< Yuda 1 >

1 Yuda, mtumwa wa Yesu Kristo, na ndugu yake Yakobo, kwa wale ambao wameitwa, wapendwao katika Mungu Baba, na waliotunzwa kwa ajili ya Yesu Kristo:
Yihuudaa obboleessa Yaaqoob garbicha Yesuus Kiristoos irraa, Gara warra waamamanii Waaqa Abbaadhaan jaallataman kanneen Yesuus Kiristoosiin eegamaniitti:
2 rehema na amani na upendo viongezwe kwenu.
Araarri, nagaanii fi jaalalli isiniif haa baayʼatu.
3 Wapenzi, wakati nilipokuwa nikifanya kila juhudi kuwaandikia ninyi kuhusu wokovu wetu sote, ilinilazimu kuwaandikia kwa ajili ya kuwashauri ili mshindanie kwa uaminifu imani ambayo ilikuwa imekabidhiwa mara moja tu kwa waamini.
Yaa michoota, ani waaʼee fayyina nu walii wajjin qooddannu kanaa isiniif barreessuuf guddisee nan hawwan ture; garuu akka isin amantii yeroo tokko bara baraan qulqulloota Waaqaatti imaanaa kenname sanaaf jabaattanii loltaniif isiniif barreessee isin gorsuun barbaachisaa natti fakkaate.
4 Kwa sababu watu fulani wamejiingiza kwa siri kati yenu - watu ambao walitiwa alama kwa ajili ya hukumu - watu wasio wataua ambao hubadili neema ya Mungu wetu kuwa ufisadi, na kumkana Bwana wetu pekee na Bwana Yesu Kristo.
Namoonni bara dheeraan dura murtii kanaaf murteeffaman tokko tokko looʼanii gidduu keessan seenaniiruutii. Isaanis namoota Waaqaaf hin bulle, warra ayyaana Waaqa keenyaa gara halalummaatti geeddaran kanneen Gooftaa Ol aanaa tokkicha jechuunis Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosin gananii dha.
5 Sasa napenda kuwakumbusha ninyi ingawa kuna wakati mlijua kwa ukamilifu kwamba Bwana aliwaokoa watu kutoka nchi ya Misri, lakini baadaye kuwaangamiza wale ambao hawakuamini.
Yoo isin duraanuu waan kana hunda beektan illee, ani akka Gooftaan yeroo tokko saba isaa Gibxii baasee ergasii immoo warra hin amanin balleesse isin yaadachiisuu nan barbaada.
6 Na malaika ambao hawakuilinda enzi yao wenyewe lakini wakaacha makao yao maalum Mungu amewaweka katika minyororo ya milele, ndani ya giza, kwa ajili ya hukumu ya siku ile kuu. (aïdios g126)
Innis ergamoota sadarkaa taayitaa isaanii irra hin turin, kanneen lafa jireenya isaanii dhiisan sana foncaa bara baraatiin hidhee hamma murtii Guyyaa guddaa sanaatti dukkana keessa turseera. (aïdios g126)
7 Kama vile Sodoma na Gomora na miji iliyoizunguka, ambayo pia ilijiingiza yenyewe katika uasherati na wakafuata tamaa isiyo ya asili. Walioneshwa kama mifano ya wale ambao huteseka katika hukumu ya moto wa milele. (aiōnios g166)
Sodoomii fi Gomoraan, magaalaawwan naannoo isaanii jiranis akkasuma halalummaa fi hawwii foonii kan haala uumamaatiin ala taʼetti dabarsanii of kennaniiru. Isaanis warra adaba ibidda bara baraatiin adabamaniif fakkeenya taʼaniiru. (aiōnios g166)
8 Hali kadhalika, kwa njia ile ile waota ndoto hawa pia huchafua miili yao, na hukataa mamlaka, na wananena uongo dhidi ya mtukufu.
Haaluma wal fakkaatuunis namoonni abjootan kunneen foon ofii isaanii xureessu; gooftummaa ni tuffatu; ulfina qabeeyyii illee ni arrabsu.
9 Lakini hata Mikaeli malaika mkuu, wakati alipokuwa akishindana na ibilisi na kuhojiana naye kwa ajili ya mwili wa Musa, hakuthubutu kuleta hukumu ya uongo dhidi yake, lakini badala yake alisema, “Bwana akukemee!”
Garuu Miikaaʼel hangafni ergamoota Waaqaa iyyuu yeroo waaʼee reeffa Musee irratti diiyaabiloosiin walitti falmanitti, “Gooftaan si haa ifatu!” jedhe malee isa arrabsuudhaan itti muruuf ija hin jabaanne.
10 Lakini watu hawa huleta uongo dhidi ya chochote wasicho kifahamu. Na kile wasicho kifahamu- kile ambacho wanyama wasio na akili hujua kwa silika- haya ndiyo yaliyo waharibu.
Namoonni kunneen garuu waanuma hin hubanne arrabsu; waan isaan akkuma bineensota waa yaaduu hin dandeenyeetti miiraan hubatantu isaan balleessa.
11 Ole wao! Kwa kuwa wametembea katika njia ya Kaini, na kulifuata kosa la Balaamu. Wameangamia katika uasi wa Kora.
Isaaniif wayyoo! Isaan karaa Qaayin irra deeman; faayidaa argachuuf jedhanii dogoggora Balaʼaam keessa of buusan; fincila Qooraahiitiinis ni barbadaaʼan.
