< Wahebrania 13 >
1 Basi upendo wa ndugu na uendelee.
Akka obbolootaatti wal jaallachuu itti fufaa.
2 Msisahau kuwakaribisha wageni, maana kwa kufanya hivi, baadhi wamewakaribisha malaika pasipo kujua.
Keessumoota simachuu hin irraanfatinaa; namoonni tokko tokko akkasiin utuu hin beekin ergamoota Waaqaa simataniiruutii.
3 Kumbuka wote waliomo gerezani, kana kwamba mulikuwa nao kule pamoja nao, na kama miili yenu ilitendewa kama wao.
Warra mana hidhaa jiran akka waan isaan wajjin hidhamtaniitti, warra dhiphina keessa jiranis akka waan ofii dhiphattaniitti yaadadhaa.
4 Basi ndoa na iheshimiwe na wote na basi kitanda cha ndoa kifanywe kuwa safi, kwa maana Mungu atawahukumu waasherati na wazinzi.
Fuudhaa fi heerumni nama hunda biratti haa kabajamu; sireen fuudhaa fi heerumaas qulqulluu haa taʼu; Waaqni ejjitootaa fi sagaagaltootatti ni muraatii.
5 Basi njia zenu za maisha ziwe huru katika upendo wa pesa. Muwe wanoridhika na vitu mulivyonavyo, kwani Mungu mwenyewe alisema, “Sitawaacha ninyi kamwe, wala kuwatelekeza ninyi.”
Jireenya keessan jaalala maallaqaa irraa jabeessaa eeggadhaa; wanni qabdan isin haa gaʼu; Waaqni, “Ani gonkumaa si hin dhiisu; gonkumaas si hin gatu” jedheeraatii.
6 Basi tulidhikeni ili tusema kwa ujasiri, “Bawa ni msaidizi wangu; Sitaogopa. Mwanadamu aweza kunifanya nini?”
Kanaaf nu ija jabinaan, “Gooftaan gargaaraa koo ti; ani hin sodaadhu. Namni maal na gochuu dandaʼa?” jenna.
7 Wafikirieni wale walio waongoza, wale waliongea neno la Mungu kwenu, na kumbukeni matokeo ya mienendo yao; igeni imani zao.
Hooggantoota keessan warra dubbii Waaqaa isinitti himanii turan sana yaadadhaa. Waan jireenya isaanii irraa argames ilaalaa; amantii isaanii duukaa buʼaa.
8 Yesu Kristo ni yeye jana, leo, na ata milele. (aiōn )
Yesuus Kiristoos kaleessa, harʼa, bara baraanis sanuma. (aiōn )
9 Usije ukaongozwa na mafundisho mbalimbali ya kigeni kwani ni vizuri kwamba moyo ujengwe kwa neema, na siyo kwa sheria kuhusu chakula hayo hayatawasaidia wale wanaoishi kwa hayo.
Barsiisa gosa hundumaa kan keessummaa taʼeen hin fudhataminaa. Garaan keenyas sirna waaʼee nyaataatiin utuu hin taʼin ayyaanaan jabina argachuu qaba; sirni waaʼee nyaataa warra isa kabajan iyyuu hin fayyadu.
10 Tunayo madhabau ambayo wale wanaotumika ndani ya hekalu hawana haki ya kula.
Nu iddoo aarsaa kan warri dunkaana qulqulluu keessa tajaajilan irraa nyaachuuf mirga hin qabne tokko qabna.
11 Kwa kuwa damu za wanyama, zilizotolewa dhabihu kwa ajili ya dhambi, ililetwa na kuhani mkuu ndani ya sehemu takatifu, lakini miili yao ilichomwa nje ya kambi.
Lubni ol aanaan dhiiga horii qabatee sababii cubbuutiif aarsaa dhiʼeessuuf jedhee Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sana seena; foon horii sanaas qubata keessaa gad baafamee gubama.
12 Kwa hiyo Yesu naye aliteseka nje ya lango la mji, hili kwamba kuweka wakfu watu kwa Mungu kupitia damu yake.
Kanaafuu Yesuusis dhiiga ofiitiin saba qulqulleessuuf jedhee karra magaalattiitiin alatti dhiphate.
13 Na kwa hiyo twendeni kwake nje ya kambi, tukizibeba fadheha zake.
Egaa kottaa nus salphina inni baate sana baannee iddoo qubataatiin ala gara isaa haa dhaqnu.
