< Yoshua 23 >

1 Na baada ya siku nyingi, kipindi ambacho Yahweh alikuwa ameipa Israeli pumziko kutoka maadui zao waliowazunguka,
Erga barri dheeraan darbee Waaqayyos diinota isaan marsan hunda irraa Israaʼeloota boqochiisee booddee Iyyaasuun bara dheeraa jiraatee dulloome;
2 Joshua alikuwa mzee sana. Yoshua aliwaita Waisraeli wote, na wazee wao, na viongozi, na waamuzi, na kwa maafisa, na kisha akawaambia, “Mimi nimezeeka sana.
innis Israaʼeloota hunda jechuunis maanguddoota isaanii, hooggantoota isaanii, abbootii murtii isaaniitii fi qondaaltota isaanii ofitti waamee akkana jedheen: “Kunoo ani bara dheeraa jiraadhee dulloomeera.
3 Mmeshaona kila kitu ambacho Yahweh Mungu wenu ameshafanya kwa mataifa haya yote kwa ajili yenu, kwa kuwa ni Yahweh Mungu wenu ambaye amewapigania ninyi.
Isin mataan keessanuu waan Waaqayyo Waaqni keessan isiniif jedhee saboota kana godhe hundumaa argitaniirtu; Waaqayyo Waaqa keessantu isiniif lole.
4 Tazama! Nimeshawakabidhi kwenu mataifa yaliyosalia ili kuyateka kwa ajili ya kupata urithi ya makabila yenu, sambasamba na mataifa yote ambayo tayari nimeshayaangamiza, tangu Yordani hadi Bahari kuu katika upande wa magharibi.
Akka ani itti biyya saboota hafanii jechuunis biyya saboota ani Yordaanosii jalqabee hamma lixa Galaana Guddichaatti moʼadhe sanaa hunda gosoota keessaniif dhaala godhee kenne mee yaadadhaa.
5 Yahweh Mungu wenu atayaondoa. Atayafukuzia mbali kutoka kwenu. Ataiteka nchi yao, nanyi mtaimiliki nchi yao, kama vile Yahweh Mungu wenu alivyowaahidi ninyi.
Waaqayyo Waaqni keessan mataan isaa iyyuu fuula keessan duraa ariʼee isaan baasa. Inni fuula keessan duraa dhiibee isaan baasa; isin immoo akkuma Waaqayyo Waaqni keessan isin abdachiise sanatti biyya isaanii qabattu.
6 Hivyo, iweni jasiri, ili kwamba mtunze na kuyafanya yale yote yaliyoandikwa katika kitabu cha sheria ya Musa, msikengeuke upande wa kulia wala upande wa kushoto,
“Jabaadhaa dhaabadhaa; akka waan Kitaaba Seera Musee keessatti barreeffame hunda, utuu gara mirgaatti yookaan bitaatti hin jalʼatin jabeessaa eegaa.
7 basi msichanganyikane na mataifa haya ambayo yamesalia miongoni mwenu, wala msiyataje majina ya miungu yao, wala msiape kwayo, wala msiiabudu, wala msiipigie magoti.
Saboota gidduu keessanitti hafan kanneenitti hin makaminaa; maqaa waaqota isaanii hin dhaʼinaa yookaan ittiin hin kakatinaa. Waaqota sana hin tajaajilinaa yookaan isaaniif hin sagadinaa.
8 Badala yake, mnatakiwa kumshika sana Yahweh Mungu wenu kama vile mlivyofanya siku hii ya leo.
Garuu akkuma hamma harʼaatti gochaa turtan sana jabaadhaa Waaqayyo Waaqa keessanitti maxxanaa.
9 Kwa kuwa Yahweh ameyafukuzia mbali mbele yenu mataifa makubwa yenye nguvu. Hakuna hata mmoja aliyeweza kusimama mbele yenu hata siku hii ya leo.
“Waaqayyo saboota gurguddaa fi humna qabeeyyii fuula keessan duraa ariʼee baaseera; hamma ammaatti namni tokko iyyuu isin dura dhaabachuu hin dandeenye.
