< Waamuzi 11 >
1 Yeftha Mgileadi alikuwa shujaa mwenye nguvu, lakini alikuwa mwana wa kahaba. Gileadi alikuwa baba yake.
Yiftaan namichi gosa Giliʼaad sun goota ture. Abbaan isaa Giliʼaad jedhama; haati isaa immoo sagaagaltuu turte.
2 Mke wa Gileadi pia alizaa wanawe wengine. Wana wa mkewe walipokua, walimlazimisha Yeftha aondoke nyumbani na kumwambia, “Huwezi kurithi chochote kutoka katika familia yetu. Wewe ni mwana wa mwanamke mwingine.”
Niitiin Giliʼaadis Giliʼaadiif ilmaan deesse; isaanis yommuu guddatanitti Yiftaadhaan, “Ati waan dubartii biraa irraa dhalatteef dhaala tokko illee maatii keenya irraa hin argattu” jedhanii isa ariʼan.
3 Basi Yeftha akaondoka toka kwa ndugu zake, akaishi katika nchi ya Tobu. Watu wasiokuwa na sheria waliungana na Yeftha na wakaja na kwenda pamoja naye.
Kanaafuu Yiftaan obboloota isaa duraa baqatee biyya Xoob jedhamu keessa jiraate; gareen kashlabbootaa naannoo isaatti walitti qabamanii isa duukaa buʼan.
4 Siku kadhaa baadaye, wana wa Amoni walipigana na Israeli.
Yeroo xinnoo booddee, yommuu Amoononni saba Israaʼelitti waraana kaasanitti,
5 Wana wa Amoni walipopigana na Israeli, wazee wa Gileadi wakaenda kumleta Yeftha kutoka nchi ya Tobu.
maanguddoonni Giliʼaad Yiftaa barbaacha gara Xoob deeman.
6 Wakamwambia Yeftha, “Njoo uwe kiongozi wetu ili tupigane na wana wa Amoni.”
Isaanis, “Akka nu Amoonota waraanuu dandeenyuuf kottuu ajajaa nuu taʼi” jedhaniin.
7 YEphtha akawaambia viongozi wa Gileadi, “mlinichukia na kunilazimisha kuondoka nyumbani kwa baba yangu. Kwa nini mnakuja kwangu sasa munapokuwa na shida?”
Yiftaanis, “Isin na jibbitanii mana abbaa kootii na hin ariinee? Amma yommuu rakkattan maaliif na bira dhuftu?” isaaniin jedhe.
8 Wazee wa Gileadi wakamwambia Yeftha, “Ndiyo sababu tunakugeukia sasa; njoo pamoja nasi pigana na watu wa Amoni, na wewe utakuwa kiongozi juu ya wote wanaoishi Gileadi.
Maanguddoonni Giliʼaadis, “Nu sababii kanaaf gara kee dhufneerra; Amoonota waraanuudhaaf nu faana kottu; nu warra Giliʼaad keessa jiraannu hunda irrattis hoogganaa ni taataa” jedhaniin.
9 Yeftha akawaambia wazee wa Gileadi, “Ikiwa mnanirejesha nyumbani tena ili kupigana na wana wa Amoni, na kama Bwana atatupa ushindi juu yao, nitakuwa kiongozi wenu.”
Yiftaanis, “Yoo isin akka ani Amoonota waraanuuf biyya kootti na deebiftanii Waaqayyos dabarsee harka kootti isaan kenne, dhugumaan ani hoogganaa keessan nan taʼaa?” jedheen.
10 wazee wa Gileadi wakamwambia Yeftha, “Bwana awe shahidi kati yetu ikiwa hatutafanya kama tunavyosema!”
Maanguddoonni Giliʼaadis deebisanii, “Waaqayyo dhuga baʼaa keenya; dhugumaan nu akkuma ati jette goona” jedhaniin.
11 Yeftha akaenda pamoja na wazee wa Gileadi, nao watu wakamfanya awe msimamizi na mkuu juu yao. Alipokuwa mbele ya Bwana huko Mizpa, Yeftha akarudia ahadi zote alizozifanya.
