< Yeremia 12 >

1 Wewe ni mwenye haki, Bwana, wakati wowote ninapoleta mashitaka kwako. Lazima nikuambie sababu yangu ya kulalamika: Kwa nini njia za waovu hufanikiwa? Watu wote wasiokuwa na imani wanafanikiwa.
Yaa Waaqayyo yommuu ani iyyata koo fuula kee duratti dhiʼeeffadhutti ati yeroo hunda qajeelaa dha. Taʼu iyyuu ani waaʼee qajeelummaa keetii nan dubbadha; karaan jalʼootaa maaliif milkaaʼa? Warri hin amanamne hundi maaliif nagaan jiraatu?
2 Wewe uliwapanda nao wakawa na mizizi. Wanaendelea kuzaa matunda. Wewe upo karibu nao katika vinywa vyao, lakini mbali na mioyo yao.
Ati isaan dhaabde; isaanis hidda gad fageeffataniiru; ni guddatu; ijas ni naqatu. Ati yeroo hunda afaan isaaniitii hin buutu; garaa isaanii irraa garuu fagoo jirta.
3 Lakini wewe mwenyewe unanijua, Bwana. Umeona mimi na kuchunguza moyo wangu. Waondoe kama kondoo wa kuchinjwa. Ukakaweke tayari kwa siku ya kuchinjwa.
Taʼus yaa Waaqayyo ati na beekta; na ilaaltees yaada ani siif qabu ni qorta. Akka hoolaa qalamuuf deemuutti harkisii isaan geessi! Guyyaa qalmaatiifis kophaatti isaan baasi!
4 Je! Nchi itakauka kwa muda gani, na mimea katika kila shamba itaota kwa sababu ya uovu wa wenyeji wake? Wanyama na ndege wameondolewa. Hakika, watu wanasema, “Mungu hajui nini kitatokea kwetu.”
Biyyattiin hamma yoomiitti boossee margi dirree hundis goga? Sababii hammina warra biyyattii keessa jiraataniitii fi sababii namoonni, “Inni waan nurra gaʼaa jiru hin argu” jedhaniif horii fi simbirroonni dhumaniiru.
5 Bwana akasema, “Kweli, wewe, Yeremia, umetembea na askari wa miguu na wamechoka, unawezaje kushindana dhidi ya farasi? Ikiwa unashuka chini ya nchi iliyo salama, utafanyaje katika misitu karibu na Yordani?
“Ati namoota lafoo wajjin fiigdee erga isaan si dadhabsiisanii, fardeen wajjin akkamitti dorgomuu dandeessa ree? Ati biyya nagaa keessatti erga gufatte, bosona Yordaanos keessatti akkam taata ree?
6 Kwa maana hata ndugu zako na familia ya baba yako wamekudharau na kukukemea kwa sauti kubwa. Usiwaamini, hata kama wanasema mambo mazuri kwako.
Obboloonni kee, maatiin abbaa keetii, isaan iyyuu si gananiiru; isaan sagalee ol fudhatanii sitti iyyu. Yoo isaan afaan nagaa sitti dubbatan iyyuu, ati isaan hin amanin.
7 Nimeiacha nyumba yangu; Nimeacha urithi wangu. Nimewatia watu wangu wapendwa mikononi mwa adui zake.
“Ani mana koo dhiiseera; handhuuraa koos gateera; ani ishee garaan koo jaallatu sana harka diinota isheetti dabarsee kenneera.
8 Urithi wangu umekuwa kwangu kama simba katika tundu; yeye hujiweka juu yangu kwa sauti yake mwenyewe, hivyo nimemchukia.
Handhuuraan koo akkuma leenca bosonaa natti taateerti. Isheen natti aadde; kanaafuu ani ishee jibbeera.
9 Malipo yangu ya thamani ni fisi, na ndege wenye madoadoa karibu na kichwa chake. Nenda, ukakusanye viumbe vyote vilivyomo katika mashamba, na uwalete ili wale.
