< Isaya 46 >

1 Beli huaguka chini, Nebo husujudu; miungu yao imebebwa na wanyama na mzigo wa mnyama. Sanamu hizi mlizobeba ni mzigo mzito kwa wanyama kuchoka.
Beel gad jedha; Neboo akka malee gugguufa; waaqonni isaanii tolfamoon kotte duudaa fi horiitti feʼamaniiru; fakkiiwwan isaan qabatanii jooran baʼaa dha; horii dadhabeef baʼaa dha.
2 Kwa pamoja wanashuka chini; hawawezi kuziokoa sanamu zao, na wao wenyewe wameenda uhamishoni.
Isaan gugguufanii walii wajjin gad jedhu; baʼaa sana oolchuu hin dandaʼan; isaan iyyuu ni boojiʼamu.
3 Nisikilizeni mimi, nyumba ya Yakobo, wote mliobaki kwenye nyumba ya Israeli mliochukuliwa na mimi kutoka kabla amjazaliwa, mlichukuliwa mkiwa tumboni.
“Yaa mana Yaaqoob, isin hambaan mana Israaʼel hundi, warri ani gaafa isin gadameessa keessatti uumamtanii jalqabee ol isin qabee gaafa dhalattanii jalqabees isin baadhe hundi dhaggeeffadhaa.
4 Hata kwa njie wazee Mimi ndiye, mpaka mmeshapata mvi nitawachukua. Nimewaumba ninyi na nitawabeba ninyi; Nitwachukua nyie na nitawakomboa nyie.
Hamma dulloomtanii arrii baaftanitti, ani isa; isuma isin jiraachisuu dha. Ani isin uumeera; isinan baadhas; ani isinan jiraachisa; isinan baraaras.
5 Je utanifananisha mimi na nani? na mimi nimefanana na nani, ili utulinganishe?
“Isin eenyuun wal bira na qabdu yookaan eenyuun wal na qixxeessitu? Akka wal madaalluufis eenyutti na fakkeessitu?
6 Watu humwaga dhahabu kutoka kwenye mabegi yao na uzito wa fedha kwenye uzani. Humuajiri mfua dhahabu, na hutengeneza kuwa dhahabu; na huinama chini na kuzisuju.
Namoonni tokko tokko korojoo isaanii keessaa warqee gad naqanii madaalliidhaan meetii madaalu; Waaqa tolfamaa tolchuuf jedhanii tumtuu warqee qacaru; isaanis gad jedhanii sagaduuf.
7 Wanazinyanyua juu ya mabega yao na kuzibeba; wanaziweka katika sehemu yake, na itasimama katika eneo lake na alitasogea kutoka pale, hulilia, lakini haiwezi kujibu wala kumuokoa yeyote kwenye matatizo.
Ol fuudhanii gatiittii isaaniitti ni baatu; iddoo isaatti ni deebisu; innis achi dhaabata. Inni iddoo sanaa sochoʼuu hin dandaʼu. Yoo namni gara isaatti iyye iyyuu, inni deebii hin kennu; inni rakkoo isaa keessaa isa baasuu hin dandaʼu.
8 Tafakari kuhusu hivi vitu; katu usivipuuzie, enyi waasi!
“Yaa finciltoota, waan kana yaadadhaa; qalbiittis qabadhaa; garaa keessan keessas kaaʼadhaa.
9 Tafakari kuhusu vitu vya awali, nyakati zile zilizopita, Maana mimi ni Mungu, na hakuna mwingine, Mimi ni Mungu na hakuna kama mimi.
Wantoota darban kanneen bara durii yaadadhaa; ani Waaqa; kan biraa hin jiru; ani Waaqa; kan akka koo hin jiru.
10 Mimi ninatangaza mwisho kutoka mwanzo, na kabla ya kitu ambacho hakijatokea; Ninasema, ''Mpango wangu utatokea na nitafanya kama ninavyotamani.''
Ani dhuma waan tokkoo jalqabumatti nan labsa; waan amma iyyuu dhufuuf jiru, ani durumaa jalqabee dubbadheera. Ani, ‘Kaayoon koo cimee jiraata; waan na gammachiisu hundas nan hojjedha’ nan jedha.
11 Nitamuita ndege wa mawindo kutoka mashariki, Mtu ambaye ni chaguo langu kutoka nchi ya mbali; Ndio nimesema; na pia nitayatimiza haya, nimekusudia, na pia nitafanya hivyo.
Baʼa biiftuutii allaattii waa adamsitu, lafa fagootii immoo nama kaayyoo koo fiixaan baasu nan waama. Ani waanan dubbadhe nan guuta; waanan karoorfadhes nan raawwadha.
12 Nisikilize mimi, enyi watu makaidi, ambao mko mbali na kutenda mema.
Yaa mata jabeeyyii, isin warri qajeelummaa irraa fagoo jirtan na dhaggeeffadhaa.
13 Ninaileta haki yangu karibu; na wala sio mbali, na wokovu wangu hausubiri; na nitatoa wokovu wangu kwa Sayuni na uzuri wangu kwa Israeli.
Ani qajeelummaa koo nan dhiʼeessa; innis fagoo hin jiru; fayyisuun koos hin barfatu. Ani Xiyooniif fayyina, Israaʼeliif immoo ulfina koo nan kenna.

< Isaya 46 >