< Isaya 32 >
1 Tazama, mfalme atatawala kwa haki, wakuu wataongoza kwa haki.
Kunoo mootiin qajeelummaadhaan moʼa; bulchitoonnis murtii qajeelaadhaan bulchu.
2 Kila mmoja atakuwa kama makazi kutoka kwenye upepo na kimbilio kutoka kwenye dhoruba, kama mifereji kwenye sehemu kavu, kama kivuli kwenye mwamba mkubwa katika nchi iliyochoka.
Tokkoon tokkoon namaa akkuma daʼannoo bubbee jalaa itti daʼatanii, akkuma iddoo itti jabaa jalaa baqataniitti, akkuma bishaan gammoojjii keessa yaaʼuutii fi akkuma gaaddisa kattaa guddaa kan lafa gogaa keessaa ni taʼa.
3 Halafu macho ya waie wanaoona hayataona giza, na masikio ya wale wanosikia yatasikia vizuri.
Ergasiis iji warra waa arguu hin dunuunfatu; gurri warra waa dhagaʼuus ni dhaggeeffata.
4 Wenye upele watafikiria kwa makini kwa uelewa wao, na wenye kigugumizi watazungumza dhahiri na kwa urahisi.
Qalbiin nama jarjaru tokkoo ni beeka; ni hubata; arrabni giingees qajeelchee qulqulleessee dubbata.
5 Mjinga hataitwa tena muheshimiwa, wala muongo hataitwa mkuu.
Siʼachi gowwaan ulfina qabeessa hin jedhamu; addaggeenis baayʼee hin kabajamu.
6 Maana mjinga anazungumza ujinga, na moyo wake unapanga maovu na matendo ya wasiomcha Mungu, na anaongea mambo mabaya kuhusu Yahwe. Na anawafanya wenye njaa kuwa tupu na wenye kiu kukosa maji
Gowwaan sababii gowwummaa dubbatuuf qalbiin isaa hammina hojjeta; inni waan Waaqni hin jaallanne hojjeta; waaʼee Waaqayyoos dogoggora odeessa; inni nama beelaʼe beela hin baasu; nama dheebote illee bishaan dhowwata.
7 Njia ya muongo ni maovu. Anajua kubuni mipango mibaya ya kuwalagai masikini kwa uongo, na hata kama masikini atazungumza ukweli.
Malli addaggee hammina; inni utuma iyyanni rakkattootaa qajeelaa taʼee jiruu sobumaan hiyyeeyyii balleessuuf jedhee jalʼina yaada.
8 Lakini watu wa heshima wanapanga mipango ya kuheshimika; na kwa sabaubau ya matendo ya wenye heshima tuatasimama.
Namni ulfina qabeessi garuu karoora ulfaataa baasa; hojii ulfina qabeessa sanattis ni jabaata.
9 Nyanyukeni juu, enyi wanawake mlio wepesi, na sikilizeni sauti yangu; enyi mabinti msiowangalifu, nisikilizeni mimi.
Yaa dubartoota akka malee boontan kaʼaatii na dhaggeeffadhaa; yaa intallan waan nagaa qabdan of seetan waan ani jedhu dhagaʼaa!
10 Maana kwa mda mfupi zaidi ya mwaka ujasiri wenu utavunjika, nyie wanawake msiojali, maana mavuno ya zabibu yatakwama, mavuno hayatakuwepo.
Isin warri waan nagaa qabdan of seetan erga waggaan tokko xinnuma darbee booddee ni hollattu; wayiniin ija hin kennu; yeroon itti iji walitti qabamus hin dhufu.
11 Tetemekeni, enyi wanawake, mliowadhaifu; taabikeni enyi msikuwa wangalifu; ondoeni nguo zenu nzuri mbaki wazi;
Yaa dubartoota boontuuwwan isin holladhaa; intallan waan nagaa qabdan of seetanis raafamaa! Uffata keessan of irraa baasaatii wayyaa gaddaa mudhii keessanitti hidhadhaa.
12 Vaeni nguo za magunia katika viuno vyenu. Ole watakaojichukulia mashamba mazuri, kwa mzabibu ulio zaa sana.
Lafa qotiisaa gaariif, muka wayinii ija naqatuufis laphee keessan dhaʼaa;
13 Kwenye aridhi ya watu wangu kutamea miiba na mbigiri, hata juu ya nyumba za furaha na mji ulio na shangwe.
lafa uummata koo kan qoraattii fi sokorruun irratti guddatuuf laphee keessan dhaʼaa; dhugumaan manneen gammachuu hundaa fi magaalaa fandalaltuu kanaaf booʼaa.
14 Maana jumba litaachwa, mji uliosongamana utakuwa faragha; kilima na mnara vitakuwa mapango daima, furaha ya punda, malisho ya mifugo;
Daʼannoon ni ona; magaalaan namni keessa guutes duwwaa hafti; magaalaan jabduunii fi qooxiin eegumsaa bara baraan ni onu; iddoo harreen diidaa keessa burraaqxuu fi iddoo bushaayeen itti bobbaʼan taʼu;
15 mpaka roho itushukie sisi kutoka juu, na jangwa litakuwa shamba linalozaa, na shamba linalozaa litachukuliwa kama msitu.
kunis hamma Hafuurri Qulqulluun gubbaadhaa nurratti dhangalaafamuu fi hamma gammoojjiin lafa qotiisaa gabbataa taʼee lafti qotiisaa gabbataan immoo bosona fakkaatutti taʼa.
16 Wenye haki wataishi jangwani; na wenye haki wataishi katika shamba linalozaa matunda.
Murtii qajeelaan gammoojjii keessa jiraata; qajeelummaan immoo lafa qotiisaa gabbataa keessa jiraata.
17 Kazi ya mwenye haki itakuwa ni ya amani; na matokeo ya wenye haki, ni utulivu na kujiamini daima.
Buʼaan qajeelummaa nagaa dha; faayidaan qajeelummaa immoo utuu hin birʼatin tasgabbiin bara baraan jiraachuu dha.
18 Watu wangu wataishi katika makao ya amani, na katika nyumba salama na mahali tulivu pa kupumzikia.
Sabni koo iddoo jireenyaa nagaa qabu, manneen bultii sodaa hin qabne iddoo boqonnaa jeequmsi hin jirre keessa jiraata.
19 Lakini hata kama ni mvua ya mawe na msitu umeharibiwa, na mji umeteketezwa,
Yommuu cabbiin bosona irratti buʼu, magaalattiin guutumaan guutuutti gad deebiti;
20 yule ambae anaye panda pembezoni mwa mifereji atabarikiwa, na yule atakaye wapeleka ng'ombe na punda kuchunga.
isin warri qarqara laga hundaatti sanyii facaafattanii loon keessanii fi harroota keessan nagaan bobbaafattan akkam eebbifamoo dha.