< Isaya 43 >
1 Lakini sasa haya ndio Yahwe asemayo, yeye aliyekuumba ewe, Yakobo, na yeye aliyekuumba ewe, Israeli: ''Usiogope, kwa maana nimekukomboa wewe; nmeikuita kwa jina lako, wewe ni wangu.
Amma garuu yaa Yaaqoob, Waaqayyo inni si uume, yaa Israaʼel, inni si tolche akkana jedha: “Ani si fureeraatii hin sodaatin; ani maqaa keetiin si waameera; ati kan koo ti.
2 Utakapopita katika maji, Nitakuwa pamoja na wewe; na katika mito, hayatakuzuru wewe. Utakapotembea katika moto hautaungua, na moto hautakuharibu wewe.
Yommuu ati bishaan keessa dabartu, ani si wajjinan jira; yommuu ati lageen ceetus, isaan si hin liqimsan. Yommuu ibidda keessa deemtu, ati hin gubattu; arrabni ibiddaas si hin gubu.
3 Maana mimi Yahwe Mungu wako, Mtakatifu wa Israeli Mkombozi wenu. Nimewapa Misri kama fidia yenu, Ethiopia na Seba watabadilishana kwako.
Ani Waaqayyo Waaqni kee, Qulqullichi Israaʼel Fayyisaa keeti; ani biyya Gibxi furii keetiif, qooda kee immoo Kuushii fi Saabaa nan kenna.
4 Kwa maana ulikuwa wa thamani na maalumu katika macho yangu, Ninakupenda; kwa sababu hiyo Nitatoa watu kwa ajili yako, na watu wengine kwa ajili ya maisha yako.
Waan ati ija koo duratti jaallatamaa fi kabajamaa taateef, anis waanan si jaalladhuuf, qooda kee namoota qooda lubbuu keetii immoo saboota nan kenna.
5 Usiogope, maana Mimi niko pamoja na wewe; Nitawarudisha watoto wako kutoka mashariki, na kuwakusanya nyie kutoka magharibi.
Ani si wajjinan jiraatii hin sodaatin; ani ijoollee kee baʼa biiftuutii nan fida; lixa biiftuutiis walitti sin qaba.
6 Nitasema na kaskazini, 'Wakabidhini wao; na kwa kusini, Usiangalie ya nyuma; Leteni vijana wangu kutoka mbali na binti zangu kutoka vijiji vya mikoani katika nchi,
Ani Kaabaan, ‘Isaan gad dhiisi!’ Kibbaan immoo ‘Isaan hin dhowwin’ nan jedha. Ilmaan koo fagoodhaa, intallan koo immoo handaara lafaatii fidi;
7 yeyote aitwe kw jina langu, niliyemuumba kwa utukufu wangu mwenyewe, Niliyemuumba, ndio, Mimi niliyemfanya.
kan maqaa kootiin waamame hunda, kanneen ani ulfina kootiif uume, warra ani tolchee fi hojjedhe sana fidaa.”
8 Waleteni nje watu ambao ni vipofu, hata kama wana macho, na viziwi, hata kama wana masikio.
Warra utuu ija qabanuu jaamanii utuu gurra qabanuu duudan gad baasi.
9 Mataifa yote yatakusanyika kwa pamoja na watu watakusanyika. Ni nani miongoni mwenu atakaye tamka na kutangaza kutumia mambo ya mwanzo? Waache walete mashahidi kuwashuhudia wao kama wako sahihi, waache wasikilize na kuthibitisha, 'kama ni kweli'.
Sabni hundi tokkummaadhaan walitti haa qabamu; namoonnis wal haa gaʼan. Isaan keessaa namni duraan dursee waan kana nutti himee wantoota duraas nuuf labse eenyu? Akka warri kaan dhagaʼanii, “Kun dhugaa dha” jedhaniif, akka dhugaa qabeeyyii taʼuun isaanii mirkaneeffamuuf isaan dhuga baatota isaanii haa dhiʼeeffatan.
10 Ninyi ni mashahidi wangu, ametangaza Yahwe, ''na watumishi wangu niliowachagua, ili uweze kujua na kuniamini mimi, na kuelewa kwamba mimi ndiye. Kabla yangu hapana mungu mwingine aliyeumbwa, na wala hatatoke baada yangu.
Waaqayyo akkana jedha; “Akka isin beektanii na amantaniif akka ani isa taʼes akka hubattaniif isin dhuga baatota koo, garbicha koo kan ani filadhee dha. Anaan dura waaqni hin hojjetamne; anaan booddees hin jiraatu.
11 Mimi, Mimi Yahwe, na hakuna Mkombozi zaidi yangu.
Ana, anuma qofatu Waaqayyo; ana malees fayyisaan biraa hin jiru.
12 Nimetangaza, nimeokoa, na kutangaza, na hakuna Mungu mwingine miongoni mwenu, Ninyi ni mashahidi wangu asema Yahwe, ''Mimi ni Mungu.
Ani mulʼiseera; fayyiseera; labseeras; ana malee waaqni ormaa gidduu keessan hin turre. Akka ani Waaqa taʼe, isin dhuga baatota koo ti” jedha Waaqayyo.
13 Kuanzia leo na kuendelea mimi ndiye, na hakuna hata mmoja atakayewakomboa kwenye mkono wangu. Nitafanya, na nani awezae kunizuia?''
“Bara duriitii jalqabee ani isuma. Namni tokko iyyuu harka kootii waa baasuu hin dandaʼu. Ani nan hojjedha; eenyutu dhowwuu dandaʼa?”