12 Hawa ni miamba katika sherehe zenu za upendo, wakisherehekea bila aibu, wakijilisha tu wenyewe. Ni mawingu yasiyo na maji, yanayobebwa na upepo, ni miti iliyopukutika isiyo na matunda iliyo kufa mara mbili, iliyong'olewa mizizi
Namoonni kunneen utuma xuraaʼoo taʼanii jiranuu qaanii tokko malee cidha jaalalaa isin wajjin nyaatu; isaan tiksoota ofuma isaanii qofa sooranii dha. Isaan akkuma duumessa bokkaa hin qabne kan bubbeen asii fi achi oofuu ti; akkuma muka yeroo itti ija naqachuu qabutti ija dhabee buqqifamee dachaa lama duʼee ti.
13 Ni mawimbi ya bahari yenye kelele yakitoa aibu yao wenyewe, Ni nyota zinazorandaranda ambazo weusi wa giza umetunzwa kwa ajili yao milele. (aiōn g165)
Isaan warra akka dambalii galaanaa hoomacha qaanii isaanii baasanii dha; akkuma urjiiwwan asii fi achi jooran kanneen dukkanni limixiin hamma bara baraatti isaanii kaaʼamee ti. (aiōn g165)
14 Enoko, wa saba katika orodha ya Adamu, alitabiri kuhusu wao, akisema, “Tazama! Bwana anakuja na maelfu kwa maelfu ya watakatifu wake,
Henook inni Addaam irraa jalqabee torbaffaa ture sun akkana jedhee waaʼee namoota kanaa raajii dubbateera: “Kunoo, Gooftaan qulqulloota isaa kumaatama wajjin ni dhufa;
15 ili afanye hukumu juu ya kila mtu, na kutia hatia wote wasiomcha Mungu juu ya matendo yao yote waliyokwishafanya katika njia zisizo za kitauwa, na kwa maneno yote ya ukali ambayo wasio watauwa wameyanena dhidi yake.”
innis nama hundatti muruuf, warra Waaqaaf hin bulle kanneen karaa Waaqni hin jaallanneen waan Waaqni hin jaallanne hojjetan hundaa fi dubbii hamaa cubbamoonni Waaqaaf hin bulle hundinuu isa irratti dubbatan hundatti isaan gaafachuuf ni dhufa.”
16 Hawa ni wale wanung'unikao, walalamikao ambao hufuata tamaa zao za uovu, wajivunao mno, ambao kwa faida yao hudanganya wengine.
Namoonni kunneen yeroo hunda ni guungumu; komiis ni qabaatu; hawwii isaanii isa hamaa duukaa buʼu; of jaju; faayidaa argachuuf jedhaniis nama saadu.
17 Lakini ninyi, wapenzi, kumbukeni maneno ambayo yalinenwa zamani na mitume wa Bwana Yesu Kristo.
Yaa michoota, isin garuu waan ergamoonni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos duraan dursanii himan sana yaadadhaa.
18 Walisema kwenu, “Katika wakati wa mwisho kutakuwa na watu wanaodhihaki ambao hufuata tamaa zao zisizo za kitauwa.”
Isaanis, “Qoostonni hawwii fedhii Waaqaatiin ala taʼe duukaa buʼan bara dhumaa keessa ni dhufu” isiniin jedhan.
19 Watu hawa ni watenganishaji, wanatawaliwa na tamaa za asili, na hawana Roho.
Namoonni kunneen warra gargar baʼuu uuman, warra hawwii foonii duukaa buʼanii fi warra Hafuura Qulqulluu hin qabnee dha.
20 Lakini ninyi, wapenzi, kama mjijengavyo katika imani yenu takatifu sana, na kama muombavyo katika Roho Mtakatifu,
Isin garuu yaa michoota, amantii keessan kan waan hunda irra qulqulluu taʼe sana irratti of ijaaraa; Hafuura Qulqulluudhaanis kadhadhaa.
21 jitunzeni katika upendo wa Mungu, na msubiri rehema ya Bwana wetu Yesu Kristo ambayo huwapatia uzima wa milele. (aiōnios g166)
Araarri Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos jireenya bara baraatti akka isin geessu eeggachaa jaalala Waaqaatiin of eegaa. (aiōnios g166)
22 Onesheni rehema kwa wale walio na shaka.
Warra shakkii qabaniif garaa laafaa;
23 Waokoeni wengine kwa kuwanyakua kutoka katika moto. Kwa wengine onesheni huruma kwa hofu, mkichukia hata vazi lililotiwa doa na mwili.
Warra kaan ibidda keessaa butaatii oolchaa; kaan immoo uffata hawwii fooniitiin xureeffame iyyuu balfaatii sodaadhaan isaan maaraa.
24 Sasa kwake awezaye kuwalinda msijikwae, na kuwasababisha msimame mbele ya utukufu wake, bila mawaa na kuwa na furaha kuu,
Isa gufachuu isin oolchuu dandaʼuu fi isa fuula ulfina isaa duratti hirʼina malee, gammachuu guddaadhaan isin dhiʼeessuu dandaʼu sanaaf,
25 kwake Mungu pekee mwokozi kupitia Yesu Kristo Bwana wetu, utukufu uwe kwake, ukuu, uwezo na nguvu kabla ya nyakati zote, na sasa na hata milele. Amina. (aiōn g165)
Fayyisaa keenya Waaqa tokkichaaf ulfinni, surraan, humnii fi taayitaan karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin bara hundumaan dura, amma, bara baraanis haa taʼu! Ameen. (aiōn g165)

< Yuda 1 >