< Yoshua 1 >
1 Sasa ilitokea baada ya kufa kwa Musa, mtumishi wa Yahweh, Yahweh alimwambia Yoshua, mwana wa Nuni, msaidizi mkuu wa Musa, kusema,
Erga Museen garbichi Waaqayyoo sun duʼee booddee Waaqayyo akkana jedhee Iyyaasuu ilma Nuuni gargaaraa Musee sanatti dubbate:
2 “Musa, mtumishi wangu amekufa. Sasa basi inuka, vuka mto huu wa Yordani, wewe na watu hawa wote, kuingia katika nchi ambayo ninawapa - watu waisraeli.
“Garbichi koo Museen duʼeera. Egaa amma atii fi sabni kun hundinuu gara biyya ani isaaniif, Israaʼelootaaf kennuuf jiruutti galuuf Laga Yordaanos ceʼuuf qophaaʼaa.
3 Nimewapa ninyi kila sehemu ambapo nyayo za miguu yenu itakanyaga. Nimewapa ninyi, kama nilivyomwahidi Musa.
Anis akkuma Museef waadaa gale sanatti iddoo miilli keessan gaʼe hunda isiniifan kenna.
4 kuanzia jangwani na Lebanoni, hadi mto mkubwa wa Frati, nchi yote ya Wahiti, na hata Bahari kuu, ambako jua huzama, itakuwa nchi yenu.
Daangaan keessanis gammoojjiidhaa jalqabdee hamma Libaanoonitti, lagicha guddaa Efraaxiisii jalqabdee biyya Heetotaa hunda keessa baatee karaa dhiʼaatiin hamma Galaana Guddaatti balʼatti.
5 Hakuna mtu awaye yote atakayeweza kusimama kinyume chako siku zote za maisha yako. Nitakuwa pamoja nawe kama nilivyokuwa na Musa. Sitakupungukia wala kukuacha.
Bara jireenya keetii guutuu namni si dura dhaabachuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. Ani akkuman Musee wajjin ture sana si wajjinis nan taʼa; ani gonkumaa si hin gatu yookaan si hin dhiisu.
6 Uwe hodari na jasiri. Wewe utawafanya watu hawa wairithi nchi ambayo niliwaahidi baba zao kuwa ningewapa.
Ati sababii akka isaan biyya ani abbootii isaaniitiif kennuuf kakadhe sana dhaalaniif saba kana hoogganuuf cimi; ija jabaadhus.
7 Uwe hodari na jasiri sana. uwe makini kutii sheria zote ambazo Musa mtumishi wangu alikuagiza. Usikengeuke upande wa kulia au wa kushoto, ili uweze kufanikiwa kila mahali utakapoenda.
“Cimi; ija jabaadhus. Seera garbichi koo Museen siif kenne hundumaaf of eeggannaadhaan ajajami; akka gara deemtu hundumatti siif milkaaʼuufis mirgatti yookaan bitaatti hin gorin.
8 Siku zote uuongee juu ya kitabu hiki cha sheria. Utakitafakari mchana na usiku ili kwamba uweze kutii yote yaliyoandikwa humo. Kisha utastawi na kufanikiwa.
Kitaabni Seeraa kun afaan keetii hin buʼin. Waan isa keessatti barreeffame hunda gochuuf akka of eeggattuufis halkanii guyyaa itti yaadi. Akkasiinis ati ni badhaata; ni milkooftas.
9 Je si mimi niliyekuagiza? Uwe hadori na jasiri! Usiogope. Usivunjike moyo. Yahweh Mungu wako yuko pamoja nawe kila uendeko.
Ani akkana jedhee si hin ajajnee? Cimi; ija jabaadhus. Waan Waaqayyo Waaqni kee iddoo ati deemtu hundumatti si wajjin taʼuuf, hin sodaatin; abdiis hin kutatin.”
