< Ayubu 22 >
1 Kisha Elifazi Mtemani akajibu na kusema,
Eliifaaz Teemaanichi akkana jedhee deebise:
2 Je mtu anaweza kumfaa Mungu “Je mwenye hekima anaweza kufaa kwake.
“Namni Waaqa fayyaduu dandaʼaa? Namni ogeessi iyyuu maal isa fayyada?
3 Je inafurahisha kwa Mwenyezi ikiwa u mwenye haki? Je ni faida yake ukiyafanya safi maisha yako?
Yoo ati nama qajeelaa taate wanni kun Waaqa Waan Hunda Dandaʼuuf gammachuu maalii kenna? Yoo karaan kee hirʼina qabaachuu baates inni buʼaa maalii argata?
4 Je ni kwa sababu ya uchaji wako kwake hata akukemee na kukuadhibu?
“Wanni Waaqni sitti dheekkamee murtiitti si dhiʼeessuuf waan ati isa sodaattuufii?
5 Je si kwa sababu ya wingi wa uovu wako? Je hakuna mwisho wa makosa yako?
Hamminni kee guddaa dha mitii? Cubbuun kees dhuma hin qabu mitii?
6 Kwa maana umechukua dhamana kutoka kwa ndugu yako bila sababu; umechukua mavazi ya mtu na kumwacha uchi.
Ati sababii malee obboloota kee irraa qabdii fudhatteerta; namoota irraa uffata baaftee qullaa isaan hambifteerta.
7 Haukuwapa wenye kiu maji ya kunywea; umewanyima chakula wenye njaa
Warra dadhaban bishaan hin obaafne; kanneen beelaʼanis nyaata dhowwatteerta;
8 japokuwa wewe, mwenye uwezo, uliimiliki nchi, japokuwa wewe, mwenye kuheshimiwa, uliishi ndani yake.
namni humna qabu biyya qabaata; kan ulfina qabus keessa jiraata.
9 Umewaacha wajane waondoke bila kitu; umewatesa yatima.
Ati dubartoota dhirsoonni irraa duʼan harka duwwaa gad dhiifte; irree ijoollee abbaa hin qabnees ni cabsite.
10 Kwa hiyo, mabaya yanakuzunguka, na hofu za ghafla zinakusumbua.
Kanaafuu kiyyoon si marseera; sodaan tasaas si qabateera.
11 Kuna giza, hata usione; gharika inakufunika.
Akka ati hin argineef ifni kee dukkanaaʼeera; lolaan bishaaniis sirra garagala.
12 Je Mungu hayupo juu mbinguni? Anaangalia juu ya nyota, jinsi zilivyo juu!
“Waaqni samii keessa ol fagoo jiraata mitii? Inni urjiiwwan ol fagoo jiran illee hammam akka ol fagaatan of jalatti gad ilaala!
13 Unasema, 'Mungu anajua nini? Je anaweza kuamua kupitia giza totoro?
Ati garuu akkana jetta; ‘Waaqni maal beeka? Inni dukkana akkasii keessatti murtii kennaa?
14 Mawingu ni kifuniko chake, hata asituone; anatembea anga la mbinguni.'
Yommuu inni bantii samii irra deemu, akka inni nu hin argineef duumessi gobbuun isa haguuga.’
15 Je utayaishi maisha ya zamani walioishi waovu -
Ati daandii durii kan namoonni hamoon irra deeman duukaa buutaa?
16 walioondolewa kabla ya siku zao, ambao misingi yao imeondolewa kama mto,
Isaan utuu yeroon isaanii hin gaʼin fudhataman; hundeen isaanis lolaadhaan haxaaʼame.
17 waliomwambia Mungu, 'Ondoka kwetu'; waliosema, 'Mwenyezi anaweza kututenda nini?
Isaanis Waaqaan, ‘Nu dhiisi! Waaqni Waan Hunda Dandaʼu maal nu gochuu dandaʼa?’ jedhan.
18 Hata hivyo bado alizijaza nyumba zao kwa mema; mipango ya waovu iko mbali nami.
Garuu kan mana isaanii waan gaariin guute isuma; kanaafuu ani gorsa hamootaa irraa nan fagaadha.
19 Wenye haki wanayaona yawapatayo waovu na kufurahi; wasio na hatia wanawacheka kwa dhihaka.
Qajeelonnis badiisa isaanii arganii ni gammadu; warri balleessaa hin qabnes akkana jedhanii isaanitti qoosu;
20 Wanasema, 'Bila shaka walioinuka kinyume chetu wameondolewa; moto umeteketeza mali zao.'
‘Dhugumaan amajaajonni keenya balleeffamaniiru; qabeenya isaaniis ibiddi barbadeesseera.’
21 Basi patana na Mungu na uwe na amani naye; kwa njia hiyo, mema yatakujia.
“Waaqaan walii gali; isa wajjinis nagaan jiraadhu; haala kanaanis wanni gaariin siif dhufa.
22 Nakusihi, pokea, maelekezo yake; uyatii maneno yake.
Afaan isaatii qajeelfama fudhadhu; dubbii isaa illee garaatti qabadhu.
23 Ukimrudia Mwenyezi, utajengwa, ukiacha kutenda uovu makaoni mwako.
Yoo gara Waaqa Waan Hunda Dandaʼuutti deebite, ati ni haaromfamta; yoo dunkaana kee keessaa hammina balleessitee
24 Weka hazina zako mavumbini, dhahabu ya Ofiri kati ya mawe ya vijito,
warqee kee biyyoo keessa buufte, yoo warqee Oofiirii immoo dhagaa keessatti gatte,
25 na Mwenyezi atakuwa hazina zako, fedha ya thamani kwako.
yoos Waaqni Waan Hunda Dandaʼu warqee, meetii filatamaas siif taʼa.
26 Nawe utajifurahisha katika Mwenyezi; utamwangalia Mungu.
Ati yeroo sanatti Waaqa Waan Hunda Dandaʼutti ni gammadda; fuula kees gara Waaqaatti ol qabatta.
27 Utamwomba, naye atakusikiliza; utamtolea nadhiri.
Ati isa kadhatta; inni si dhagaʼa; ati immoo wareega kee ni baafatta.
28 Lakini pia utatamka lolote, nawe utapewa; nuru itaangaza maishani mwako.
Wanni ati murteessite ni taʼa; ifnis karaa kee irratti ni ifa.
29 Mungu humshusha mwenye kiburi, naye humwinua mnyenyekevu.
Yeroo namoonni gad qabamanitti ati immoo, ‘Ol isaan qabi!’ jetta; innis warra gad qabaman ni baraara.
30 Atamwokoa asiye na hatia; utaokolewa kupitia usafi wa mikono yako.”
Inni nama balleessaa qabu illee ni oolcha; ati qulqullummaa harka keetiitiin furamta.”