14 Yahwe asema hivi, Mkombozi wenu, yeye Mtakatifu wa Israeli: ''Kwa niaba yenu nimemtuma mjumbe kwenda Babeli na kuwaongoza wao wote chini kama watuhumiwa, kubadilisha kelele za furaha za watu wa Babeli' kuwa wimbo wa maombolezo.
Waaqayyo Furiin kee, Qulqullichi Israaʼel akkana jedha: “Ani isiniif jedhee Baabilonitti loltoota ergee dooniiwwan isaan ittiin boonaniin namoota Baabilon hunda boojiʼee nan fida.
15 Mimi ni Yahwe, niliye Mtakatifu, Muumbaji wa Israeli, Mfalme wenu.
Ani Waaqayyo, Qulqullicha keessan, Uumaa Israaʼel, Mootii keessanii dha.”
16 Yahwe asema hivi, Ni nani aliyefungua njia katika bahari, na njia katika maji yenye nguvu,
Waaqayyo inni, galaana keessaan karaa, bishaanota jajjaboo keessaan immoo daandii tolche akkana jedha;
17 ni nani anayeongoza gari na farasi, majeshi na jeshi kuu. Walianguka chini kwa pamoja; hawakunyanyuka tena; wamezimwa, kama utambi unaoungua.
inni gaariiwwanii fi fardeen, loltootaa fi gargaartota isaanii tokkummaadhaan ariʼee baase akkana jedha; isaan achuma ciciisu; lammatas hin kaʼan; akkuma foʼaa ibsaattis dhaamanii badu;
18 Msifikirie hayo mambo yaliyopita, wala kuyafikiria mambo ya zamani.
“Wantoota durii irraanfadhaa; waan darbettis hin cichinaa.
19 Tazama ninakaribia kufanya mambo mapya; sasa yanakaribia kutokea; Je humyajui haya? Nitafanya njia jangani na na mikondo ya maji katika jangwa
Kunoo, ani waan haaraa tokko nan hojjedhaa! Innis amma ni biqila; isin hin hubattanii? Ani gammoojjii keessatti karaa nan qopheessa; lafa onaa keessattis burqaa nan burqisiisa.
20 Wanyama pori wa shambani wataniheshimu mimi, Mbweha na mbuni, kwa sababu ninatoa maji jangwani, na mito jangwani, ili watu wangu niliowachuga wapate kunjwa,
Bineensonni bosonaa, waangoowwanii fi guchiiwwan ulfina naaf kennu; akka sabni koo kan ani filadhe dhuguuf, ani gammoojjii keessatti bishaan, lafa onaa keessattis burqaa nan kennaatii;
21 Watu hawa niliowaumba mwenyewe, kwamba wahesabu tena sifa zangu.
sabni ani ofii kootiif filadhe akka na galateeffatuuf ture.
22 Lakini hamjanita mimi, Yakobo; umechoka na mimi, Israeli.
“Yaa Yaaqoob, ati garuu na hin waammanne; yaa Israaʼel, ati fuula koo duratti dadhabdeerta.
23 Haujaniletea hata kondoo wako kama sadaka ya kuteketeza; na wala haujaniheshimu mimi kwa sadaka yako Sijakutumisha wewe kwa sadaka ya mazao, wala sijawachosha kwa sadaka yenu ya ubani.
Ati aarsaa gubamuu fi hoolota naaf hin fidne; yookaan aarsaa keetiin ulfina naaf hin kennine. Ani aarsaa midhaaniitiin si hin rakkifne; yookaan aarsaa ixaanaa gaafachuudhaan si hin dadhabsiifne.
24 Hamkuninunulia mimi manukato mazuri kwa fedha, hakumwagia mimi mafuta ya sadaka zenu; Lakini mnanichosha mimi na dhambi zenu na mnanichosha mimi kwa matendo yenu mabaya.
Ati qundhii urgaa gaarii qabu naa hin binne; yookaan cooma qalma keetiitiin na hin quubsine. Garuu baʼaa cubbuu keetii natti feete; yakka keetiinis na dadhabsiifte.
25 Mimi, ndio, Mimi, ndiye niliyafaye maovu yenu kwa niaba yangu mmi mwenyewe; na Sitawaita na kuwakumbusha dhambi zenu tena.
“Kan ofii kootiif jedhee yakka kee sirraa haqee cubbuu kees deebiʼee hin yaadanne, ani anuma.
26 Nikumbusheni mimi kilichotokea. Njooni tusemezane pamoja; leta hoja zako, ili kusudi uthibitishe kuwa hauna hatia.
Mee waan darbe irra naa deebiʼi; walitti dhufnee dubbii kana irratti haa falminu; dubbii kee dhiʼeeffadhuutii qajeelaa taʼuu kee mirkaneeffadhu.
27 Baba yako wa kwanza alitenda dhambi, na viongozi wenu walitenda dhambi dhidi yangu.
Abbaan kee kan jalqabaa cubbuu hojjete; barsiistonni kee natti fincilan.
28 Hivyo basi Nitawatia unajisi viongozi watakatifu; Nitamkabidhi Yakobo kuwaharibu kabisa, na Israeli kulaani udhalilishaji.
Kanaafuu ani itti gaafatamtoota mana qulqullummaa keetii nan salphisa; Yaaqoobin badiisaaf, Israaʼelin immoo tuffiif dabarsee nan kenna.