10 Kisha Yoshua akawaagiza viongozi wa watu,
Kanaafuu Iyyaasuun akkana jedhee qondaaltota sabaa ajaje:
11 “Nendeni katika kambi na waagizeni watu, 'andaeni chakula kwa ajili yenu. Baada ya siku tatu mtavuka mto huu wa Yordani na kuingia ndani na kuimiliki nchi ambayo Yahweh Mungu wenu awapeni ninyi ili kuimiliki.””
“Qubata keessa dedeemaatii namootaan, ‘Galaa keessan qopheeffadhaa. Isin biyya Waaqayyo Waaqni keessan isinii kennuuf jiru sana dhaala ofii keessanii gootanii fudhachuuf bultii sadii keessatti Yordaanos ni ceetu.’”
12 Yoshua akawaambia Wareubeni, Wagadi na nusu ya kabila la Manase,
Iyyaasuun garuu gosa Ruubeeniin, gosa Gaadiitii fi walakkaa gosa Minaaseetiin akkana jedhe:
13 “Kumbukeni maneno ambayo Musa, mtumishi wa Yahweh, aliwaaagiza aliposema, 'Yahweh Mungu wenu awapeni ninyi pumziko, naye awapeni ninyi nchi hii.'
“Ajaja garbichi Waaqayyo Museen isinii kenne sana yaadadhaa; ‘Waaqayyo Waaqni keessan boqonnaa isinii kenna; biyya kanas isinii kenneera.’
14 Wake zenu, na watoto wenu na mifugo yenu itakaa katika nchi ambayo Musa aliwapa ninyi ng'ambo ya Yordani. Lakini watu wenu wa vita wataenda pamoja na ndugu zao na kuwasaidia.
Niitonni keessan, ijoolleen keessanii fi horiin keessan biyya Museen gama baʼa Yordaanos isinii kenne keessa haa turan; garuu namoonni keessan warri lolaaf qophaaʼan hundi obboloota keessan dura gamatti haa ceʼan. Isin obboloota keessan gargaaruu qabdu;
15 Mpaka hapo Yahweh atakapowapa ndugu zenu pumziko kama alivyowapa ninyi. Na wao pia watamiliki nchi ambayo Yahweh Mungu wenu awapeni ninyi. Kisha mtarudi katika nchi yenu na kuimiliki, nchi ambayo Musa mtumishi wa Yahweh aliwapa ninyi ng'ambo ya Yordani, mahali pa mapambazuko ya jua.”
hamma Waaqayyo akkuma isinii godhe sana isaaniifis boqonnaa kennee isaanis biyya Waaqayyo Waaqni keessan isaanii kennu dhaalanitti isaan gargaaruu qabdu. Ergasii deebitanii biyya keessan kan Museen garbichi Waaqayyo sun gama baʼa Yordaanositti karaa baʼa biiftuu isinii kenne sana ni dhaaltu.”
16 Nao wakamjibu Yoshua, na kusema, “Mambo yote uliyotuagiza tutayafanya, na kila mahali utakapotutuma tutaenda.
Isaanis akkana jedhanii Iyyaasuuf deebii kennan; “Nu waan ati nu ajajje kam iyyuu ni hojjenna; gara ati nu ergitu kam iyyuus ni deemna.
17 Tutakutii kama tulivyomtii Musa. Yahweh Mungu wako na awe pamoja nawe tu kama aliyokuwa pamoja na Musa.
Nu akkuma Museedhaaf guutumaan guutuutti ajajamne sana siifis akkasuma ni ajajamna. Waaqayyo Waaqni kee garuu akkuma Musee wajjin ture sana si wajjinis haa taʼu.
18 Yeyote anayeasi maagizo yako na kutotii maneno yako atauawa. Uwe hodari na jasiri tu.
Namni ajaja keetti finciluu fi dubbii ati karaa kamiin iyyuu isa ajajjeef hin ajajamne hundi haa ajjeefamu. Ati qofti cimi; ija jabaadhus!”