< Yohana 4 >

1 Basi Yesu alipofahamu kuwa Mafarisayo wamesikia kuwa Yesu alikuwa anafuasa na kuwabatiza zaidi ya Yohana,
Egaa Yesuus Yohannis caalaa barattoota akka baayʼifatee fi akka cuuphe Fariisonni dhagaʼuu isaanii Gooftaan ni beeke;
2 (ingawa Yesu mwenyewe alikuwa habatizi ila wanafunzi wake),
taʼus barattoota isaatu cuuphaa ture malee Yesuus ofii isaatii hin cuuphine.
3 alitoka Judea na akaenda Galilaya.
Inni Yihuudaa dhiisee amma illee Galiilaatti deebiʼe.
4 Hivyo ilikuwa muhimu kupitia Samaria.
Innis Samaariyaa keessa darbuu qaba ture.
5 Na akafika kwenye mji wa Samaria, unaoitwa Sikari, karibu na eneo ambalo Yakobo alimpa mwanae Yusufu.
Kanaafuu gara magaalaa Samaariyaa kan Siikaar jedhamu tokkoo dhufe; magaalaan sunis lafa Yaaqoob ilma isaa Yoosefiif kenne sanatti dhiʼoo dha.
6 Na kisima cha Yakobo kilikuwa hapo. Yesu alikuwa amechoka kwa ajili ya safari na akakaa karibu na kisima. Ilikuwa muda wa mchana.
Boolli bishaanii kan Yaaqoob tokko achi ture; Yesuusis waan karaa deemuudhaan dadhabeef boolla bishaanii sana bira taaʼe. Yeroonis gara saʼaatii jaʼaa ture.
7 Mwanamke Msamaria alikuja kuteka maji, na Yesu akamwambia, “Nipe maji ninywe.”
Dubartiin Samaariyaa tokkos bishaan waraabbachuu dhufte; Yesuusis, “Mee na obaasi” jedheen.
8 Kwa sababu wanafunzi wake walikuwa wameenda zao mjini kununua chakula.
Barattoonni isaa nyaata bituuf gara magaalaa dhaqanii turaniitii.
9 Yule mwanamke akamwambia, “Inakuaje wewe Myahudi, kuniomba mimi mwanamke Msamaria, kitu cha kunywa?” Kwa sababu Wayahudi hawachangamani na Wasamaria.
Dubartiin Samaariyaa sunis Yesuusiin, “Ati utuu Yihuudii taatee jirtuu akkamitti ‘na obaasi’ jettee ana dubartii Samaariyaa kadhatta?” jetteen. Yihuudoonni warra Samaariyaa wajjin walitti dhufeenya hin qaban tureetii.
10 Yesu akamjibu, “Kama ungelijua karama ya Mungu, na yule anayekuambia 'Nipe maji, ' ungelimwomba, na angelikupa maji ya uzima.”
Yesuusis deebisee, “Kennaa Waaqaatii fi inni, ‘na obaasi’ siin jedhu kun eenyu akka taʼe utuu beektee silaa situ isa kadhata ture; innis bishaan jireenyaa siif kenna ture” jedheen.
11 Mwanamke akajibu, “Bwana hauna ndoo ya kuchotea, na kisima ni kirefu. Utayapata wapi Maji ya Uzima?
Dubartittiinis akkana jetteen; “Yaa gooftaa, ati waan ittiin waraabbattu hin qabdu; boolli bishaanii kunis gad fagoo dha. Yoos bishaan jireenyaa eessaa argatta?
12 Je wewe ni mkuu, kuliko baba yetu Yakobo, ambaye alitupa kisima hiki, na yeye mwenyewe na watoto wake pamoja na mifugo yake wakanywa maji ya kisima hiki?”
Ati abbaa keenya Yaaqoob isa boolla bishaanii kana nuu kenne caalta moo? Inni mataan isaa, ijoolleen isaatii fi horiin isaa boolla bishaanii kana keessaa dhugaa turan.”
