessaa horii tokko akka aarsaa nagaatti Waaqayyoof dhiʼeesse, korma yookaan dhalaa hirʼina hin qabne haa dhiʼeessu.
7 Kama atatoa mwanakondoo kwa ajili ya dhabihu yake, atamtoa mbele za Bwana.
Inni yoo xobbaallaa hoolaa dhiʼeesse, fuula Waaqayyoo duratti haa dhiʼeessu.
8 Ataweka mkono wake juu ya ya kichwa cha dhabihu yake na atamchinja mbele ya hema ya kukutania. Ndipo wana wa Haruni watanyunyizia damu pande za madhabahu.
Namichi sunis mataa kennaa isaa irra harka isaa kaaʼee balbala dunkaana wal gaʼii duratti haa qalu. Ergasii immoo ilmaan Aroon dhiiga horii sanaa iddoo aarsaa irratti gama hundaan haa facaasan.
9 Mtu akitoa sadaka ya dhabihu ya amani kama sadaka ya kusogezwa kwa moto kwa Bwana. Mafuta, mafuta ya mkia yatakatwa hapo karibu na mfupa wa kiuno, na mafuta yanayofunika matumbo na mafuta yaliyo katika matumbo,
Innis aarsaa nagaa sana irraa qalma ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu haa fidu; kunis cooma isaa, duboo isaa kan lafee dugdaatti dhiʼeeffamee kutame hunda, moora miʼa garaa haguuguu fi kan itti maxxanu hunda,
10 na figo zote mbili na mafuta yanayofunika yaliyo karibu na kiuno kitambi kilicho karibu na ini na figo ataziondoa zote.
kalee lamaanii fi moora isaan irra jiru kan mudhiitti dhiʼaatu, haguuggii tiruu kan namichi kaleedhaan walitti qabee baasu faʼi.
11 Na kuhani atayatekeza yote kwa moto katika madhabahu kama sadaka ya chakula isogezwayo kwa moto kwa Bwana.
Lubni sunis waan kana nyaata godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu; nyaanni kunis aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamuu dha.
12 Kama matoleo ya mtu ni mbuzi, ndipo ataitoa mbele ya Bwana.
“‘Yoo kennaan isaa reʼee taʼe, inni fuula Waaqayyoo duratti haa dhiʼeessu.
13 Ataweka mikono yake juu ya kichwa cha mbuzi na atamchinja mbele ya hema ya kukutania. Ndipo wana wa Haruni watanyunyizia damu pande zote za madhabahu.
Namichi sun mataa reʼee sanaa irra harka isaa kaaʼee fuula dunkaana wal gaʼii duratti haa qalu. Ergasii immoo ilmaan Aroon dhiiga horii sanaa iddoo aarsaa irratti gama hundaan haa facaasan.
14 Mtu akitoa dhabihu kwa Bwana kwa njia ya moto. Ataondoa mafuta yanayozunguka matumbo, na mafuta yote yanayozunguka matumbo.
Innis waan dhiʼeessu keessaa kennaa kana kennaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu godhee haa dhiʼeessu; kunis moora miʼa garaa haguuguu fi kan itti maxxanu hunda,
15 Ataondoa pia figo mbili na mafuta yanayozunguka, ambayo yanazunguka kiuno na kitambi cha maini pamoja na figo.
kalee lamaanii fi moora isaan irra jiru kan mudhiitti dhiʼaatu, haguuggii tiruu kan namichi kaleedhaan walitti qabee baasu faʼi.
16 Kuhani atateketeza yote juu ya madhabahu kama matoleo ya chakula yatolewayo kwa moto, ni sadaka ya kuleta harufu nzuri sana. Mafuta yote ni ya Bwana.
Lubni sunis waan kana nyaata godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu; kunis aarsaa urgaaʼaa ibiddaan dhiʼeeffamuu dha. Coomni hundinuu kan Waaqayyoo ti.
17 Itakuwa ni amri ya kudumu kwa kizazi cha watu katika maeneo yote mtakapotengeneza makazi, kwamba hamtakula mafuta au damu.”'
“‘Isin cooma tokko illee yookaan dhiiga tokko illee hin sooratinaa; wanni kun lafa isin jiraattan hundatti dhaloota dhufuuf jiru keessatti seera hin geeddaramnee dha.’”

< Mambo ya Walawi 3 >