Kanaafuu Yiftaan maanguddoota Giliʼaad wajjin qajeele; sabni Giliʼaadis hoogganaa fi abbaa duulaa isa godhate. Innis iddoo Miisphaa jedhamutti waan duraan dubbate hundumaa irra deebiʼee fuula Waaqayyoo duratti dubbate.
12 Ndipo Yeftha akatuma wajumbe kwa mfalme wa wana wa Amoni, akisema, “Ni nini mgogoro huu kati yetu? Kwa nini umekuja kwa nguvu kuchukua ardhi yetu?”
Yiftaan gara mootii Amoonotaatti ergamoota ergee, “Ati kan biyya keenya waraantuuf rakkina maalii nurraa qabda?” jedheen.
13 Mfalme wa wana wa Amoni akawajibu wajumbe wa Yeftha, “Kwa sababu Israeli walipopanda kutoka Misri, walichukua nchi yangu toka Arnoni hata Yaboki, mpaka Yordani. Sasa rudisha ardhi hizo kwa amani.”
Mootiin Amoonotaas ergamoota Yiftaatiin, “Sababii Israaʼeloonni yeroo Gibxii baʼanitti biyya koo kan Arnoonii fi Yaaboq gidduu jiruu fi biyya koo kan hamma Yordaanositti jiru fudhataniif ani waan kana godheera; kanaafuu amma karaa nagaan naa deebisaa” jedhe.
14 Yefta akatuma tena wajumbe kwa mfalme wa wana wa Amoni,
Yiftaanis gara mootii Amoonotaatti deebisee ergamoota isaa erge;
15 akasema, “Yefita asema hivi, Israeli hawakuchukua nchi ya Moabu na nchi ya wana wa Amoni;
akkanas jedhe: “Yiftaan akkana jedha: Israaʼel biyya Moʼaab yookaan biyya Amoonota hin fudhanne.
16 lakini walitoka Misri, na Israeli wakaenda kupitia jangwa hadi Bahari ya Shamu na Kadeshi.
Garuu yeroo Gibxii baʼanitti Israaʼeloonni gammoojjii keessa gara Galaana Diimaa, achii immoo gara Qaadesh dhufan.
17 Israeli walipomtuma wajumbe kwa mfalme wa Edomu, wakisema, 'Tafadhali tunaomba ruhusa tupite katika nchi yako,' mfalme wa Edomu hakuwasikiliza. Wakawatuma wajumbe kwa mfalme wa Moabu, lakini akakataa. Basi Israeli wakakaa Kadeshi.
Israaʼelis gara mootii Edoomitti, ‘Akka ani biyya kee keessaan darbu naa eeyyami’ jedhee ergamoota erge; mootiin Edoom garuu hin dhageenye. Gara mootii Moʼaabittis akkasuma ergan; inni illee ni dide. Kanaafuu Israaʼel Qaadesh keessa ture.
18 Kisha wakapitia jangwani, wakaondoka katika nchi ya Edomu, na nchi ya Moabu; wakavuka upande wa mashariki wa nchi ya Moabu, wakapanga ng'ambo ya Arnoni. Lakini hawakuingia mpaka wa Moabu, maana Arnoni ilikuwa mpaka wa Moabu.
“Itti aansees gammoojjii keessa darbee biyya Edoomii fi biyya Moʼaab irra naannaʼee karaa baʼa biyya Moʼaabiin darbee gama kaaniin Arnoon cina qubate. Garuu sababii Arnoon daarii Moʼaab turteef isaan biyya Moʼaab hin seenne ture.
19 Israeli wakatuma wajumbe kwa Sihoni, mfalme wa Waamori, ambaye alitawala huko Heshboni; Israeli akamwambia, 'Tafadhali, tunaomba tupite katika nchi yako hata mahali petu.'
“Ergasiis Israaʼel Sihoon mooticha Amoorotaa kan Heshboon bulchaa ture sanatti ergamoota ergee, ‘Akka nu biyya kee keessa gara biyya keenyaatti dabarru nuu eeyyami’ jedheen.
20 Lakini Sihoni hakumwamini Israeli apite katika eneo lake. Basi Sihoni akakusanya jeshi lake lote, akalipeleka Yahasa, na huko akapigana na Israeli
Sihoon garuu akka inni karaa biyya isaatiin darbu Israaʼelin hin amanne. Kanaafuu inni namoota isaa walitti qabatee Yaahizaa keessa qubatee Israaʼelin lole.
