< Ayubu 36 >

1 Elihu aliendelea na kusema,
Eliihuun ittuma fufee akkana jedhe:
2 “Niruhusu niseme kidogo zaidi, nami nitakuonesha baadhi ya mambo kwasababu nina maneno machache ya kusema kwa ajili ya Mungu.
“Ani akka qooda Waaqaa wanni jedhamu hedduun jiru sitti nan argisiisaatii mee xinnoo naa obsi.
3 Nitapata maarifa yangu kutoka mbali; nitatambua kwamba haki ni ya Muumba wangu.
Ani beekumsa koo fagoodhaa nan fida; qajeelummaa Uumaa kootiis nan labsa.
4 Kwa kweli, maneno yangu hayatakuwa ya uongo; mtu fulani aliyekomaa katika maarifa yu pamoja nawe.
Akka dubbiin koo soba hin taʼin mirkaneeffadhu; kan beekumsaan hirʼina hin qabne tokko si wajjin jira.
5 Angalia, Mungu ni mwenye nguvu, na hamdharau mtu yeyote; yeye ni mwenye nguvu katika uweza wa ufahamu.
“Waaqni jabaa dha; garuu eenyun iyyuu hin tuffatu; inni jabaa dha; kaayyoo isaattis cimee dhaabata.
6 Yeye huwa hayahifadhi maisha ya watu waovu bali badala yake hufanya yaliyo ya haki kwa wale wanaoteseka.
Inni hamoota hin jiraachisu; warra rakkataniif garuu murtii qajeelaa ni kenna.
7 Haondoi macho yake kwa wenye haki bali badala yake huwaweka juu ya viti vya enzi kama wafalme milele, nao wameinuliwa juu.
Ija isaa qajeeltota irraa hin buqqifatu; mootota wajjin teessoo irra isaan teessisa; bara baraanis ol isaan guddisa.
8 Ikiwa wamefungwa minyororo na kunaswa katika kamba za mateso,
Garuu yoo namoonni foncaadhaan hidhaman, yoo funyoo rakkinaatiinis hidhaman,
9 kisha huwafunulia kile walichokifanya, na maovu yao na kiburi chao.
inni hojii isaanii, daba isaan of tuulummaan hojjetanis isaanitti ni hima.
10 Hufungua pia masikio yao kwa ajili ya agizo lake, na huwaamuru wageuke kutoka katika uovu.
Inni gurra isaanii sirreeffama dhaggeeffachuuf ni bana; akka isaan waan hamaa irraa qalbii jijjiirratanis ni ajaja.
11 Ikiwa watamsikiliza na kumwabudu yeye, wataishi katika mafanikio katika siku zao, na miaka yao katika hali ya kuridhika.
Isaan yoo ajajamanii isa tajaajilan, bara jireenya isaanii badhaadhummaan, umurii isaaniis gammachuudhaan fixatu.
12 Hata hivyo, kama hawatasikiliza, wataangamia kwa upanga; watakufa kwasababu hawana maarifa.
Yoo ajajamuu baatan garuu, goraadeedhaan badu; beekumsa malees ni duʼu.
13 Na wale wasiomjua Mungu hutunza hasiria zao katika mioyo; hawaombi msaada hata wakati ambapo Mungu huwafunga.
“Warri garaan isaanii Waaqa irraa fagaate, aarii of keessatti kuufatu; yommuu inni foncaan isaan hidhutti illee gargaarsa barbaachaaf hin iyyan.
14 Hawa hufa katika ujana wao; na maisha yao hukoma kati ya makahaba.
Isaan dargaggummaa isaanii keessa duʼu; jireenyi isaaniis xuraaʼota gidduutti bada.
15 Mungu huwainua watu walioonewa kwa njia ya mateso yao; hufungua masikio yao kwa njia ya uonevu wao.
Inni garuu warra dhiphatan dhiphina isaanii keessaa baasa; rakkoo isaanii keessattis isaanitti dubbata.
16 Kwa hakika, yeye angependa kuwatoa ninyi katika mateso na kuwaweka katika sehemu pana ambapo hakuna masumbufu na mahali ambapo meza yenu ingewekwa ikiwa na chakula kilichojaa mafuta.
“Inni dhiphina keessaa si baasee gara lafa balʼaa dhiphina hin qabneetti, maaddii coomaan guutametti si geessa.
