< Hosea 11 >

1 “Wakati Israeli alikuwa kijana nilimpenda, na nikamwita mtoto wangu kutoka Misri.
“Israaʼel yeroo daaʼima turetti, ani isa nan jaalladhe; ani Gibxii ilma koo waameera.
2 Kwa kadiri waliyoitwa, ndivyo walivyoondoka kwangu. Wakawafanyia dhabihu Baali, wakatafuta uvumba kwa sanamu.
Garuu hammuma ani itti deddeebiʼee isaan waamu, isaan narraa fagaachaa deeman. Isaan Baʼaaliif aarsaa dhiʼeessanii fakkiiwwaniif ixaana aarsan.
3 Lakini mimi ndio niliyemfundisha Efraimu kutembea. Ndiye niliyewainua kwa silaha zao, lakini hawakujua kwamba niliwajali.
Kan irree isaanii qabee Efreemin miillaan deemuu barsiise anuma; isaan garuu akka ani isaan fayyise hin hubanne.
4 Niliwaongoza kwa kamba za ubinadamu, na mafungo ya upendo. Mimi nilikuwa kama mtu aliyepunguza jozi juu ya taya zao, na nikainama na kuwalisha.
Ani funyoo gara laafina namaatiin, hidhaa jaalalaatiinis isaan nan harkise; ani morma isaanii irraa waanjoo fuudhee isaan sooruuf gadan jedhe.
5 Je, hawatarudi nchi ya Misri? Je, Ashuru haitatawala juu yao kwa sababu wanakataa kurudi kwangu?
“Isaan qalbii jijjiirrachuu waan didaniif Gibxitti hin deebiʼan; Asoor garuu isaan bulcha.
6 Upanga utaanguka juu ya miji yao na kuharibu makomeo ya milango yao; itawaangamiza kwa sababu ya mipango yao wenyewe.
Goraadeen magaalaawwan isaanii keessatti balaqqisa; raajota sobduu isaanii ni barbadeessa; karoora isaaniis ni fashaleessa.
7 Watu wangu wameamua kuniacha. Ingawa wanaita kwa Aliye Juu, hakuna mtu atawasaidia.
Sabni koo narraa deebiʼuuf kutateera. Yoo isaan Waaqa Waan Hundaa Olii waammatan iyyuu inni gonkumaa ol isaan hin qabu.
8 Ninawezaje kukuacha, Efraimu? Ninawezaje kukupeleka, Israeli? Ninawezaje kukufanya kama Adma? Ninawezaje kukufanya kama Seboimu? Moyo wangu umebadilika ndani yangu; huruma zangu zote zimeongezeka.
“Yaa Efreem ani akkamiinan dandaʼee si dhiisa? Yaa Israaʼel ani akkamiinan dabarsee si kenna? Ani akkamiinan dandaʼee akka Adimaa si godha? Akkamiinan akka Zebooʼiim si godha? Garaan koo na keessatti geeddarameera; gara laafinni ani siif qabu guddateera.
9 Sitafanya hasira yangu kali; Mimi sitawaangamiza Efraimu tena. Kwa maana mimi ni Mungu, wala si mtu; Mimi ni Mtakatifu kati yenu, nami sitakuja katika ghadhabu.
Ani dheekkamsa koo sodaachisaa sana gad hin dhiisu; yookaan ani deebiʼee Efreemin hin balleessu. Ani Waaqa malee nama miti; ani Isa Qulqulluu gidduu kee jiruu dha. Ani dheekkamsaan hin dhufu.
10 Watanifuata, Bwana. Nitanguruma kama simba. Nami nitaomboleza, na watu watakuja wakitetemeka kutoka magharibi.
Isaan Waaqayyoon duukaa buʼu; inni akkuma leencaa aada; yommuu inni aadutti ilmaan isaa hollachaa lixa biiftuutii dhufu.
11 Watakuja wakitetemeka kama ndege kutoka Misri, kama njiwa kutoka nchi ya Ashuru. Nitawafanya wapate kuishi katika nyumba zao.” Hii ndiyo tamko la Bwana.
Isaan akkuma simbirroo Gibxi irraa, akkuma gugee ollachaa Asoor irraa dhufu. Ani mana isaanii keessa isaan nan jiraachisa” jedha Waaqayyo.
12 Efraimu ananizunguka kwa maneno ya uongo, na nyumba ya Israeli kwa udanganyifu. Lakini Yuda bado anaendelea nami, Mungu, na ni mwaminifu kwangu, Mtakatifu.
Efreem sobaan, manni Israaʼel immoo gowwoomsaadhaan na marse. Yihuudaanis Waaqatti, amanamaa Qulqullicha Sanatti iyyuu fincile.

< Hosea 11 >