21 Bwana, Mungu wa Israeli, akamtia Sihoni na watu wake wote mkononi mwa Israeli, nao wakawashinda. Basi Israeli wakachukua nchi yote ya Waamori waliokaa katika nchi hiyo.
“Waaqayyo Waaqni Israaʼelis Sihoonii fi namoota isaa hunda dabarsee harka Israaʼelitti kenne; Israaʼeloonnis jara moʼatan; kanaafuu Israaʼeloonni biyya Amoorota achi jiraatan hundaa fudhatan;
22 Wachukua kila kitu ndani ya wilaya ya Waamori, kutoka Arnoni hadi Yaboki, na kutoka jangwani hadi Yordani.
qabeenya biyya Amoor kan Arnoonii hamma Yaaboqitti akkasumas kan gammoojjii hamma Yordaanositti jiru hunda fudhatan.
23 Basi, Bwana, Mungu wa Israeli, amewafukuza Waamori mbele ya watu wake Israeli, na sasa mnataka kuimiliki nchi yao?
“Yoos erga Waaqayyo Waaqni Israaʼel fuula saba Israaʼel duraa Amoorota ariʼee baasee ati fudhachuudhaaf mirga maalii qabdaa?
24 Je, huwezi kuchukua nchi ambayo Kemoshi, mungu wako, anakupa? Kwa hiyo nchi yoyote Bwana, Mungu wetu, ametupa, tutachukua.
Ati waan Kemoosh Waaqni kee siif kennu hin fudhattuu? Nus akkasuma waan Waaqayyo Waaqni keenya nuu kenne kam iyyuu ni fudhanna.
25 Sasa wewe ni bora zaidi kuliko Balaki, mwana wa Sipori, mfalme wa Moabu? Je, alidai kuwa na hoja na Israeli? Je, yeye amewahi kupigana vita dhidi yao?
Ati Baalaaq mootii Moʼaab ilma Ziphoori sana ni caaltaa? Inni takkumaa Israaʼel waraaneeraa? Yookaan loleeraa?
26 Wakati Israeli walipoishia miaka mia tatu huko Heshboni na vijiji vyake, na Aroeri na vijiji vyake, na katika miji yote iliyo karibu na Arnoni, kwa nini hamkuwachukua tena wakati huo?
Israaʼeloonni waggaa dhibba sadii Heshboon, Aroʼeer, qubatawwan naannoo sanaatii fi magaalaawwan naannoo Arnoon qabatanii turaniiru. Ati yeroo sanatti maaliif deebiftee hin fudhatin?
27 Sijawafanyia vibaya, lakini mnanifanyia vibaya kwa kunishambulia. Bwana, mwamuzi, ataamua leo kati ya wana wa Israeli na wana wa Amoni.
Ani yakka sitti hin hojjenne; ati garuu waraana natti kaasuudhaan na miiteerta. Kanas Waaqayyo, abbaan murtii ammuma kana kaʼee Israaʼelootaa fi Amoonota gidduutti murtii haa kennu.”
28 Lakini mfalme wa wana wa Amoni akakataa onyo alilotumiwa na Yeftha.
Mootiin Amoonotaa garuu ergaa Yiftaan isatti ergeef gurra hin kennine.
29 Basi, Roho wa Bwana akamjia Yeftha, akapita Gileadi na Manase, akapitia Mizpa ya Gileadi, na kutoka Mispa ya Gileadi akapita kwa wana wa Amoni.
Kana irratti Hafuurri Waaqayyoo Yiftaa irra buʼe. Innis Giliʼaadii fi Minaasee keessa darbee Miisphaa ishee Giliʼaad keessa jirtu sana keessa qaxxaamuree Amoonotatti duule.
30 Yeftha akaahidi kwa Bwana, akasema, “Ikiwa utanipa ushindi juu ya wana wa Amoni,
Yiftaan akkana jedhee Waaqayyoof wareege; “Yoo ati Amoonota dabarsitee harka kootti kennite,
31 chochote kinachotoka mlangoni mwa nyumba yangu kunijia mimi nitakaporudi kwa amani kutoka kwa wana wa Amoni kitakuwa cha Bwana; Nami nitatoa hiyo sadaka ya kuteketezwa.”
yommuu ani moʼadhee deebiʼutti wanni mana kootii na simachuudhaaf jalqabatti baʼuu kam iyyuu kan Waaqayyoo ti; anis qalma gubamu godhee isa nan dhiʼeessa.”