13 Yesu akajibu, “Yeyote anywae maji haya atapata kiu tena,
Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Namni bishaan kana dhugu hundinuu deebiʼee ni dheebota;
14 lakini yeye atakaye kunywa maji nitakayompa hatapata kiu tena. Badala yake maji nitakayompa yatakuwa chemchemi inayobubujika hata milele.” (aiōn g165, aiōnios g166)
garuu namni bishaan ani isaaf kennu dhugu kam iyyuu gonkumaa hin dheebotu. Bishaan ani isaaf kennu isa keessatti burqaa bishaanii isa jireenya bara baraatiif burqu ni taʼa.” (aiōn g165, aiōnios g166)
15 Yule mwanamke akamwambia, “Bwana, nayaomba maji hayo ili nisipate kiu, na nisihangaike kuja hapa kuchota maji.”
Dubartittiinis, “Yaa Gooftaa, akka ani hin dheebonneef, bishaan waraabuufis akka ani as hin dhufneef bishaan sana naa kenni” jetteen.
16 Yesu akamwambia, “Nenda kamwite mumeo, kisha urudi.”
Yesuus immoo, “Dhaqiitii dhirsa kee waamii kottu!” jedheen.
17 Mwanamke akamwambia, “Sina mume.” Yesu akajibu, “Umesema vyema, 'Sina mume;'
Dubartittiin, “Ani dhirsa hin qabu” jetteen. Yesuusis akkana jedheen; “Dhirsa hin qabu jechuun kee sirrii dha;
18 kwa maana umekuwa na wanaume watano, na mmoja ambaye unaye sasa sio mume wako. Katika hili umesema kweli!”
ati dhirsoota shan qabda turteetii; namichi amma si wajjin jirus dhirsa kee miti. Wanni ati amma dubbate dhugaa dha.”
19 Mwanamke akamwambia, “Bwana naona yakuwa wewe ni nabii.
Dubartittiinis akkana jette; “Yaa Gooftaa, akka ati raajii taate nan hubadha.
20 Baba zetu waliabudu katika mlima huu. Lakini ninyi mwasema ya kuwa Yerusalemu ndiyo sehemu ambayo watu wanapaswa kuabudu.”
Abbootiin keenya tulluu kana irratti sagadaa turan; isin Yihuudoonni garuu iddoon namni itti waaqeffachuu qabu Yerusaalem jettu.”
21 Yesu akamjibu, “Mwanamke, niamini, wakati unakuja ambapo hamtamwabudu Baba katika mlima huu au Yerusalemu.
Yesuusis akkana jedheen; “Dubartii nana, na amani; yeroon isin itti tulluu kana irrattis taʼu yookaan Yerusaalemitti Abbaa hin waaqeffanne tokko ni dhufa.
22 Ninyi watu mwaabudu kile msichokijua, lakini sisi twaabudu tunachokijua, kwa sababu wokovu watoka kwa Wayahudi.”
Isin waan hin beekne waaqeffattu; nu sababii fayyinni Yihuudoota keessaa dhufuuf kan beeknu waaqeffanna.
23 Hatahivyo, wakati unakuja, na sasa upo hapa, wakati waabuduo kweli watamwabudu Baba katika roho na kweli, kwa sababu Baba anawatafuta watu wa namna hiyo kuwa watu wake wanao mwabudu.
Warri dhugaan waaqeffatan yeroon isaan itti hafuuraa fi dhugaadhaan Abbaa waaqeffatan tokko ni dhufa; amma iyyuu dhufeera; Abbaan warra akkasitti isa waaqeffatan barbaada.
24 Mungu ni Roho, na wale wanaomwabudu wanapaswa kumwabudu kwa roho na kweli.”
Waaqni hafuura; warri isa waaqeffatanis Hafuuraa fi dhugaadhaan waaqeffachuu qabu.”
25 Mwanamke akamwambia, “Ninajua kuwa Masihi anakuja, (aitwaye Kristo). Huyo atakapokuja atatwambia yote.”
Dubartittiinis, “Ani akka Masiihiin Kiristoos jedhamu dhufu nan beeka. Inni yommuu dhufutti waan hunda nutti hima” jetteen.
26 Yesu akamwambia, “Mimi unayesema nami ndiye.”
Yesuusis, “Ani, namni amma sitti dubbachaa jiru kun isuma” jedheen.
27 Wakati huo huo wanafunzi wake wakarudi. Nao walishangaa kwa nini alikuwa akizungumza na mwanamke, lakini hakuna aliyethubutu kumuuliza, “Unataka nini?” au “Kwa nini unazungumza naye?”
