< Isaya 34 >
1 Njooni karibu enyi mataifa, sikilizeni na muwe makini, enyi watu! Dunia na vyote vijazavyo vinatakiwa kusikiliza, dunia na vyote vitokavyo,
Yaa saboota, isin as dhiʼaadhaatii dhaggeeffadhaa; yaa namoota, isinis qalbeeffadhaa! Lafti haa dhageessu; kan ishee keessa jiraatu hundis, addunyaa fi wanni ishee keessaa baʼu hundinuu haa dhagaʼan!
2 Maana Yahwe ana hasira na mataifa yote, ana hasira dhidi ya majeshi yao; amewaangamiza wao kabisa, ameawakabidhi kwa wachinjaji.
Waaqayyo saboota hundatti aareera; dheekkamsi isaa loltoota isaanii hunda irra buʼeera. Inni guutumaan guutuutti isaan barbadeessa; inni akka qalamaniif dabarsee isaan kenna.
3 Miili ya watu wao waliokufa itatupwa nje. Harufu ya miili iliyokffa itakuwa kila mahali; na mlilima italowekwa kwa damu yao.
Isaan keessaa warri duʼan alatti gad darbataman; reeffi isaanii ni ajaaʼa; tulluuwwan dhiiga isaaniitiin tortoru.
4 Nyota zote angani zitafifia, na anga litakunjwa kama kitabu; na nyota zake zitafifia mbali, kama tawi linavyonyauka kwenye mzabibu, kama tunda lilokomaa kwenye mti.
Raayyaawwan samii hundinuu ni baqu; samiinis akkuma kitaaba maramaa ni marmarama; raayyaan urjiiwwanii hundinuu akkuma baala wayinii coollagee, akkuma harbuu muka harbuu irraa harcaʼuutti harcaʼu.
5 Maana pale upanga wangu utakapokunywa na kushiba mbinguni; tazama, maana sasa utakuja chini huko Edomu, kwa watu ambao nimewaweka mbali na adhabu.
Goraadeen koo samii keessatti hamma quufutti dhugeera; kunoo inni Edoomitti muruuf, gara saba ani guutumaan guutuutti barbadeesseetti gad buʼeera.
6 Upanga wa Yahwe unadondosha matone ya damu na kufunikwa kwa mafuta, matone ya damu ya kondoo na mbuzi, yamefunikwa kwa figo za kondoo. Maana Yahwe ametoa sadaka katika Bozra na mauwaji katika nchi ya Edomu.
Goraadeen Waaqayyoo dhiiga keessa cuuphameera; inni coomaan, dhiiga xobbaallaawwan hoolaatii fi reʼootaatiin, moora kalee korbeeyyii hoolaatiin haguugameera. Waaqayyo Bozraa keessatti aarsaa, Edoom keessatti immoo qalma guddaa qopheesseeraatii.
7 Ng'ombe wa porini watachinjwa pamoja na wao, fahali wakubwa na fahali wadogo. Nchi yao italewa kwa damu, na mavumbi yake yatafanjwa kuwa mafuta na mafuta yaliyonona.
Gafarsi isaan wajjin, jiboonnis korommii gurguddaa wajjin dhumu. Lafti isaanii dhiigaan jiiti; biyyoon isaaniis moora quufa.
8 Maana itakuwa ni siku ya kisasi kwa Yahwe na mwaka ambao anawalipa kwa sababu ya Sayuni.
Waaqayyo guyyaa itti haaloo baʼu, waggaa itti waaʼee Xiyoon falmu qabaatii.
9 Mifereji ya Edomu itageuka kuwa lami, na mavumbi yake yatakuwa kiberiti na nchi itakuwa kama lami inayoungua.
Burqaawwan Edoom leeleetti, biyyoon ishees dinyii bobaʼutti geeddarama; lafti ishee immoo leelee bobaʼu taʼa!
10 Itaungua usiku na mchana; moshi wake utatoka daima; na patakuwa nyika kizazi hata kizazi; na hakuna hata mmoja atakayepita hapo milele na milele.
Inni halkan yookaan guyyaa hin dhaamu; aarri isaas bara baraan ol baʼa. Lafti sun dhalootaa hamma dhalootaatti ontee hafti; namni tokko iyyuu deebiʼee ishee keessaan hin darbu.
11 Lakini ndege na wanyama porini wataishi pale; bundi na kunguru watatengeneza viota vyao pale. Atanjoosha juu yake futi kamba ya uharibifu na pima maji ya uharibifu.
Cululleen gammoojjiitii fi dhaddeen lafa sana ni fudhatu; urunguu fi arraagessi mana isaanii achitti ijaarratu. Waaqni Edoom irra, funyoo jeequmsaatii fi madaalii badiisaa ni diriirsa.
12 Wenye vyeo hawatakuwa na kitu kilichobakia kuita ufalme, na wakuu wote watakuwa si kitu.
Gurguddoonni ishee waan mootummaa jedhamee waamamu achii hin qabaatan; ilmaan mootota ishee hundi ni badu.
13 Miiba itaota katika maeneo yao, viwavi na mbigiri vitakuwa katika ngome zao. Yatakuwa makao ya mbweha, makazi ya mbuni.
Masaraa ishee qoraattii, daʼannoo ishee doobbii fi sokorruutu dhaala. Isheen boolla waangoo, iddoo urunguun jiraattu ni taati.
14 Wanyama wa porini na fisi watakusanyika pale, na mbuzi wa porini watalia wao kwa wao. Nyakati za usiku wanyama watakaa pale na watajitafutia wenywe mahali pa kupumzikia.
Uumamawwan gammoojjii waraabessa wajjin wal gaʼu; hafuuronni hamoo reʼee diidaa fakkaatan wal waamu; uumamawwan halkanii achi boqotan; ofii isaaniitiifis iddoo aara galfannaa argatu.
15 Bundi watatengeneza viota vyao, na kutotolea mayai yao, kila mmoja na mwenzake.
Urunguun achitti manʼee ijaarrattee hanqaaquu hanqaaqxi; cuucii yaaftees qoochoo jalatti kunuunfatti; allaattiinis dhirsaa fi niitii taatee achitti walitti qabamti.
16 Kutafuta kupitia kitabu cha Yahwe; hakuna hata kimoja ambacho hakitakuwepo. Hakuna kitakacho kosa mwenzake; maana mdoma wake umeamuru hivyo, roho yake imewakusanya wao.
Kitaaba Waaqayyoo keessaa ilaalaatii kan akkana jedhu dubbifadhaa: Isaan kanneen keessaa tokko iyyuu hin dhabamu; tokkittiin iyyuu dhirsa ishee hin dhabdu. Afaan Waaqaa ajajeeraatii; Hafuurri isaas walitti isaan qaba.
17 Atapiga kura katika eneo lao, na mkono wake umewapima kwa kamba. Wataimiliki daima; kutoka kizazi hata kizazi wataishi pale.
Isatu qooda isaanii hiraaf; harki isaa safartuudhaan isaaniif qooda. Isaan bara baraan qooda kana ni qabaatu; dhalootaa hamma dhalootaattis achi jiraatu.