32 Basi Yeftha akapita kwa wana wa Amoni ili kupigana nao, naye Bwana akampa ushindi.
Ergasiis Yiftaan Amoonota waraanuuf baʼe; Waaqayyos isaan dabarsee harka isaatti kenne.
33 Akawashinda na kusababisha mauaji makubwa kutoka Aroeri hadi miji ishirini na miwili-na Abeli Keramimu. Basi wana wa Amoni waliwekwa chini ya uangalizi wa watu wa Israeli.
Innis Aroʼeerii jalqabee magaalaawwan digdama hamma naannoo Miiniititti akkasumas hamma Abeel Keraamiimitti argaman guutumaan guutuutti barbadeesse. Amoononnis akkasiin Israaʼelootaaf bulan.
34 Yeftha alifika nyumbani kwake huko Mizpa, na binti yake akatoka kumlaki na ngoma na kucheza. Alikuwa mtoto wake pekee, na badala yake hakuwa na mwana wa kiume wala binti.
Yeroo Yiftaan gara Miisphaatti mana isaatti deebiʼetti, intalli isaa dibbee rukutaa sirbaa isa simachuuf baate! Isheen intala tokkittii inni qabu turte. Inni ishee malee ilmas taʼu intala biraa hin qabu ture.
35 Mara tu alipopomwona, alirarua nguo zake akasema, 'Loo! Binti yangu! Umenivunja kwa huzuni, na umekuwa mtu anayenisababishia maumivu yangu! Kwa maana nimeapa kwa Bwana, wala siwezi kurudisha ahadi yangu.
Innis yommuu ishee argetti wayyaa isaa tarsaasee, “Wayyoo! Yaa mucattii koo! Na balleessite; dhiphina keessa na galchite; ani wareega cabsuu hin dandeenye Waaqayyoof wareegeeraatii” jedhee booʼe.
36 Akamwambia, “Baba yangu, umeweka ahadi kwa Bwana, unifanyie kila kitu ulichoahidi; kwa kuwa Bwana amekulipia kisasi juu ya adui zako, wana wa Amoni.”
Isheenis akkana jette; “Yaa abbaa ko, ati Waaqayyoof kakatteerta; sababii Waaqayyo diinota kee Amoonota haaloo siif baʼeef, ati waan waadaa galte sana anaan guutadhu.
37 Akamwambia baba yake, “Hebu ahadi hii ihifadhiwe kwa ajili yangu. Niache kwa miezi miwili, nipate kuondoka na kwenda kwenye vilima na kuomboleza juu ya ubikira wangu, mimi na wenzangu.”
Garuu waan tokko naa eeyyami; sababii ani siʼachi hin heerumneef akka ani michoota koo wajjin gaarran irra naannaʼee durbummaa kootiif booʼuuf jiʼa lama naa kenni.”
38 Akasema, “Nenda.” Alimtuma kwa muda wa miezi miwili. Akamwondoa, yeye na wenzake, nao wakauomboleza ubikira wake katika milimani.
Innis, “Dhaquu dandeessa” jedheen. Akka isheen jiʼa lamaaf deemtus eeyyameef. Isheenis waan siʼachi heerumuu hin dandeenyeef dubarran michoota ishee wajjin gaarranitti ol baatee boosse.
39 Mwishoni mwa miezi miwili alirudi kwa baba yake, ambaye alifanya kulingana na ahadi ya aliyoifanya. Sasa alikuwa hajalala na mwanaume, na ikawa desturi katika Israeli
Jiʼa lamaa booddees gara abbaa isheetti deebite; innis akkuma wareege sana godhe. Isheen durba turte. Yeroo sanaa jalqabee wanni kun Israaʼeloota biratti bartee taʼee
40 kwamba binti za Israeli kila mwaka, kwa siku nne, waweze kurejea hadithi ya binti ya Yeftha Mgileadi.
durboonni Israaʼel wagguma waggaan baʼanii guyyaa afur intala Yiftaa namicha Giliʼaad sanaa gaddaan yaadatu.