+ Mwanzo 1 >
1 Hapo mwanzo Mungu aliumba mbingu na nchi.
Jalqabatti Waaqni samiiwwanii fi lafa uume.
2 Nayo nchi haikuwa na umbo na ilikuwa tupu. Giza lilikuwa juu ya uso wa vilindi vya maji. Roho wa Mungu alikuwa akielea juu ya uso wa maji.
Lafti kan bifa hin qabnee fi duwwaa turte; dukkannis tuujuba irra ture; Hafuurri Waaqaas bishaan irra sosochoʼa ture.
3 Mungu akasema, “na kuwe nuru,” na kulikuwa na nuru.
Waaqnis, “Ifni haa taʼu” jedhe; ifnis ni taʼe.
4 Mungu akaona nuru kuwa ni njema. Akaigawa nuru na giza.
Waaqnis akka ifni sun gaarii taʼe arge; ifaa fi dukkanas gargar baase.
5 Mungu akaiita nuru “mchana” na giza akaliita “usiku.” Ikawa jioni na asubuhi, siku ya kwanza.
Waaqnis ifa sanaan “Guyyaa” jedhe; dukkana sanaan immoo “Halkan” jedhee moggaase. Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa tokkoffaa.
6 Mungu akasema, “na kuwe na anga kati ya maji, na ligawe maji na maji.”
Waaqnis, “Bishaanii fi bishaan gargar baasuuf bantiin bishaanota gidduu haa jiraatu” jedhe.
7 Mungu akafanya anga na kugawanya maji yaliyo kuwa chini ya anga na maji ambayo yalikuwa juu ya anga. Ikawa hivyo.
Kanaafuu Waaqni bantii tolchee bishaan bantii jalaatii fi kan bantiin olii gargar baase. Akkasumas taʼe.
8 Mungu akaita anga “mbingu.” Ikawa jioni na asubuhi siku ya pili.
Waaqnis bantii sana “samii” jedhee moggaase. Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa lammaffaa.
9 Mungu akasema, “maji yaliyo chini ya mbingu yakusanyike pamoja mahali pamoja, na ardhi kavu ionekane.” Ikawa hivyo.
Waaqnis, “Bishaan samiidhaa gad jiru iddoo tokkotti walitti haa qabamu; lafti gogaanis haa mulʼatu” jedhe. Akkasumas taʼe.
10 Mungu aliita ardhi kavu “nchi,” na maji yaliyo kusanyika akayaita “bahari.” Akaona kuwa ni vyema.
Waaqni lafa gogaa sanaan “lafa” jedhe; bishaanicha walitti qabameen immoo “galaana” jedhee moggaase. Waaqnis wanni kun akka gaarii taʼe arge.
11 Mungu akasema, nchi ichipushe mimea: miche itoayo mbegu na miti ya matunda itoayo matunda ambayo mbegu yake imo ndani ya tunda, kila kitu kwa namna yake.” Ikawa hivyo.
Ammas Waaqni, “Lafti biqiltuuwwan haa baastu; biqiltuuwwan akkuma gosa gosa isaaniitti sanyii baasan, mukkeen ija kennanii iji isaanii immoo sanyii of keessaa qabu adduma addaan akkuma gosa gosa isaaniitti lafa irratti haa argaman” jedhe. Akkasumas taʼe.
12 Nchi ikatoa mimea, miche itoayo mbegu ya aina yake, na miti itoayo tunda ambalo mbegu yake imo ndani yake, kwa aina yake. Mungu akaona kuwa ni vyema.
Laftis biqiltuu akkuma gosa isaatti sanyii baasu, muka ija kennu, kan iji isaas sanyii of keessaa qabu adduma addaan akkuma gosa isaatti baaste. Waaqnis wanni kun akka gaarii taʼe arge.
13 Ikawa jioni na asubuhi, siku ya tatu.
Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa sadaffaa.
14 Mungu akasema, “kuwe na mianga katika anga kutenganisha mchana na usiku. Na ziwe kama ishara, kwa majira, kwa siku na miaka.
Waaqnis akkana jedhe; “Guyyaa fi halkan gargar baasuuf bantii samii irratti ifawwan haa taʼan; isaanis mallattoowwan waqtiileen, guyyoonnii fi waggoonni ittiin beekaman haa taʼan;
15 Ziwe mianga katika anga ili kutoa mwanga juu ya nchi.” Ikawa hivyo.
isaanis ifawwan bantii samii irraa kan lafaaf ifa kennan haa taʼan.” Akkasumas taʼe.
16 Mungu akafanya mianga mikuu miwili, mwanga mkuu zaidi kutawala mchana, na mwanga mdogo kutawala usiku. Akafanya nyota pia.
Waaqni ifa gurguddaa lama uume; kunis akka ifni guddaan guyyaa, inni xinnaan immoo halkan moʼuuf. Akkasuma urjiiwwan illee uume.
17 Mungu akazipanga katika anga kutoa mwanga juu nchi,
Waaqnis akka isaan lafaaf ifa kennaniif bantii samii irra isaan kaaʼe;
18 kutawala mchana na usiku, na kugawanya mwanga kutoka kwenye giza. Mungu akaona kuwa ni vyema.
kunis akka isaan guyyaa fi halkan moʼanii fi akka ifa sana dukkana irraa gargar baasaniif. Waaqnis wanni kun akka gaarii taʼe arge.