14 Kwani hatuna makao ya kudumu katika mji huu. Badala yake tutafute mji ambao unakuja.
Nu magaalaa dhufuuf jirtu eegganna malee magaalaa bara baraa asii hin qabnuutii.
15 Kupitia Yesu mnapaswa mara kwa mara kujitoa sadaka ya kumtukuza Mungu, kumsifu kwamba tunda la midomo yetu likili jina lake.
Kanaafuu kottaa utuu gargar hin kutin karaa Yesuusiitiin aarsaa galataa Waaqaaf haa dhiʼeessinu; aarsaan kunis dubbii maqaa isaa beeksisuuf afaan keenya keessaa baʼuu dha.
16 Na usisahau kufanya mazuri na kusadiana ninyi kwa ninyi, kwa kuwa ni kwa sadaka kama hiyo ndiyo Mungu hupendezwa sana.
Waan gaarii gochuu fi waan qabdanis namaan gaʼuu hin dhiisinaa; Waaqni aarsaa akkasiitti gammadaatii.
17 Tiini na kujishusha kwa viongozi wenu, kwani wanaendelea kuwalinda kwa ajili ya nafsi zenu, kama wale watakaotoa hesabu. Tiini ili kwamba viongozi wenu waweze kuwatunza kwa furaha, na sio kwa huzuni, ambayo haitawasaidia.
Hooggantoota keessaniif ajajamaa; isaaniifis bulaa. Isaan waan itti gaafatamtoota lubbuu keessanii taʼaniif isin eegu; kanas utuu gaddaan hin taʼin akka isaan gammachuun hojjetaniif isaaniif ajajamaa; yoo isaan gaddaan hojjetan isin hin fayyaduutii.
18 Tuombeni, kwani tuna uhakikwa kwamba tuna dhamira njema, tunatamani kuishi maisha ya heshima katika mambo yote.
Isin Waaqa nuu kadhadhaa. Nu akka karaa hundumaan qalbii qulqulluu qabnuu fi akka jireenya kabajamaa jiraachuu hawwinu mirkaneeffanneerra.
19 Na nyote ninawatia moyo zaidi mfanye hivi, ili kwamba niweze kurudi kwenu hivi karibuni.
Keessumattuu akka ani dafee deebiʼee gara keessan dhufuuf akka Waaqa kadhattan isin gorsa.
20 Sasa Mungu wa amani, ambaye aliwaleta tena kutoka kwa wafu mchungaji mkuu wa kondoo, Bwana wetu Yesu, kwa damu ya agano la milele, (aiōnios )
Waaqni nagaa inni karaa dhiiga kakuu bara baraatiin Gooftaa keenya Yesuus, Tiksee hoolotaa guddicha sana warra duʼan keessaa kaase sun, (aiōnios )
21 Atawapa uwezo kwa kila jambo zuri kufanya mapenzi yake, akifanya kazi ndani yetu iliyo njema ya kupendeza machoni pake, kupitia Yesu Kristo, kwake uwe utukufu milele na milele. Amina. (aiōn )
akka isin fedhii isaa raawwattaniif waan gaarii hundaan isin haa qopheessu; innis karaa Yesuus Kiristoosiitiin waan isa gammachiisu nu keessatti haa hojjetu; ulfinni bara baraa hamma bara baraatti Yesuus Kiristoosiif haa taʼu. Ameen. (aiōn )
22 Sasa ninakutia moyo, ndugu, kuchukualiana na neno la kutia moyo ambalo kwa ufupi nililiandika kwenu.
Yaa obboloota nana, ani waan xalayaa gabaabaa isinii barreesseef, akka isin ergaa gorsaa kana obsaan fudhattan isin kadhadha.
23 Fahamu kwamba ndugu yetu Timotheo ameshaachiwa huru, ambaye pamoja naye nitawaona kama atakuja hivi karibuni.
Akka obboleessi keenya Xiimotewos mana hidhaatii hiikame akka beektan nan barbaada. Yoo inni dafee as dhufe ani isin arguuf isa wajjin nan dhufa.
24 Salimia viongozi wako wote na waumini wote. Wale wanaotoka Italia wanakusalimia.
Hooggantoota keessan hundaa fi qulqulloota hundatti nagaa naa himaa. Warri Iixaaliyaa irraa dhufanis nagaa isinii dhaamu.
25 Na neema iwe nanyi nyote.
Ayyaanni isin hunda wajjin haa taʼu.