< Isaya 60 >

1 Nyanyuka, uangaze; maana mwanga wako umekuja, na utukufu wa Yahwe umekuja kwako.
“Ifni kee dhufeeraatii kaʼii ibsi; ulfinni Waaqayyoo siif baʼeera.
2 Japokuwa giza litatanda katika nchi, na giza nene katika mataifa; Lakini Yahwe atakuja juu yenu, na utukufu wake utaonekana kwenu.
Kunoo, dukkanni lafa, dukkanni hamaan immoo uummattoota haguuga; Waaqayyo garuu siif kaʼeera; ulfinni isaas sirraa mulʼata.
3 Mataifa yatakuja kwenye mwanga wako, na wafalme katika mwanga wako mkali uliokuja
Saboonni gara ifa keetii, mootonni immoo gara ifa kee 2 isa bariitti ni dhufu.
4 Tazama na angalia pande zote. Wamekusanyika wao wenyewe kwa pamoja na wanakuja kwako. Watoto wako watatoka mbali, na binti zao watabebwa katika mikono yenu.
“Ija kee ol fudhadhuutii naannoo kee ilaali; hundinuu wal gaʼanii gara kee ni dhufu; ilmaan kee fagoodhaa, intallan kees qomatti baatamanii gara kee ni dhufu.
5 Halafu wataangalia na kuwa furaha, na moyo wako utafurahia na kufurika, maana wingi wa maji utamwagwa juu yenu, utajiri wa mataifa utakuja kwenu.
Ergasii ni ilaalta; ni calaqqiftas; lapheen kee ni dhaʼata; gammachuudhaanis ni guutama; qabeenyi galaanotaa hundinuu gara kee dhufu; badhaadhummaan sabootaas kan kee taʼa.
6 Msafara wa ngamia utawafunika ninyi, na ngamia wa Midiani na Efa; wote watakuja kutoka Sheba; wataleta dhahabu na ubani, wataimba sifa kwa Yahwe.
Gaalli baayʼeen, ilmaan gaalaa kan Midiyaanii fi kan Eefaa biyya kee ni guutu. Namoonni hundi warqee fi ixaana fidanii, galata Waaqayyoo labsaa biyya Shebaatii ni dhufu.
7 Makundi yote ya Kedari yatakusanika kwa pamoja kwako, kondoo wa Nebaioti watabeba mahitaji yako; watakubalika kutolewa sadaka katika madhebau yangu; na nitaitukuza nyumba yangu takatifu.
Bushaayeen Qeedaar hundinuu gara keetti walitti qabamu; korbeeyyiin hoolaa Nabaayot si tajaajilu; isaan iddoo aarsaa koo irratti aarsaawwan fudhatama qaban ni taʼu; anis mana ulfina kootii nan kabaja.
8 Ni nani hawa wanopaa wenyewe kama mawingu, na kama njiwa kwenye makazi yao?
“Warri akkuma gugeewwanii manneen isaaniitti barrisan, kanneen akka duumessaa gugatan kunneen eenyu faʼi?
9 Pwani itanitafuta mimi, na meli ya Tarshishi huwaongoza, huwaleta watoto wenu kutoka mbali, pamoja na fedha zao na dhahabu zao, maana jina la Yahwe Mungu wenu, na Mtakatifu wa Israeli, maana amekuheshimu wewe.
Dhugumaan biyyoonni bishaan gidduu na abdatu; sababii inni ulfina sitti uffiseef, maqaa Waaqayyo Waaqa keetii, Qulqullicha Israaʼeliitiif jedhanii dooniiwwan Tarshiish dursanii, meetii fi warqee isaanii wajjin ilmaan kee fagoodhaa ni fidu.
10 Watoto wa wageni watajenga tena kuta zenu, n awafalme wao watawatumikia ninyi; japo katika laana yangu nimewaadhibu ninyi, lakini kwa neema yangu nitawahurumia ninyi.
“Namoonni ormaa dallaa kee ni ijaaru; mootonni isaaniis si tajaajilu; Ani aariidhaan si dhaʼu illee, gara laafina koo jaalalaan sitti nan argisiisa.
11 Milango yenu itaendelea kuwa wazi; haitafungwa mchana au usiku, hivyo utajiri wa mataifa ili uweze kuletwa, pamoja na viongozi wanowaongoza.
Akka namoonni badhaadhina sabootaa gara keetti fidaniif, akka mootonni isaaniis hiriiraan gara keetti seenaniif, karrawwan kee yeroo hunda banamaa taʼu; isaan halkanii guyyaa gonkumaa hin cufaman;
12 Kweli, mataifa na falme ambayo hayatakutumikia wewe yatatoweka; mataifa hayo yataangamizwa kabisa.
Sabni yookaan mootummaan si hin tajaajille ni barbadaaʼuutii; guutummaan guutuuttis ni balleeffamu.