Barattoonni isaa yommusuma deebiʼanii utuu inni dubartii tokko wajjin dubbatuu arganii dinqisiifatan. Garuu namni, “Maal barbaadda?” yookaan “Maaliif ishee wajjin haasofta?” jedhee isa gaafatu tokko iyyuu hin turre.
28 Hivyo mwanamke akauacha mtungi wake na akaenda mjini na akawambia watu,
Dubartiin sunis okkotee ishee dhiiftee gara magaalaatti deebite; namootaanis akkana jette;
29 “Njooni mwone mtu aliyeniambia mambo yangu yote niliyoyatenda, je yawezekana akawa ndiye Kristo?”
“Kottaatii nama waan ani hojjedhe hunda natti hime tokko ilaalaa! Tarii inni Kiristoos taʼinnaa?”
30 Wakatoka mjini wakaja kwake.
Isaanis magaalaa keessaa baʼanii Yesuus bira dhufan.
31 Wakati wa mchana wanafunzi wake walimsihi wakisema, “Rabi kula chakula.”
Kana gidduutti barattoonni isaa, “Yaa barsiisaa, mee waa nyaadhu!” jedhanii isa kadhatan.
32 lakini yeye aliwambia, “Mimi ninacho chakula msichokijua ninyi.”
Inni garuu, “Ani nyaata isin hin beekne kanan nyaadhu qaba” jedheen.
33 Wanafunzi wakaambizana, hakuna aliyemletea kitu chochotekula,”Je walileta?”
Barattoonni isaas, “Namatu nyaata fideefii laata?” jedhanii wal gaafatan.
34 Yesu akawambia, “Chakula changu ni kufanya mapenzi yake yeye aliyenituma na kutimiza kazi yake.
Yesuus immoo akkana jedheen; “Nyaanni koo fedhii isa na ergee guutuu fi hojii isaa raawwachuu dha.
35 Je, hamsemi, 'Bado miezi mitano na mavuno yatakuwa tayari?' Ninawambieni tazameni mashamba yalivyo tayari kwa mavuno!
Isin, ‘Jiʼa afurtu hafe; ergasii midhaan walitti qabama’ jettu mitii? Kunoo, ani isinittan hima; akka midhaan bilchaatee walitti qabamuu gaʼe mee ol jedhaatii lafa qotiisaa ilaalaa!
36 Yeye avunaye hupokea mishahara na kukusanya matunda kwa ajili ya uzima wa milele, ili kwamba yeye apandaye naye avunaye wafurahi pamoja. (aiōnios g166)
Inni midhaan haamu amma iyyuu mindaa ni argata; jireenya bara baraatiif ija walitti ni qaba; kunis akka inni facaasuu fi inni walitti qabu waliin gammadaniif. (aiōnios g166)
37 Kwa kuwa msemo huu ni wa kweli, 'Mmoja apanda na mwingine avuna.'
Haala kanaan mammaaksi, ‘Inni tokko ni facaasa; kaan immoo ni haama’ jedhu sun dhugaa dha.
38 Niliwatuma kuvuna ambacho hamkukihangaikia, Wengine wamefanya kazi na ninyi mmeingia katika furaha ya kazi yao.”
Ani akka isin waan itti hin dadhabin haammattaniifan isin erge. Warri kaan itti dadhabaniiru; isin garuu buʼaa dadhabbii isaanii galfattu.”
39 Wasamaria wengi katika mji ule walimwani kwa sababu ya taarifa ya yule mwanamke aliyekuwa akishuhudia, “Aliyeniambia mambo yote niliyoyafanya.”
Sababii dubartittiin, “Inni waan ani hojjedhe hunda natti hime” jettee dhugaa baateef namoonni Samaariyaa warri magaalaa sanaa baayʼeen isatti amanan.
40 Hivyo Wasamaria walipokuja walimsihi akae pamoja nao na akakaa kwao kwa siku mbili.
Kanaafuu namoonni Samaariyaa yommuu gara isaa dhufanitti akka inni isaan wajjin turuuf isa kadhatan; innis guyyaa lama achi ture.
41 Na wengi zaidi wakamwamini kwa sababu ya neno lake.
Sababii dubbii isaatiinis namoonni biraa baayʼeen isatti amanan.
42 Wakamwambia yule mwanamke, “Tunaamini sio tu kwa maneno yako, kwa sababu sisi wenyewe tumesikia, na sasa twafahamu kuwa hakika yeye ni mwokozi wa ulimwengu.”