10 Mtu yeyote mmoja wa kwenu atawafanya watu elfu wakimbie mbali, kwa kuwa Yahweh Mungu wenu, ndiye anayepigania ninyi, kama vile alivyowaahidi.
Sababii Waaqayyo Waaqni keessan akkuma waadaa gale sana isinii loluuf namni keessan tokkichi nama kuma tokko ariʼa.
11 Zingatieni kwa uangalifu ili mmpende Yahweh Mungu wenu.
Kanaafuu Waaqayyo Waaqa keessan cimsaa jaalladhaa.
12 Lakini kama mkiegeuka na kushikamana na watu walioalia wa mataifa haya waliobaki miongoni mwenu, au kuoana nao, au kama mkishirikiana pamoja nao, na wao pamoja nanyi,
“Garuu yoo isin karaa irraa jalʼattanii hambaa saboota gidduu keessan jiraatan kanneeniitti maxxantan, yoo isin isaaniin walfuutanii isaanitti makamtan,
13 jueni kwa hakika kwamba Yahweh Mungu wenu hatayafukuzia mbali mataifa haya yatoke kati yenu. Badala yake, watakuwa kitanzi na mtego kwenu, viboko migongoni mwenu na miiba machoni mwenu, mpaka pale mtakapoangamia katika nchi hii nzuri ambayo Yahweh Mungu wenu amewapeni ninyi.
akka Waaqayyo Waaqni keessan siʼachi saboota kanneen isin duraa ariʼee hin baafne beekkadhaa. Qooda kanaa isaan hamma isin biyya gaarii Waaqayyo Waaqni keessan isiniif kenne kana keessaa dhumtanitti iddaa fi kiyyoo isinitti taʼu; dugda keessanitti qaccee, ija keessanittis qoraattii taʼu.
14 Na sasa ninaenda katika njia ya dunia yote, na mnajua kwa moyo na roho zenu zote kwamba hakuna hata neno moja ambalo halijatimia kati ya mambo yote mazuri ambayo Yahweh Mungu wenu aliyaahidi juu yenu. Vitu hivi vyote vimetokea kwa ajili yenu. Hakuna hata moja lililoshindikana.
“Kunoo ani karaa lafa hundaa deemuufin jira. Akka waadaa gaarii Waaqayyo Waaqni keessan isiniif gale hunda keessaa tokko iyyuu utuu hin guutamin hafee hin jirre isin garaa keessan guutuu fi lubbuu keessan guutuudhaan ni beektu. Waadaan hundi guutameera; tokko iyyuu hin hirʼanne.
15 Lakini kama kila neno ambalo Yahweh Mungu wenu alilowaahidi limekwisha kutimia, hivyo Yahweh atawaletea juu yenu mabaya yote mpaka pale atakapokuwa amewaangamiza katika nchi hii nzuri ambayo Yahweh Mungu wenu amewapeni ninyi.
Garuu akkuma waadaan gaariin Waaqayyo Waaqa keessanii hundi guutame sana, Waaqayyo akkasuma waan hamaa ittiin isin sodaachise sana hunda hamma biyya gaarii isinii kenne kana irraa isin fixutti isinitti fida.
16 Atafanya hivi kama mtalivunja agano la Yahweh Mungu wenu, ambalo aliwaagizeni kulitunza. Kama mtaenda na kuiabudu miungu mingine na kuiinamia, ndipo hasira ya Yahweh itawaka kinyume nanyi, na ninyi mtaangamia upesi katika nchi nzuri ambayo amekwisha kuwapeni ninyi.”
Yoo isin kakuu Waaqayyo Waaqni keessan isin ajaje cabsitanii dhaqxanii waaqota biraa tajaajiltanii fi isaaniif sagaddan dheekkamsi Waaqayyoo isinitti bobaʼa; isinis biyya gaarii inni isinii kenne sana irraa daftanii ni baddu.”

< Yoshua 23 >