13 Utukufu wa Lebanoni utakuja kwako, mti wa msonobari, mtidhari, pamoja na msonobari ili kupamba madhebau yangu; na Nitalitukuza eneo la miguu yangu.
“Ulfinni Libaanoon, gaattiraan, qararoo fi hadheessi, lafa iddoo qulqulluu koo miidhagsuuf gara kee ni dhufu; anis iddoo miilli koo dhaabatu nan kabaja.
14 Watakuja kwako kukusujudia wewe, watoto wa wale wanaokunyenyekea wewe; wataisujudia miguu yako; watakuita wewe mji wa Yahwe, sayani ya Mtakatifu wa Israeli.
Ilmaan warra si cunqursanii siif sagadaa gara kee dhufu; warri si tuffatan hundinuus miilla keetti kufu; isaanis Magaalaa Waaqayyoo Xiyoon kan Qulqullicha Israaʼel jedhanii si waamu.
15 Badala yake uwepo wenu umetelekezwa na kuchukiwa, kwa kuwa hakuna hata mmoja anayepita ndani yenu, nitawafanya kuwa kitu cha kiburi milele, furaha kutoka kizazi hata kizazi.
“Yoo ati jibbamtee gatamtee namni tokko iyyuu si keessaan darbuu lagate iyyuu, ani boontuu bara baraatii fi gammachuu dhaloota hundaa sin taasisa.
16 Pia utakunywa maziwa ya mataifa, utatunzwa katika kifua cha wafalme; utajua kwamba Mimi Yahwe, Mimi ni mwokozi na mkombozi wenu, aliye Mkuu wa Israeli.
Ati aannan sabootaa ni dhugda; harma moototaas ni hoota. Yommus ani Waaqayyo Jabaan Yaaqoob, Fayyisaa kee fi Furaa kee akkan taʼe ni beekta.
17 Badala ya shaba Nitaleta dhahabu, badaia ya chuma nitaleta fedha; badala ya mbao, shabana badala ya jiwe, chuma. Nitachagua amani kwa kiongozi wenu, na haki kiongozi wenu.
Ani qooda naasii warqee, qooda sibiilaa immoo, meetii siif nan fida. Qooda mukaa naasii, qooda dhagaa immoo, sibiila siif nan fida. Nagaa mootii kee, qajeelummaa immoo, bulchaa kee nan godha.
18 Vurugu hazitasikika katika aridhi yenu, uharibifu wala uvunjaji katika mipaka yenu; lakini mtaita kuta zenu wokovu, na malngo yenu mtayaita sifa.
Siʼachi biyya kee keessatti gooliin, daarii kee keessatti immoo diigamni yookaan badiisni hin dhagaʼamu; ati garuu dallaa kee Fayyina, karrawwan kee immoo Galata jettee waamta.
19 Jua halitakuwa mwanga wenu wakati wa mchana, wala mwanga wa mwenzi wakati wa usiku hautawawakia ninyi; Lakini Yahwe atakuwa mwanga wenu wa milele, na Mungu wenu na utukufu wenu.
Siʼachi aduun guyyaadhaan, ifni jiʼaas halkaniin ifa kee hin taʼu; Waaqayyo ifa kee bara baraa taʼaatii; Waaqni kee ulfina kee ni taʼa.
20 Jua lenu halitakuewepo wala mweni utaondoshwa na kutoweka; maana Yahwe atakuwa mwanga wenu daima, na siku za maombolezo zitakwisha.
Aduun kee deebitee hin dhiitu; jiʼi kee hin badu; Waaqayyo ifa kee bara baraa ni taʼa; barri gadda kees ni raawwatama.
21 Watu wako wote watakuwa wenye haki; watachukuwa urithi wa nchi kwa mda wote, tawi la mazao yangu, kazi ya mikono yangu, ili niweze kuitukuza.
Yoos uummanni kee hundi qajeelaa ni taʼa; bara baraanis lafa ni dhaala. Isaan biqiltuu ani dhaabbadhee dha; hojii harka koo, kan ani ittiin ulfina koo mulʼisuuf jedhee hojjedhee dha.
22 Mtoto atakuwa maelfu, na mdogo atakuwa taifa la wenye nguvu; Mimi Yahwe Nitayatimiza hayo mda utakapowadia.
Maatiin muraasni kuma, gareen xinnaan immoo saba guddaa taʼa. Ani Waaqayyoo dha; waan kana yeroo isaatti dafee nan hojjedha.”

< Isaya 60 >