17 Lakini wewe umejaa hukumu juu ya watu waovu; hukumu na haki umeziachilia.
Amma garuu murtiin hamootaaf malu sirra tuulameera; murtii fi haqni si qabataniiru.
18 Usiuache utajiri ukuvute katika udanganyifu; na sehemu kubwa ya rushwa isikugeuze upande kutoka katika haki.
Akka badhaadhummaan si hin gowwoomsine of eeggadhu; akka baayʼinni mattaʼaas karaa irraa si jalʼisu hin godhin.
19 Je utajiri wako waweza kukunufaisha, ili kwamba usiwe katika taabu, au nguvu zako zote za uwezo zaweza kukusaidia?
Badhaadhummaan kee yookaan tattaaffiin kee guddaan sun hundi rakkoo irraa si eeguu dandaʼaa?
20 Usiutamani usiku ili utende dhambi dhidi ya wengine wakati ambapo mataifa hukatiliwa mbali katika nafasi zao.
Halkan itti namoonni mana isaaniitii buqqifaman hin hawwin.
21 Uwe mwangalifu ili kwamba usigeukie dhambi kwasababu unajaribiwa kwa mateso ili kwamba ukae mbali na dhambi.
Ati akka hamminatti hin deebine of eeggadhu; qooda rakkinaa waan kana filatteertaatii.
22 Angalia, Mungu ameinuliwa katika nguvu zake; ni nani aliye mwalimu kama yeye?
“Kunoo Waaqni humna isaatiin ol ol jedheera; barsiisaan akka isaa eenyu?
23 Ni nani alishamwalekeza njia yake? Nani anayeweza kumwambia, 'Wewe umetenda mambo yasiyo ya haki?'
Namni karaa isatti himu, yookaan kan, ‘Ati dogoggorteerta’ isaan jedhu eenyu?
24 Kumbuka kuyasifu matendo yake, ambayo watu wameyaimba.
Hojii isaa kan namoonni faarfannaadhaan jajan sana, leellisuu hin dagatin.
25 Watu wote wameshayatazama hayo matendo, lakini wanayaona tu matendo hayo kwa mbali sana.
Namni hundinuu argeera; tokkoon tokkoon namaas fagootti xiyyeeffatee ilaala.
26 Tazama, Mungu ni mkuu, lakini sisi hatumfahamu yeye vizuri; hesabu ya miaka yake haihesabiki.
Dhugumaan Waaqni guddaa dha; nus isa hin beeknu; baayʼina bara isaas namni beekuu hin dandaʼu.
27 Kwa kuwa yeye huvuta matone ya maji ili kuyachuja kama mvua katka mvuke wake,
“Inni copha bishaanii ol baasa; hurrii isaas walitti qabee bokkaatti geeddara.
28 ambayo mawingu yake huyamwaga chini na kuyandondosha kwa wingi kwa mwanadamu.
Duumessis jiidha isaa gad coccobsa; bokkaan guddaanis namatti rooba.
29 Hakika, kuna hata mmoja awezaye kuelewa kwa undani kusambaa kwa mawingu na radi kutoka katika nyumba yake?
Eenyutu akka inni itti duumessoota diriirsu, akka inni itti dunkaana isaa keessaa qaqawweessaʼus hubachuu dandaʼa?
30 Angalia, hueneza mwanga wake kumzunguka na kufunika mizizi ya bahari.
Akka inni itti bakakkaa naannoo isaatti bittinneessu, akka inni itti tuujuba galaanaa illee haguugu ilaali.
31 Kwa namna hii huyahukumu mataifa na kuwapa chakula kwa wingi.
Kun haala inni ittiin saboota bulchuu fi nyaata baayʼinaan isaaniif kennuu dha.
32 Yeye huuijaza mikono yake kwa mwanga mpaka pale anapouamuru kupiga shabaha yake.
Inni harka isaa bakakkaadhaan ni guuta; akka bakakkaan sun iddoo akeeka isaa dhaʼus ni ajaja.
33 Na muungurumo wake huonya kwa dhoruba, wanyama wanaweza kusikia kuja kwake.
Kakawween isaa akka bakakkaan dhufu labsa; looni iyyuu akka inni dhiʼaate beeksisu.

< Ayubu 36 >