Handhuuraan koo akka allaattii burree kan allaattiiwwan biraa marsanii miidhan tokkoo natti hin taanee? Dhaqaatii bineensota bosonaa hunda walitti qabaa; akka ishee nyaataniifis isaan fidaa.
10 Wachungaji wengi wameharibu shamba langu la mizabibu. Wameipoteza sehemu yangu yote ya ardhi; Waligeuza sehemu yangu nzuri kuwa jangwa, ukiwa.
Tiksoonni hedduun iddoo dhaabaa wayinii kootii ni balleessu; qooda koos ni dhidhiitu; qooda natti tolus ni onsu.
11 Wamemfanya kuwa ukiwa. Ninaomboleza kwa ajili yake; yeye ni ukiwa. Nchi yote imefanywa kuwa ukiwa, kwa maana hakuna mtu aliyeweka haya moyoni mwake.
Isaan isa onsu; inni onee gara kootti iyya; namni dhimma isaa qabus waan hin jirreef lafti guutuun onee hafa.
12 Waangamizi wamekuja juu ya maeneo yote yaliyo wazi jangwani, kwa maana upanga wa Bwana unakula kutoka upande mmoja wa nchi hadi mwingine. Hakuna usalama katika nchi kwa kiumbe chochote kilicho hai.
Lafa ol kaʼaa qullaa gammoojjii keessaa hunda irra balleessitoonni ni raamʼisu; goraadeen Waaqayyoo // moggaa biyyattii tokko irraa hamma moggaa kaaniitti ni fixaatii; namni tokko iyyuu hin hafu.
13 Walipanda ngano lakini mavuno ya miiba. Wao wamechoka kutokana na kazi lakini hawajapata chochote. Basi muaibike kwa faida yenu kwa sababu ya ghadhabu ya Bwana.”
Isaan qamadii facaasu garuu qoraatii haammatu; ni dhamaʼu garuu homaa hin argatan. Sababii dheekkamsa Waaqayyoo isa cimaa sanaatiif midhaan galfatanitti ni qaanaʼu.”
14 Bwana asema hivi dhidi ya majirani zangu wote, waovu wanaopiga milki niliyowarithisha watu wangu Israeli, “Tazama, mimi ndimi ambaye nitawafukuza kutoka nchi yao wenyewe, nami nitaifuta nyumba ya Yuda kutoka kati yao.
Waaqayyo akkana jedha; “Ani olloota koo hamoo kanneen handhuuraa ani saba koo Israaʼeliif kenne qabatan hunda biyya isaanii keessaa nan buqqisa; mana Yihuudaas isaan gidduudhaa nan buqqisa.
15 Ndipo baada ya kuangamiza mataifa hayo, itatokea kwamba nitakuwa na huruma juu yao na kuwaleta tena; Nitawarudi-kila mtu kwa urithi wake na nchi yake.
Ani ergan isaan buqqisee booddee deebiʼee naʼeefii tokkoo tokkoo isaanii gara handhuuraa isaaniitii fi gara biyya ofii isaaniitti nan deebisa.
16 Kisha itakuwa ikiwa mataifa hayo yatajifunza kwa makini njia za watu wangu, kuapa kwa jina langu 'Kama Bwana anaishivyo!' vile vile kama walivyowafundishwa watu wangu kuapa kwa Baali, basi watajengwa katikati ya watu wangu.
Yoo isaan haala jireenya saba koo akka gaarii baratanii akkuma duraan saba koo Baʼaaliin kakachuu barsiisan sana, ‘Dhugaa Waaqayyo jiraataa’ jechuudhaan maqaa kootiin kakatan, isaan saba koo gidduutti ni hundeeffamu.
17 Lakini kama hakuna yeyote anayesikiliza, basi nitaling'oa taifa hilo. Kwa hakika litang'olewa na kuharibiwa-hili ndilo tamko la Bwana.”
Garuu yoo sabni kam iyyuu naa ajajamuu dide, ani guutumaan guutuutti isa nan buqqisa; nan balleessas” jedha Waaqayyo.

< Yeremia 12 >