Isaanis dubartittiidhaan, “Siʼachi wanni nu amannuuf sababii dubbii ati nutti himte sanaatiif miti; nu mataan keenya iyyuu isa dhageenyeerraatii; akka inni dhugumaan Fayyisaa addunyaa taʼes beekneerra” jedhan.
43 Baada ya siku hizo mbili, akaondoka na kuelekea Galilaya.
Guyyaa lamaan sana booddee Yesuus Galiilaa dhaqe.
44 Kwa sababu yeye mwenyewe alikuwa ametangaza kuwa nabii hana heshima katika nchi yake mwenyewe.
Yesuus mataan isaa iyyuu akka raajiin tokko biyya isaa keessatti kabaja hin qabne dubbatee tureetii.
45 Alipokuja kutoka Galilaya, Wagalilaya walimkaribisha. Walikuwa wameona mambo yote aliyoyafanya Yerusalemu kwenye sikukuu, kwa sababu na wao pia walikuwa wamehudhuria kwenye sikukuu.
Yommuu inni Galiilaa gaʼettis warri Galiilaa isa simatan. Isaanis sababii Yerusaalem turaniif waan inni yeroo Ayyaana Faasiikaatti achitti hojjete hunda arganii turan.
46 Alikuja tena Kana ya Galilaya huko alikoyabadilisha maji kuwa divai. Palikuwa na ofisa ambaye mwana wake alikuwa ni mgonjwa huko Kapernaumu.
Kanaafuu inni deebiʼee gara Qaanaa ishee Galiilaa keessaa iddoo itti bishaan gara daadhii wayiniitti geeddaree ture sanaa dhaqe. Qondaalli mootii kan ilmi isaa dhukkubsate tokkos Qifirnaahom keessa ture.
47 Aliposikia kuwa Yesu alitoka Judea na kwenda Galilaya, alienda kwa Yesu na kumsihi atelemke amponye mwanawe, ambaye alikuwa karibu kufa.
Namichi kunis yommuu akka Yesuus Yihuudaadhaa kaʼee Galiilaa dhufe dhagaʼetti isa bira dhaqee akka inni dhufee ilma isaa kan duʼuu gaʼe sana fayyisu isa kadhate.
48 Ndipo Yesu akamwambia, “Ninyi msipoona ishara na maajabu hamwezi kuamini.
Kana irratti Yesuus, “Isin yoo mallattoo fi dinqii argitan malee hin amantan!” isaan jedhe.
49 Kiongozi akasema, “Bwana shuka chini kabla mwanangu hajafa.”
Qondaaltichis, “Yaa Gooftaa, maaloo utuu mucaan koo hin duʼin naa qaqqabi” jedheen.
50 Yesu akamwambia, “Nenda mwanao ni mzima.” Yule mtu akaamini neno alilolisema Yesu na akaenda zake.
Yesuusis, “Ilmi kee ni jiraataatii gali!” jedheen. Namichis waan Yesuus isatti dubbate amanee deeme.
51 Alipokuwa akishuka, watumishi wake walimpokea na kumwambia mwana wake alikuwa mzima.
Utuu inni deemaa jiruus tajaajiltoonni isaa itti dhufanii akka ilmi isaa lubbuun jiru itti himan.
52 Hivyo akawauliza ni muda gani alipata nafuu. Wakajibu, “Jana muda wa saa saba homa ilipomwacha.”
Innis yeroo itti mucaa isaatti wayyaaʼe gaafate; isaanis, “Kaleessa saʼaatii torbatti dhagna gubaan isa dhiise” jedhaniin.
53 Ndipo baba yake akatambua kuwa ni muda ule ule Yesu aliosema, “Mwana wako ni mzima.” Hivyo yeye na familia yake wakaamini.
Abbaan mucichaas akka yeroon sun yeroo Yesuus itti, “Ilmi kee ni jiraata” jedheen taʼe hubate. Kanaafuu innis, warri mana isaa hundinuus ni amanan.
54 Hii ilikuwa ni ishara ya pili aliyoifanya Yesu alipotoka Yudea kwenda Galilaya.
Kun mallattoo lammaffaa Yesuus erga Yihuudaadhaa Galiilaa dhufee hojjetee dha.

< Yohana 4 >