19 Ikawa jioni na asubuhi, siku ya nne.
Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa afuraffaa.
20 Mungu akasema, “maji yajae idadi kubwa ya viumbe hai, na ndege waruke juu ya nchi katika anga la mbingu.”
Waaqnis, “Bishaan uumamawwan lubbu qabeeyyii munyuuqaniin haa guutamu; simbirroonnis lafaa olitti, bantii samii keessa haa barrisan” jedhe.
21 Mungu akaumba viumbe wakubwa wa baharini, pamoja na kila kiumbe hai cha aina yake, viumbe waendao na wanaojaa kila mahali majini, na kila ndege mwenye mabawa kwa aina yake. Mungu akaona kuwa ni vyema.
Kanaafuu Waaqni uumamawwan galaanaa gurguddaa, lubbu qabeeyyii munyuuqan kanneen galaana keessa jiraatan hundaa fi simbirroota qoochoo qaban hunda akkuma gosa isaaniitti uume. Waaqnis wanni kun akka gaarii taʼe arge.
22 Mungu akavibariki, akisema, “zaeni na muongezeke, na mjae majini katika bahari. Ndege waongezeke juu nchi.”
Waaqnis, “Horaa; baayʼadhaa; bishaan galaanotaas guutaa; simbirroonnis lafa irratti haa baayʼatan” jedhee isaan eebbise.
23 Ikawa jioni na asubuhi, siku ya tano.
Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa shanaffaa.
24 Mungu akasema, “nchi na itoe viumbe hai, kila kiumbe kwa aina yake, mnyama wa kufugwa, vitu vitambaavyo, na wanyama wa nchi, kila kitu kwa jinsi yake.” Ikawa hivyo.
Waaqnis, “Lafti akkuma gosa gosa isaaniitti uumamawwan lubbuu qabeeyyii jechuunis horii, uumamawwan lafa irra mumunyuuqan, bineensota akkuma gosa gosa isaaniitti haa kennitu” jedhe. Akkasumas taʼe.
25 Mungu akafanya wanyama wa nchi kwa aina yake, wanyama wa kufugwa kwa aina yake, na kila kitambaaho juu ya ardhi kwa aina yake. Akaona kuwani vyema.
Waaqni bineensota akkuma gosa gosa isaaniitti, horii akkuma gosa gosa isaaniitti, uumamawwan lafa irra mumunyuuqanis akkuma gosa gosa isaaniitti uume. Waaqni wanni kun akka gaarii taʼe arge.
26 Mung akasema, “na tumfanye mtu katika mfano wetu, wa kufanana na sisi. Wawe na mamlaka juu ya samaki wa bahari, juu ya ndege wa angani, juu ya wanyama wa kufuga, juu ya nchi yote, na juu ya kila kitu kitambaacho kinacho tambaa juu ya nchi.”
Waaqnis, “Kottaa akka bifa keenyaatti, akka fakkeenya keenyaattis nama uumnaa; isaanis qurxummii galaanaa irratti, simbirroo samii irratti, horii irratti, lafa hundumaa fi uumamawwan lafa irra munyuuqan hundumaa irratti aangoo haa qabaatan” jedhe.
27 Mungu akamuumba mtu kwa mfano wake. Katika mfano wake alimuumba. Mwanaume na mwanamke aliwaumba.
Kanaafuu Waaqni akka bifa isaatti nama uume; akka bifa Waaqaatti isa uume; innis dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume.
28 Mungu akawabariki na akawaambia, “zaeni na kuongezeka. Jazeni nchi, na muitawale. Muwe na mamlaka juu ya samaki wa baharini, juu ya ndege wa angani, na juu ya kila kiumbe hai kiendacho juu ya nchi,”
Waaqnis isaan eebbisee, “Horaa, baayʼadhaas; lafa guutaatii harka keessan jalattis bulfadhaa. Qurxummii galaanaa irratti, simbirroota samii irratti, uumama lafa irra munyuuqu hunda irratti aangoo qabaadhaa” jedheen.
29 Mungu akasema, “tazama, nimewapeni kila mmea uzaao mbegu ambao uko juu ya nchi, na kila mti wenye tunda ambalo lina mbegu ndani yake. Vitakuwa ni chakula kwenu.
Ergasii Waaqni akkana jedhe; “Kunoo ani akka isaan nyaata isinii taʼaniif biqiltuu lafa hunda irratti sanyii kennu hundaa fi muka iji isaa sanyii of keessaa qabu gosa hunda isinii kenneera.
30 Kwa kila mnyama wa nchi, kwa kila ndege wa angani, na kila kitambaacho juu ya nchi, na kila kiumbe ambacho kina pumzi ya uhai ni metoa kila mmea kwa ajili ya chakula.” ikawa hivyo.
Anis bineensa lafaa hundaaf, simbirroota samii hundaaf, uumama lafa irra munyuuqu hundaaf jechuunis waan hafuura jireenyaa of keessaa qabu hundaaf akka nyaata isaanii taʼuuf biqiltuu lalisaa hunda nan kenna.” Akkasumas taʼe.
31 Mungu akaona kila kitu alichokiumba. Tazama, kikawa chema sana. Ikawa jioni na asubuhi siku ya sita.
Waaqnis waan hojjete hunda ilaale; wanni sunis dhugumaan gaarii ture. Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa jaʼaffaa.